Get Mystery Box with random crypto!

GAGGEESSUMMAA

Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA G
Logo of telegram channel gaggeessummaa — GAGGEESSUMMAA
Channel address: @gaggeessummaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 23.17K
Description from channel

👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!
https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref
✍️ @Gaggeessummaa_bot

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 7

2023-01-30 11:24:42 KOMII KOO!
▬▬▬▬▬▬▬
Ani ofii kootii waanan itti hin dadhabin isiniif hin dhiheessu!

Channel kana guddisuu yoo barbaaddan, "Ergaa karaa channel kanaan isiniif dhihaatu akkuma jirutti "copy paste" gochuu dhiiftanii utuu #wabeeffattanii yookiin #forward godhattanii natti tola! Linkin keenya @Gaggeessummaa dha! Share waliif gochuun keessan baay'ee natti tola; garuu maqaa / link channel keenyaa yoo biraa hambiftan channel kana galata dhoowwattan jechuudha.

Keessumaayyuu channel waliin beeksisa / promotion hojjennu, adminonni channel biraas adaraa wabeeffadhaa! Isin argaan jira!

:--> (Namoota channel dhuunfaa isaanii qaban tokko tokkoofan dubbadhe!)
:--> Namoonni nu cinaa jirtan baay'een jirtu! Isin cimina keenyaaf, kaka'uumsa nuuf taatanii jirtu! Walumaan jirra! Itti fufna! Galatoomaa!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
1.7K viewsGetu Abera✟, edited  08:24
Open / Comment
2023-01-30 10:18:24 JAJJABAADHU┃JABAA KOO!
"Har'a irra dhaabadhuu galma/milkaa'ina borii keessatti of ilaali!"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Bariin ganamaa dhiha galgalaa keessaa madda.
Yoo hin dhihiin wayi bari’aaree? Erga galgalaa’ee halkan citee fulla’ee bariin dhufee bakka qabata. Dukkanni ifaaf bakka gadi lakkisee bada. Nutis hirriiba keenya irraa dammaqna. Osoo hin rafin dammaquun hin jiraatu.
➛ Osoo hin kolfin boo’uun,
➛ Osoo hin kufin ka’uunis hin jiru. Kun immoo hariiroo walxaxaa uumamni walii isaa waliin qabu (natural relationship with nature) yoo ta’u, deemsa kana hubachuun immoo dhalli namaa gartokkee fedhii isaatiin fiiguu dhiisee waltajjii fiixee lameeniirra yoo taa’e murtoo kennuuf itti tola.
➛ Namni hin gaddine tasumayyuu hin gammadu,
➛ Namni hin aarre tasumayyuu hin tasgabbaa’u.
Dhalli namaa garuu dhugaa kana hubachuun gaafa itti cimu,
➛ Inni boo’u boo’ichi isaa bor gammachuu akka qabu yaaduu caala boo’icha isaa itti fufeera.
➛ Inni kolfu boru boo’uu akka danda’u hin beeku,
➛ Inni utaalu boru okkoluu akka danda’u hin beeku,
➛ Inni jiraatu boru akka du’u,
➛ Gammachuu keessa gaddi,
➛ Rakkina keessa qananiin,
➛ Argachuu keessa dhabuun akka jiru hin hubatu!!!

➲ Gammachuu fi gaddi qaama walfakkaatoo fuula garaagaraa akka ta’an waan hin hubanneef yeroo hundumaa gammadee
jiraachuu hawwa. Gaafa gammachuun isaa gaddaan bakka bu’u immoo gadda isaa irraa dandamachuuf ni rakkata.

