Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 10

2023-01-15 19:07:09 HUBADHU
▬▬▬▬▬▬
➲ Jireenya jiraattu keessatti wanti hubachuu qabdu jira.
1ffaa: Yeroo hundumaa abdii haaraa fi gammachuu addaatiin oolmaa kee gaggeeffachuu yaali! Gatii baasuu qabdus baasi! Namni abdii fi gammachuu qabu waan haaraa hojjechuuf cimina hunda caalu qaba.

➛ Haalota oolmaa kee keessatti si mudatan ilaaltee harka hin kennin! Abdii akka qabdu sammuu keetti himi!
➛ Nan kufe jettee abdii hin kutin! Kufuun dhuma jireenyaa miti.
➛ Ulfina argadhe jettee hin boonin! Ofiin boonuun galma jireenyaa miti.
➛ Kufaatiin isa ta'uuf (bira gahuuf) dhalatte osoo hin ta'in (bira hin gahin) hafuudha. Isa ta'uuf dhalatte ta'uuf immoo rakkina keessa darbuun dirqama. Rakkina hin sodaatin!

➥ Mee namoottan addunyaa beekamoo ta'an hunda isaanii qoradhu! Hundi isaanii rakkina hammana hin jedhamne keessa darbanii kan mul'ata argatan.

RAKKINNI YAADNI HAARAAN KEESSA KEETII AKKA BURQU GODHA!

● Eenyummaan kee rakkinaan yoo dabalame of argita. Ofitti akka deebitu si godha. Si malee namni si ta'uu danda'u akka hin jirre sitti hima.

● Namoonni baay'een yoo waa rakkatan waanuma akkasitti hafan of se'uudhaan milkaa'ina cina isaanii jirutti aggaamuu of dhoowwu. Lakki akkas miti eenyuyyuu rakkina baatee kan hafu hin jiru. Yeroodhaaf nutti fakkaata malee.

● Namni mul'ata qabu, fuuldura isaatti milkaa'ina ilaalu tokko rakkina keessa darbuun waanuma jiru.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.0K viewsGetu Abera✟, 16:07
Open / Comment
2023-01-15 12:57:34 Qajeelfama promotion keenyaa dubbisuuf --> https://t.me/hope_promo/145
Akkasumas channel nu waliin beeksisa irratti argaman join gpdhachuuf --> https://t.me/hope_promo/136
1.8K viewsGetu Abera✟, edited  09:57
Open / Comment
2023-01-15 08:48:51 Adminoonni channel keessaniif beeksisa (promotion) nu gaafataa turtanii fi nu waliin hojjechiifataa turtan akkasumas namoonni haaraan channel keessan nu waliin beeksifachuu barbaaddan karaa
@Getu_Abera
@Getpostbot maqaa fi link channel keessanii nuuf erguun nutti dabalamuu dandeessu.

@Hope_Promo
@Hope_Promo
2.1K viewsGetu Abera✟, 05:48
Open / Comment
2023-01-13 21:12:05 GALMA Gahuudhaaf CIMSITEE Irratti Hojjettu Tokko Adda Baasii Qabaadhu!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Hojii ogummaa kee waliin hidhata hin qabne hojjattee waan firii gaarii hin argamsiifneef daqiiqaa muraasaaf illee gatii kee gadi buusuuf hin hojjetin; yoo akkas taasifte baay'ee miidhamta; bakka ogummaa koo isa dhugaa fi kaayyoo kootti firii ajaa'ibsiisaa argisiisuuf hir'uu tokko hin qabu ofiin jedhi!

➲ Hojii fedha kee fi beekumsa kee waliin hidhata qabu hojjennaan, boqonnaa gaarii keessa jiraatta; jireenya gaariis ni jiraatta!

Taphataan jabaa dachee kanaa Neeymaar, gaaf tokko akkas jedhee ture "Kubbaa miillaa bashannanaafan taphadha" jedhe... garuu garee taphatuuf irraa qarshiin inni argatu, taphattoota kan biroo danuun oli!

