🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 28.82K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 15

2022-11-11 19:18:48 MANA KITAABAA
ADDUNYAARRAA 1FFAA
(የ አለማችን ግዙፉ ቤታ መፀሐፍ )
---------------------------------------

Manni Macaafa Addunyaa kana irraa Guddaa fi Qabiyyee macaafota Hedduu of keessatti qabatu biyya Ameerikaa Washington DC tti Argama.

➪ Barsiistonni in du'u macaafotni garuu in jiraatu jedhu Warri Netherland. Maaliif kana jedhan yeroo jennu Macaafni Umrii dheeraa qabaachuu akka danda'uu fi barsiisaan barsiisaa caalu macaafa ta'uu ibsa.

Manni Kitaabaa Addunyaa kana irraa guddichi Ameerikaatti argamu kun:

➪ Bareedinaa fi Guddina isaa Akkasumas umrii dheeraa kan lakkoofsise mana kitaabaa Congress Library jedhamuudha.

➪ Thomas Jefferson tu ijaarsise. Bara 1880-1897tti ijaaramee xumurame.

➪ Galmichi walga'ii namoota gurguuddaaf ni kireeffama ture.

➪ Hojjattoota 3100 ol qaba.

➪ Manni kitaabaa kun Qabiyyee Macaafotaa fi Suuraa, Vidiyoo garaagaraa walumatti 110 ol qaba.

➪ Afaan addunyaa kanaa 470 oliin barreeffameera.

➪ Macaafni xiqqaan "Old king cole" jedhamu macaafa mana kitaabaa sana keessatti argaman keessaa ishee baay'ee xinnoodha.

➪Fuula macaafichaa daddabarsuuf lilmoo malee qubaan hin danda'amu.

* Macaaafni guddichi mana macaafichaa keessatti argamu:

➪ Bal'ina Meetira 1 seenti meetira 52 fi dheerina meetira 2 qaba.

➪ Mana kitaabaa kana keessaattii Macaafonnii tartiibaan kaawwaman utuu diriirfamanii kiiloo meetira
1,349 ta'u jedhama.

➪ Waggaatti Addunyaa kana irraa Daawwattoota miliyoona 2 oltu dhaqee daawwata.

➪ Baajatni mana kitaabaa sanaaf Waggaattii Mootummaa irraa Ramadamuuf doolaara miliyoona 680 yookin qarshii biyya keenyaa Biliyoona 20 olidha jedhama.

➪ Manni Macaafaa kun Bara 1814tti Loltoota Britishiin Akkasumas bara 1951 abiddaan gubamee ture. haa ta'u malee irraa hafuu fi dhaloota har'aatiif bu'aa guddaa buusuu danda'eera.

➪ Vidiyoowwan Miliyoona 38 oltu achi keessattii argama.

➪ Suuraawwaan Miliyoona 15 ol of keessaa qaba.

➪ Torbanittii Macaafota Kuma 12tu maxxanfamanii itti dabalamaa adeemu.

Kun hunduu dhaloota isaanii beektota taasisuufidha. Milkaa'aniis jiru. Biyya keenya keessa hoo manneen macaafaa akkamiitu jiruu laata? Jiruyyuu moo? Egaa isa kana Walumaan kan beeknudha. Har'aaf seenaa mana macaafaa /kitaabaa/addunyaa kana irraa guddaa ta'e kana yoo ilaalle nu gaha.

➪ Dhaloota biyya keenyaafis biqiltuu dhaabuu qofaa miti. Mana Kitaabaa Dargaggootni keessaa qo'atanis guutummaa biyyaattii ijaaramuu qabu.

Kanuma irraa ka'aniitu, "ማንባብ ሙሉ ሰው ያደርገል " jedhan Haa Dubbifnu Beekumsas haa argannu! Join

@Reading_PDF
@Reading_PDF
481 viewsGetu Abera✟, 16:18
Open / Comment
2022-11-11 09:12:11 MOO'ATTOOTAA FI MOO'AMTOOTA
▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ Moo'attoonni yeroo mara furmaata barbaaduu irratti xiyyeefatu. Moo'amtoonni garuu rakkoo irratti xiyyeeffatu.