Miidhamni namatti dhufee hin beekne sitti hin dhufu! Yeroo hundumaa haala kamiyyuu keessatti moo'ichaan darbuuf dammaqaa ta'i!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.0K viewsGetu Abera✟, 07:18
Open / Comment
2023-01-30 09:45:25 Leadership pinned «"SAMMUUN KEE BAAY'EE GUDDAA DHA." (Jecha harmee Tomas A. Edsen kan baay'ee namatti tolu!) ▬▬▬▬▬▬▬▬▬ ❏ Ampoolii fi Generetara nuti har'a itti fayyadamnu kana beekan uume Tomas Alva Edsen jedhama. Hayyuun kun ijoollummaa isaatti rakkina harkifata sammuu (autism)…»
06:45
Open / Comment
2023-01-30 00:44:47 TAATEE HAR'AATIIN OF HIN MADAALIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬
Baay'een keenya jireenya fuulduratti jiraachuuf qabnu taatee har'aatiin madaallee haamileen nu cabuu danda'a.
GARUU,
✥-- Har'i yoo dukkanaa'e boru dukkana miti.
✥-- Har'a yoo miidhamne borus akkasitti itti hin fufu.
✥-- Har'a wanti dhaga'amu kan nama jibbisiisuu fi dhageettidhaaf tolu ta'uu yoo baate bara baraan garuu akkas miti!

➲ "Yeroo hundumaa naaf haa mijatu" yoo jenne addunyaan kuni waan nama gaddisiisus of keessaa qabdi!

WANTI HUNDINUU NI DARBA! Miidhama kee irraanfadhu! Yeroo qabdutti jireenya sirraa barbaachisu jiraadhu! Abdii kutannaa keessaa bahi! Taatee hamaadha jettu gara bu'a qabeessummaatti jijjiirii seenaa taasisi!

"Namni ogeessi rakkina kudhan karaa tokko fura utuu hin ta'in rakkina tokko karaa kudhan nama furuu danda'u." Ogeessa ta'i!
— Mihratuu Shaanqoo

➲ Akkaataa jireenya kee itti qabattu guyyuu karoorsi! Namni ogummaan jiraatu, rakkina isatti dhufu moo'achuuf humna qabu hunda fayyadama. Ati nam-jabaa taatee ogummaadhaan jireenya jiraattu qabachuutu siif ta'a!
✥-- Yeroo qabda,
✥-- Humna qabda,
✥-- Dandeettii qabda.
Ammuma irraa kaasii ittiin hojjedhu!
Getu Abera

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.4K viewsGetu Abera✟, 21:44
Open / Comment
2023-01-30 00:21:49 QORMAATA JIREENYAA

"Ati garuu qormaata jireenyaa qoramii darbi!"
▬▬▬▬▬▬▬
➥ Qormaata jireenyaa jechuun jiruu fi jireenya keessatti yookiin oolmaa guyyaa guyyaa keessatti haalota rakkisoo nama mudatan jechuudha.

Jireenyi mana barumsaa cimaa addunyaa kana irraa dorgomaa hin qabnedha. Mana barumsaa namni hundi keessa darbudha.

➲ Gaafa dhalattu mana barumsa jireenyaa tokko jettee eegalta. Kutaa meeqa akka geesse hin beektu. Callistee waan jireenyi si barsiisu baratta.

➲ Qormaata fuula duratti si mudatu hin beektu. Jireenyi barumsa si barsiisa, nama biraa immoo akkaataa biraan waan barsiisuuf, mana barumsa jireenyaa keessatti qormaata wal irraa hatuun hin danda'amu. Sababiin isaa namni qormaata walfakkaataa qoramu tokkoyyuu hin jiru.

➲ Jireenya keessatti namatu naaf jiraata kan jedhamu hin jiru. Abbaatu jiraattata. Abbaatu qormaata isaa qoramata. Kanaaf cimuu nama barbaachisa. Qormaata namatti dhufuuf jedhu waan hin beeknef cimaa ta'i!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.2K viewsGetu Abera✟, 21:21
Open / Comment
2023-01-30 00:06:02 ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Addunyaan kun har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Jijjiirama fiduuf nama jalqabaa ta'i! Rakkina moo'achuufis nama jalqabaa ta'i! Sababni isaa nama milkaa'e ta'uudhaaf carraan jiru tokkichi rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii ati qabdu irratti hundaa'a. Yeroo hundumaa waan gaarii uumuuf keessa kee qopheessi!
➲ Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha.
➲ Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa.
➲ Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

➦ Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf.
➦ Kanaaf yeroo hundumaa Gammadi!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
2.4K viewsGetu Abera✟, 21:06
Open / Comment
2023-01-28 13:24:47 "SI'A BAAY'EE KUFUUN KOO ANAAF KARAA FIIXAAN BA'IINSAA NAAF TA'E"
(Jecha Toomaas Edisoon ─ Abbaa kalaqaa fi argannoowwan 15 ol addunyaaf gumaache)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
...Waa'ee namicha kanaa irra deddeebi'ee kanan barreessuuf waan baay'ee waanan irraa hubadheef isinis waa irraa barattu jedhee waanan yaadef malee ittiin isin jajjabeessuuf yookiin seenaa isaa isin barsiisuf miti.