➲ Hojii jaallattu gaafa hojjettu, siif akka bashannanaati, ormaaf garuu hojii ajaa'ibaati! Kanaaf waggaa muraasa qabdu kana jireenya hin jaalanne keessatti hin gubin!

➲ Namni bakka hundatti ga'umsa wal fakkaataa, firii wal fakkaataa fi injifannoo wal fakkaataa argisiisuu hin jiru! Namni kamiyyuu hojii fi ogummaa mataa isaa qaba; kanaaf qajeelfamni ati fayyadamuu qabdu inni sirriin hojii kennaaf ogummaa kee waliin firooma hin qabne waliin wal'aansoo wal qabuu dhiistee gara kennaa fi ogummaa keetti sokkuu akka qabdu beekuuf, hojiitti hiikuudha!

➲ Hojii, hojii kee sirrii hin taaneen firii gaarii dhabdee yookiin of madaaltee, hojii hojii kee isa sirrii ta'e ilaalcha hojii kee isa sirrii hin taaneen ilaaltuun akka hin ilaalleef of eeggadhu!

Waan hojjettu hin wallaallin, wallaallaan gaariis ta'u, yaraa waanuma itti dhufeef waan hunda hojjechuuf heeyyamama.
➲ Galma gahuudhaaf jabaattee hojjettu tokko adda baasii irratti hojjedhu!

➲ Kallattii jireenyaa kee hin beektu yoo ta'e, roga hunda fakkaachaa jiraatta!

Hojii keessi kee itti amanu hojjedhu! Isaan booda gatii baasiif! Qaama dirqamtee akka kaayyoo keef jiraattu si taasisu of keessatti hamma hin uumnetti jalqabdee dhaabda waan ta'eef!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.1K viewsGetu Abera✟, 18:12
Open / Comment
2023-01-12 21:44:32 "YOO ANI DU'E SIIDAA KOO IRRATTI MAAL BARREESSITUU?"
▬▬▬▬▬▬▬
Yaadan dubbisii xumuri!

Guyyaa tokko namicha tokkotu daaw'idhaaf gara Ameerikaa deeme jedhama. Biyyicha keessa olii fi gadi deemee erga daaw'atee booda dhuma irratti siidaa awwaalaa namootaa daaw'achuuf warra isa daaw'achiisan waliin mooraa awwaalchaa tokko keessa seene. Mooraan sun baay'ee bareeda. Siidaawwan halluu miidhagaan kuulaman hedduutu keessa jiru.

Barreeffamoonni siidaawwan sana irratti barreeffamanii turan garuu namichatti bitaa galan. isaanis:

Prof. Joon Henerii, dhalatanii Waggaa tokkoo fi ji'a ja'atti du'an
Dr. Deev Wooysong, dhalatanii waggaa 4tti du'an
Kaappiten Ruut Thomas, dhalatanii ji'a 8tti du'an.

Barreeffamoota kana fakkaatan hedduu erga dubbisee booda ajaa'ibsiifachaa gara daaw'achiisaa Isaa deemuun gaaffii gaafate:

"Ani kanan jedhu, biyya kanatti namoonni gadameessa harmee isaanii keessatti baratanii eebbifamanii ba'u moo? Akkamitti namni tokko waggaa 1 fi ji'a 6tti professor ta'a? Waggaa 4tti doktera ta'a? Jedheen

Yeroo kana daaw'achiisan "maal sitti fakkaate" biyyi kun akka biyya keessan miti. Biyya keessanitti umuriin nama tokkoo kan eegalu guyyaa namichi dhalatee kaataniitu. Asitti garuu nuti lakkoofsa umurii kan eegallu guyyaa itti namichi seenaa qabatamaa tokko biyya isaatiif hojjete irraati" jedheen.

Yeroo kana namichi na'ee akkas jedhen. "Amma utuu ani du'ee maal jettanii siidaa awwaalaa koo irratti naaf barreessituree?" Jedheen. Daaw'achiisanis seenaa ittiin yaadatamtu kan dhaloota dhufuuf darbu kan hojjette qabdaa? Jedheen. Daaw'atichis xiqqoo erga itti yaadee booda, "dhugaa dubbachuudhaaf hanga ammaatti hin qabu!" Jedheeni. Daaw'achiisanis yoos siif siidaan hin barbaachisu, yoo akka tasaa siif ijaarame immoo 'obbo eenyuu eenyuu akkuma dhalataniin du'an!' jedhamee siif barreeffama jedheen.