❍ Moo'attoonni yeroo mara jireenya isaaniif sagantaa qabu. Moo'amtoonni garuu sagantaa dhabuu isaaniif sababa garaagaraa dhiheessu.

❍ Moo'ataan "siifan hojjedha" siin jedha. Moo'atamaan garuu "kun hojii koo miti, ana hin ilaallatu" siin jedha.

❍ Moo'ataan rakkoo kamiifiyyuu furmaata barbaada. Moo'atamaan garuu furmaata kamiifiyyuu hanqina yookin mudaa barbaada.

❍ Moo'ataan "ulfaachuu danda'a garuu hojjechuun ni danda'ama" siin jedha. Moo'atamaan immoo, "Gochuun ni danda'ama garuu ulfaataadha" siin jedha.

❍ Moo'ataan wayita dogoggoru "nan dogoggore" jedha. Moo'atamaan immoo "Dogoggora koo miti" jedha.

❍ Moo'ataan waan hojjechuu qabu ni murteeffata. Moo'atamaan garuu yeroo biraa akka hojjetu waadaa siif seena.

❍ Moo'attoonni mul'ata qabu. Moo'amtoonni hawwii qabu.

❍ Moo'attoonni "hojjechuun qaba" jedhu. Moo'amtoonni immoo "hojjetamuu qaba" siin jedhu.

❍ Moo'attoonni garee tokkotti makamanii waliin hojjechuu ni danda'u. Moo'amtoonni garuu hin danda'an.

❍ Moo'attoonni waan argatan yaadu. Moo'amtoonni immoo waan dhaban yaadu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.5K viewsGetu Abera✟, 06:12
Open / Comment
2022-11-10 17:23:45 "YOON QAL'ADHEYYUU HIN CITU!"
▬▬▬▬▬▬▬▬
Mootii biyya tokkootu hojjattoota isaa shaniif Gaala tokko walitti kenneefii ofirraa gaggeessa. Hojjattoonni kunnenis:
⁃ Abidda
⁃ Shimala
⁃ Bishaan
⁃ Dhugaa fi
⁃ Soba jedhamu.
Gaala kana erga fudhatanii booda soba gaggeessaa isaanii godhatanii lafa itti gaala kana addaan hiratan barbaachaf imala eegalan.
Utuma imala irra jiranuu Abiddi sobaan mee altokko sin barbaada jedhee duubatti hambifatee" Yaada tokkon qaba Gaala kana afur taanee akka addaan hirannuuf maafan shimala kana hin gubu" jedheen. Sobnis hojiin jal'inaa amala waan ta'eef, "tole haalan siif mijeessa nurraa guggubi!" jedheen. Abiddis haala mijataa barbaaddatee shimala sana guggube.

■ Ammas utuma arfan isaanii imalarra jiranuu bishaan sobaan "erga akkas ta'ee animmoo maafan Abidda kana dhaamsee balleessee gaala kana 3 taanee addaan hin hirannuu?"Jedheen. Sobnis yaada isaa kanatti baay'ee gammadee, "Tole kunimmoo yaada bareedadha nu biraa
dhaamsi hambisi!" jedheen. Bishaanis abiddicha dhaamsee barbadeesse.

■ Sana booda sadi ta'anii lafa itti gaala kana hiratan murteessudhaaf walga'ii taa'an. Sobni jal'ina tokko yaadee yaada tokko dhiyeesse."

Gaara gama sana jiru irratti deemnee addaan hirachuu qabna" jedhe. Dhugaan yaada isaa kanatti walii gale. Bishaan garuu yaada isaanii kana mormus caalmaa sagaleetin moo'amee karaa isaanii itti fufan.