Dhugaan jireenyaa fi iccitiin milkaa'inaa inni sirriin isa kana waan ta'ee fi dargaggoota ciminaa fi humna addaa of keessaa qaban baay'een utuma jiranii garuu kaka'uumsa gara milkaa'inaatti isaan geessu dhabanii waan laayyotti of ilaaluu keessaa bahuu akka qaban hubachiisuuf!

√~•~•√~•~•√

➛ Rakkoon rakkoo ta'ee kan hafu gaafa ati karaa qajeeladhaan furmaata itti laachuu dhiiftee akka rakkootti ilaalte qofadha.
➛ Rakkoon siif carraa itti qaramtee baatu ta'uu qaba.
Carraa ati itti mul'ata kee dhugoomsitu ta'uu qaba.
➛ Jireenya kee keessaa wanti baay'ee cimaan, wanta ati akka cimaatti ilaalte qofaadha.
➛ Kan baay'ee cimaa ta'e si mataa kee malee rakkoo si qunname miti. Anatu rakkoo CAALAA cimaa dha jedhi of amansiisi!
➛ Ati rakkinaaf hiika addaa kennuu qabda.

Toomaas Edisoon, "Si'a baay'ee kufuun koo anaaf karaa fiixaan ba'iinsaa naaf ta'e; kana akka kufaatiitti hin fudhadhu; akka barnootaatti malee. Sababni isaa karaalee hin hojjenne kuma kudhanin irraa baradhe." jedhee dubbata.

Kanaafuu atis "HIN KUFNE NAN KA'E MALEE" jedhii of irratti dubbadhu!

Eeyyee:
➛ Si'a baay'ee kufuun isaa nama guddaa ta'uutti isa fide.
➛ Maalif rakkinni na qunnama jechuun maaliifan NAMA ta'a jechuudha.
➛ NAMA ta'uuf rakkina keessa darbuun dubbii dhumaati.

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.2K viewsGetu Abera✟, 10:24
Open / Comment
2023-01-27 20:25:38 MUL'ATA KEE BIRA GAHUU NI BARBAADDAA?

Qabxiilee ijoo nama mul'ata isaatti milkaa'uu barbaadu karaa irra buusan 250:

Afaan Oromoo PDF
Fuula-16║Hanga-1.2MB
Dubbisa Gaarii!!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
6.4K viewsGetu Abera✟, 17:25
Open / Comment
2023-01-27 16:03:13 "SAMMUUN KEE BAAY'EE GUDDAA DHA."
(Jecha harmee Tomas A. Edsen kan baay'ee namatti tolu!)
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Ampoolii fi Generetara nuti har'a itti fayyadamnu kana beekan uume Tomas Alva Edsen jedhama. Hayyuun kun ijoollummaa isaatti rakkina harkifata sammuu (autism) qaba ture.

■ Guyyaa tokko dura taa'an mana baruumsa isaa xalayaa barreessee "haadha keetti kenni!" jedhee itti kenne. Barreessuu fi dubbisuu kan hin dandeenye Edsen ergicha haadha isaa biraan ga'e. Haati isaas xalayicha dubbistee teessee yeroo boossu argee "Haadha koo maalif boossa xalayichi maal jedha?" jedhee gaafate.

■ Haati isaa deebistee "Mucaan kee SAMMUUN ISAA BAAY'EE GUDDAA WAAN TA'EEF MANA BARUMSAA KANATTI BARACHUUN ITTI XIQQAATA KANAAF OFII KEEF MANATTI QO'ACHIISI!" jedha jettee itti himte. Toomasis baay'ee gammadee haadha isaatin barachaa qaamanis sammuudhaanis guddachaa dhufe.