Argitee, seenaa ati waa irraa barachuu dandeessu kana kanan kaaseef akkanumaan miti. Dhimma namichaatu kan koo waliin Wal fakkaate. "Dhugaa dubbachuudhaaf hamma ammaatti homaa hin qabu!" Kun anaaf dhugaadha siif garuu hin beeku.

Kanas ta'u sana amma murtoo tokko irra ga'een jira innis, "seenaan ittiin yaadatamu tokko hojjedhee dirqama eenyummaa koo ba'achuu." Akkamitti?
Sammuu kootti fayyadamee dandeettii ana keessa jiru baasee itti hojjechuu.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.2K viewsGetu Abera✟, 18:44
Open / Comment
2023-01-06 19:52:17 Baga Guyyaa Yaadannoo Dhaloota Yesus Kristos kan bara 2015tiin Nagaan Geessan!

“Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, "Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa" in jedhama.”
— Isa. 9:6

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.6K viewsGetu Abera✟, 16:52
Open / Comment
2023-01-03 08:57:25 KARAALEE ITTIIN YAADA SAMMUU KEENYAA CIMSANNU!
(The way to Develop your idea!)

▬▬▬▬▬▬▬
➊. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu!

❏ Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

❏ Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

➋. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

❏ Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

➌. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

❏ Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.
Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

❏ Yaadni namootaa garaagara.
Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

❏ Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.

➍. Nyaata madaalamaa fi gahaa ta'e filachuun soorachuu!

YAADNI GAARIIN BUDDEENA SAMMUU KEETII HAA TA'U!

Getu Abera
@Getu_Abera

@Gaggeessummaa
@Reading_PDF
@Computers_Soln
@Gaaela_Marriage
️@Dirree_Yaadaa
@Getu_Official
@Nan_Baradha
@Daandii_Guddinaa
@Hope_promo
1.5K viewsGetu Abera✟, 05:57
Open / Comment
2023-01-02 18:07:16 Dhiphachuu║Jeeqamuu
(Stress)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan miidhaa geessisuu danda'uu dha. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni hir'isa.

❏ Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka:
➊ Kophaa ta'uu!
➋ Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun hojjechuu!
➌ Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu!
➍ Hirriiba nagaa dhabuu!

❏ Yaadoleen dhiphina namatti fidan kanneen akka:
⁃ Bakka yaadan hanqachuu,
⁃ Dhiibbaa hiriyaa,
⁃ Qusannaa dhabuu,
⁃ Odeeffannoo sobaa,
⁃ Ofitti amanuu dhabuu,

➎ Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin, haamileen yookiin anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu'aa adeema.
➏ Waan tokko itti fufee hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul'ata.

Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu danda'u irraan miidhaa geessisa!

❏ Dhiphina ooluudhaaf maal gochuu barbaachisa?
⁃ Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu!
⁃ Wanta keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu!
⁃ Ofitti amanuu!
⁃ Guyyaa guyyaadhaan waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily)
⁃ Faaruu, muuziqaa, yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.4K viewsGetu Abera✟, 15:07
Open / Comment
2022-12-27 16:16:26 ABDII KUTACHUU FI ABDII QABAACHUU !!
━━━━━━━━━━━━━━
❏ Wantoota guddaa sodaachisoo ta'an keessaa tokko abdii kutachuudha. Utuu jiranii abdii kutachuun farra dhala namaati. Namni utuma lubbuun jiruu, utuu soorata nyaatee jiraatuu abdii kutata taanaan mataa isaattis, maatii isaattis, biyya isaattis, addunyaa irra jiraatuttis ba'aa sodaachiisaa ta'a. Kanaaf
abdii kutuurra mormaa cituu wayya. Sababni isaa jiraa abdii dhaberra isa du'e wayya waan taheefi. Ariifattee na jalaatii hin aariin ragaan waan deeggaramen dubbadhaa jiraati.
Inni du'e seenaa isaa, karoora isaa, waanuma isa ilaalu hundumaa fudhatee gara lafa jalaatti waan darbeef bu'aas miidhaas hin fidu.