■ Xiqqoo akkuma deemaniin gaara sana bira ga'an. Bishaan garuu gaaricha ba'uu waan hin
dandeenyef abdii kutatee jara lamaan biraa hafe.

Amma Gaalicha addaan hirachuudhaaf kan walitti hafe Sobaa fi dhugaadha. Isaanis erga gaaricha irratti ba'anii booda akkamitti akka addaan hirachuu qaban walga'ii godhatan.

■ Akkuma beekamu sobni jarjaraa fi jal'ina yaadudhaan waan beekamuuf" Gaalli kun qalamuu hin qabu lubbuudhumaan akkuma jirutti akka fudhachuu dandeenyutti miila isaa isa fuulduraa irrattii fi duubatti funyoo hiinee atis ni
harkista ani nan harkisa, namni dhumarratti moo'ate gaalicha fadhata" jedheen.

Sobni kan inni yaada kana dhiyeesseef foon isaa baay'ee furdaa fi dheerinni isaas guddaadha. Dhugaan garuu baay'ee qalloo tokkodha. Gaafa ilaalan waan qilleensaan kufu fakkaata. Sobnis dhugaadhan
haamilee isaa buusuf jedhee" Yaa dhugaa nana maalif amma kana qal'atta si dhukubamoo
maalidha? Nyaatahoo maaf hin nyaattu? Akka kanatti waan abdii qabdu miti" jedheen.

■ Yeroo kana dhugaan deebisee, "Yoon Qal'adheyyuu Hin Citu" jedheen. Sana booda yaada sobaa kanatti walii galee waldorgamuuf murteesse. Sobni funyoo isa duubaa qabate, dhugaan immoo funyoo isa fuulduraa qabatee harkisuu eegalan. Utuma harkisanuu sobni furdinaan dhugaa waan caaluf gaala sana gara ofiitti harkisee of biraan ga'e. Garuu gaalli nama itti madaqxe malee namni biraa gaafa itti bubu'u miilan nama dhidhiitti. Sana boodaka sobni gaafa gaala kana humnaan harkisee dhugaa harkaa baafatee of biraan ga'u gaalli karaa duubaa miila ishee olfuutee dhiitichoodhan soba macheessite.

Erga inni kufee booddees dhidhiittee
◉ Soba hamma sana ga'u sana,
◉ Soba shira meeqa xaxaa ture sana,
◉ Soba foon isaatti abdatee dhugaa waan moo'atu itti fakkaate sana lubbuu keessa
baastee du'e.

Akkasitti dhugaan qal'oon gaafa ilaalan gatii hin qabne fakkaattu sun haqa isheetti abdattee moo'ichan galte jedhama.

■ Kanaafikaa kan Dhugaan hin qallatti malee hin cittu jedhamuuf. Gaarri sobaan tuulame takka turee jiga.
Dirreen dhugaan irra jiraatummoo sana booda
mul'ata. Hundeen sobaa bubbulee goga. Umuriin
isaas gabaabdudha. Dhugaan garuu xiqqoo isheetu guddatee qal'oo isheetu furdatee
daddaraaree fagoo irraa mul'ata.

■ Kanaaf mandara sobaa ijaarratanii warri keessa jiraatan bor isumatu irratti jijjigee badduu baasa. Mandarri warra sobdootaa ho'aa fakkatuyyuu si hin dinqin! Akka fixeensatti takka turee diilallaa'a.