■ Sana booda Argannoowwan gurguddoo addunyaa kana jijjiiran 15 addunyaa keenyaf
gumaache. Teknolojiiwwan 1093 ta'anis fooyyessee beekamtii guddaa argateera.

■... Waggaa dheeraa booddee gara mana itti guddatee dhaqee waraqaa garaagaraa utuma ilaaluu waggaa dheeraa dura xalayaa haadha isaatif barreeffame sana argate.

■ Gaafa dubbisu akka haati isaa jetteen utuu hin taane faallaa isaati "MUCAAN KEE SAMMUUN ISAA HARKIFATAA WAAN TA'EEF LAMUU AKKA MANA BARUUMSA KEENYATTI HIN ERGINE." Jedha.

■ Yeroo sana haati isaa ati BEEKA DHA jettee beekaa akka isa goote, ati GUDDAA DHA jettee guddaa akka isa goote hubatee yaadannoo isaa irratti

➲ "Toma's Alva Edsen nama sammuu harkifataa ta'ee dhalate tattaafannaa haadha isaatin garuu BEEKAA GUDDAA jedhame." Jedhee barreesse.

■ Obbolee namichi kun gaafa dhalatu fayyaa isaa dhabee dhalate biyyaan jibbame. Kun baratee nama in ta'u jedhamee ari'ame. Jechi isaan jedhame manatti isa deebisee namaa gadi isa godhee akka inni uumamuu isaayyuu jibbuuf
ture. Garuu kan nama dhibu arrabuma maaddii barumsa isaa irraa ariisisee kichuutti kutee isa hambisuuf hima hadhaa'aa itti darbateetu deebisee ati BEEKA DHA ATI GUDDAA DHA. Jedhee, abdii isaa lalisiisee, eenyummaa isaa isa keessaa itti agarsiisee humna addunyaa jijjiire kana keessa kaa'ee, maqaan isaa seenaa keessatti akka dinqiitti akka haasa'amu isa godhe.

■ Nuti hoo har'a arraba keenyan beekaa biyyaaf ta'u baay'ee isaa cabsinee haamilee isaa, hunkuteessinee, haala isaa har'aa ilaallee ati "nama in taatu" jennee manatti deebisaa, jirra moo hir'ina isaa itti himaa, jabina inni qabuuf immoo
● "Ati cimaa dha,
● Ati nama guddaa dhas,
● Sichis guddaa taata,
● Ati beekaa dha,
● Jabaadhu,
● Haamileen kee in bu'in,
● Si bukkee jirra" jennee abdii isaa borii itti agarsiisaa jirraa?

Akkasuma seenaan kun waldaa kiristiyanaa keenya hundumaa ni ilaallata. Tajaajiltoota keenya
arraba isa kamiin jajjabeessaa jirra laata? Isa kana numaafan dhiisa.

■ Kana qofa miti dargaggeessi baay'een humna biyyaa ta'uuf male, tajaajilaa baay'een
miila wangeela ta'uudhaf male jechoota dhibaa'ummaa arraba isaa keessaa yaa'un ofuma isaatif of cabsee golatti deebi'e baay'eetu jira. Baay'een keenya humna nu keessa jiru utuu hin beekin ofuma keenyaf gatii of dhabsiisna.

■ Yeroo baay'ee jechoonni arraba baay'ee keenya irra yaa'an:
• Ani gatii in qabu,
• Ani abdii in qabu,
• Ani nama gadiidha,
• Ani nama akkasumaanidha,
• Ani baduufan jedha,
• Ani dhukkubsataadha,
• Ani nan du'a fi kkf dha.

➲ Obbolaa koo arrabni humna guddaa qaba. Dhaabbitti ajjeesus, abdii namaa lalisiisee du'aa kaasus ni danda'a.

➲ Lafee hin qabu garuu lafee ribuu hunkuteessa. Arraba gaarii fi abdii dubbatu arraba caba namaa fayyisu Waaqayyoo nuuf haa baay'isu.

➲ Arrabni keenyas akka fayyuuf ayyaanni Waaqayyoo nuuf haa baay'atu!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.6K viewsGetu Abera✟, 13:03
Open / Comment
2023-01-27 15:36:49 Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

❏ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
4.2K viewsGetu Abera✟, 12:36
Open / Comment