❏ Jiraan abdii dhabe garuu bu'aa yoo dhabes miidhaa qabaafan, "jiraa abdii dhabe irra du'aa wayya" jedhe.
Namni Nyaata Addunyaa Kanaa nyaatee, dhugaatii ishee dhugee, biyyoo addunyattii irra miilla isaatiin adeemee, oksiijinii tolaatiin jiraatee faayidaa guutuu argachaa ofiisaatif faayidaa dhaba. Kanaaf addunyaan kun karaa nama kanaa kisaaraa olaanaa keessa jirti jechuudha. Adaraa kee obbolee koo hamma hafuura baafattutti abdii hin kutatin! Tolee? Waliif galleerra mitii?

❏ Goototni yeroo baay'ee karoora isaanii jijjiruu irra lubbuu isaanii kennu. Kana jechuun lubbuu isaanii caalaatti karoora isaanii jaallatu jechuudha. Karoorri kee qabeenya keeti, kanaaf karoora keef jiraachuutti abdii hin kutin.
Wantoota abdii nama kutachiisan keessaa tokko KUFAATII dha. Yoo itti fayyadamteef kallattiin milkaa'inaas kufaatiidha.
Sababni isaa namni kamiyyuu kufaatii irraa barachuu waan danda'uuf kufaatiin barsiisaa namaa isa hangafa.

Fakkeenya Namoota Kufanii Milkaa'anii Keessaa:
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa karaa dhaabachuuf dhiisuun suma harka jira.
Haala yeroon jijjiirutti hirkatta taanan utuu ija hin godhatin hafta, seenaa kees biddeen ati nyaattee balleessiteef boolla awwaalaa isa si abaaraa hafu qofatu yaadata.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.0K viewsGetu Abera✟, 13:16
Open / Comment
2022-12-27 08:58:10 BUSINESS AKKAMIIN HOJJETAMAA?

Кυтαα 2ffαα
"ʜᴏᴊɪɪ ʜᴏᴊᴊᴇᴛᴛᴜᴜғ ᴊᴀᴀʟᴀʟᴀ ᴀᴅᴅᴀᴀ ǫᴀʙᴀᴀᴅʜᴜ!"

▬▬▬▬▬▬▬▬
➦ Kutaa jalqabaa keessatti akkaataa itti hojii eegalame tokkotti milkaa'an tooftaalee kudhan waliin ilaallee turre.

➦ Har'a immoo hojii eegalame tokko milkaa'insaa fi bu'a qabeessummaatti wantoota jijjiiran keessaa muraasa ilaalla.

➊. Hojii hojjettuuf jaalala addaa qabaadhu!

⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣

■ Hojii kamiyyuu hojjechuu dandeessa.
➛ Qajeelfamni inni jalqabaa hojii hojjettuuf iddoo guddaa kenni!
➛ Fedhii kee guutuudhaan jaaladhu!
➛ Humna kee guutuudhaan hojjedhu!
➛ Shakkii of keessaa balleessi!

■ Hojii kee yoo jaalatte, hojii kee fakkaatta.
➛ Maammilli kee akka sitti gammadu goota.
➛ Hojii keetiif ni amanamta.
➛ Namoonni sirraa fayyadamuu isaaniitti akka gammadan taasifta.

■ Barsiisaan barsiisuu isaatti gammadee fuula ifaadhaan yoo barsiise, barattoonni isa dhaga'u. Akka isaatti barsiisuufillee hawwiin keessatti uumama.

■ Kanaaf hojii hojjettu kamiyyuu gammachuudhaan raawwadhu!
Yaada maammiltoota keetii xiinxali! Namoota waliin yoo hojjettu sirna hojii waan baay'ee barataa adeemta.
... @Getu_Abera

➦ ωααи ᴅυввιfтαиιιf Gαℓαтσσмαα! #Ѕнαʀє Gσ¢нυυи σввσℓσσтααf qσσ∂αα!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.3K viewsGetu Abera✟, 05:58
Open / Comment