➛ Dhugaan Moo'ataadha.
➛ Dhugaadhaf jiraadhu!
➛ Dhugaadhaaf du'i!
➛ Dhugaan bilisa si baasa!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
ᴊᴏɪɴ
1.3K viewsGetu Abera✟, 14:23
Open / Comment
2022-11-10 17:23:39 BILCHINA SAMMUU
Dubbisa 19FFAA

▬▬▬▬▬▬▬▬▬

181. Uumamuu keetti caalchisii gammadi malee tasumaa
hin gaddin.

182. Ati karooraan, kaayyoof uumamte malee akkasumaan akka hin taane cimsii beeki!

183. Ati gad of-darbannaan eenyu iyyuu ol sin baasu. Kana hubadhu!

184. Ati uumama kabajamaa addunyaa kanaati.

185. Ati kaayyoo fi karooraan itti yaadamtee, uumama biroo irraa addaan baafamtee uumamte.

186. Ati akka tasaa yookiin ta’i
jedhamtee uumamte miti.

187. Si'iin Ogummaadhaan Uumaa waan hundumaa isa ta’e Waaqayyotu si tolche.

188. Gatii guddaa qabda hubadhu!

189. Uumamuu keetti gammachuu guddaa qabaadhu malee lafa yaadde gahuuf humna guutuu qabda.

190. Daangaa ofiif keessa keessaa of baasuuf dandeettii guutuu kan qabu si qofadha.


@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.2K viewsGetu Abera✟, 14:23
Open / Comment
2022-11-09 19:30:11 BILCHINA SAMMUU Dubbisa 17FFAA ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ 161.️ Dorgommii gaafa seentu cimina dorgomtoota kee ilaalta taanaan salphaatti mo'amta! 162.️ Cimina garee faallaa kee dhiisi; humna dorgommii kee si injifachiisu horadhuu dirree seeni! 163.️ Dorgommii seentee…
1.3K viewsGetu Abera✟, 16:30
Open / Comment
2022-11-09 19:16:15Your Brain is A Super Computer!

➊. Update it's Software!
─ Books
─ Products
─ Experience
➋. Protect its battery!
─ 8 hrs of sleep
─ Connect with nature
─ Technology detox
➌. Clean it's HARD DRIVE!
─ Meditate
─ Journal
─ Self talk

@Computers_Soln
@Computers_Soln
1.2K viewsGetu Abera✟, 16:16
Open / Comment
2022-11-09 18:35:33 ❏ Yeroo hundumaa channel telegram keenya kanneen irraa SOORATA SAMMUU madaalawaa ta'e argattu!
═══════════
➲ Join taasisaa!
➲ Share godhaa!
➲ Galatoomaa!!!
═══════════

➊━━━━━ ● ━━━━━
@Gaggeessummaa
◈ @Gaggeessummaa ◈
╰────╮join╭────╯

➋━━━━━ ● ━━━━━
@Reading_PDF
◈ @Reading_PDF ◈
╰────╮join╭────╯

➌━━━━━ ● ━━━━━
@Gaaela_Marriage
◈ @Gaaela_Marriage ◈
╰───╮join us╭───╯

➍━━━━━ ● ━━━━━
@Computers_Soln
◈ @Computers_Soln ◈
╰───╮join us╭───╯

➎ ━━━━━ ● ━━━━━
@Dirree_Yaadaa
◈ @Dirree_Yaadaa ◈
╰───╮join us╭───╯

➏━━━━━ ● ━━━━━
@Getu_Official
◈ @Getu_Official ◈
╰───╮join us╭───╯

➐━━━━━ ● ━━━━━
@Hope_promo
◈ @Hope_promo ◈
╰───╮join us╭───╯

➑ ━━━━━ ● ━━━━━
@Daandii_Guddinaa
◈ @Daandii_Guddinaa ◈
╰───╮join us╭───╯

Promotion yookin beeksisa yoo barbaaddanis karaa link kanneenin nu qunnamuu dandeessu:
➛ Contact: @Getu_Abera
bot: @Getpostbot
➛ Telephone: 0919872853
1.5K viewsGetu Abera✟, 15:35
Open / Comment
2022-11-09 18:32:12 Yaadaa fi qeeqa yoo qabaattan link kana fayyadamuun naaf barreessaa!
@Getu_Abera
Galatoomaa!!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.4K viewsGetu Abera✟, 15:32
Open / Comment
2022-11-08 19:52:38 MILKAA'UUF CARRAAQI!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Nɑmni kɑmiyyuu Jireenyɑ milkɑɑ'ɑɑ, kɑrɑɑ milkɑɑ'ɑɑ fi Gɑbɑɑ milkɑɑ'ɑɑ Keessɑ jirɑɑchuu ɑkkɑ bɑrbɑɑdu wɑɑn irrɑtti mɑri'ɑtɑmu miti.

Milkɑɑ'inɑɑf sɑbɑbni: Hɑɑlɑ jireenyɑ mɑɑtii keetii, hɑɑlɑ biyyɑ keetii fi iddoo jireenyɑ keetii utuu hin tɑ'in,
  ❏️ Kɑroorɑ,
  ❏️ Sɑgɑntɑɑ,
  ❏️ yɑɑdɑɑ fi
  ❏️ Ilɑɑlchɑ mɑtɑɑ keetiif qɑbdu irrɑtti hundɑɑ'ɑ.

Furtuun Milkɑɑ'inɑɑ Dɑndeettii fi Humnɑ qɑbduun hɑɑlɑ kɑmiyyuu keessɑtti of jijjiiruuf kutɑnnoo jijjiirɑmɑɑf ɑti gochuu qɑbduu dhɑ.
️➊. Wɑntɑ bɑrbɑɑdduu fi eessɑ ɑkkɑ ɑdeemtu murteessi!
—(Decide whɑt you wɑnt ɑnd where you wɑnt to go)

️➋. Gɑlmɑ xumuurɑɑ qopheessi! Gɑlmichɑ gɑhuuf kɑroorsi!
—(Set ɑ deɑdline ɑnd mɑke plɑn)

️➌. Kɑroorɑ kee irrɑtti hojjɑdhu! guyyɑɑ guyyɑɑdhɑɑn kɑllɑttii gɑlmichɑɑtti imɑli!
—(Tɑke ɑction on your plɑn)
️➍. Hɑngɑ milkɑɑ'inɑɑtti Gonkumɑɑ:
➛ Hin dhɑɑbɑtin!
➛ Hin lɑɑfin!
➛ Hɑrkɑ hin kennin

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.1K viewsGetu Abera✟, 16:52
Open / Comment
2022-11-08 19:38:33 BILCHINA SAMMUU
Dubbisa 17FFAA

▬▬▬▬▬▬▬▬▬

161.️ Dorgommii gaafa seentu cimina dorgomtoota kee ilaalta taanaan salphaatti mo'amta!

162.️ Cimina garee faallaa kee dhiisi; humna dorgommii kee si injifachiisu horadhuu dirree seeni!

163.️ Dorgommii seentee mo'achuuf wabiin kee qabaachuuf dhabuu kee osoo hin taane ilaacha keeti, kanaafuu ilaalcha sirrii qabaadhu!

164.️ Duumessaa'uun samii siif roobuuf malee sitti qorruuf miti, duumessaa'u malee hin roobu waan ta'eef!

165.️ Milkaa'ina keef bu'uurri ilaacha keeti, ilaalcha kee qajeelfadhu!

166.️ Dirree dorgommii seentee moo'uu waan qabduuf moo'atta malee, gareen faallaa kee cimaa yookiin laafaa waan ta'aniif miti!

167. Ilaalchi gaariin salphina kee gara ulfinaatti akka jijjiirtuuf humna siif ta'a!

168.️ Boolla akka ati kuftuuf siif qotame duuchuuf hin rakkatiin, biqiltuu dhalooota dhufuuf gaaddisa ta'uu danda'u keessa dhaabi malee!

169. ️Ilaalchi gaariin tiksee cimaa barbaada, cimsii eeggadhu!

170.️ Sammuun kee qabeenya qaalii ati qabdudha, Kanaafuu faalama irraa eeggadhu! Yaadni hamaan sammuu faala!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.2K viewsGetu Abera✟, 16:38
Open / Comment