🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸 F
Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
Channel address: @a4mulaa_jireenyaa
Categories: Animals , Automobiles
Language: English
Subscribers: 20.13K
Description from channel

Seenaawwan gaggabaaboo
Walaloo
Ergaa
Gaaffii fi deebii
Yaadota mo'atoo fi kanneen biroos argachuuf. Miseensa chaanaalii keenyaa ta'aa.

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 95

2021-09-02 08:48:07
Hanguma Beekkumsa keetii agarta,

@A4mulaa_jireenyaa
1.6K views05:48
Open / Comment
2021-09-02 05:35:19 MILKAA'UUF CARRAAQI!
▬▬▬▬▬▬▬
■ Nɑmni kɑmiyyuu Jireenyɑ milkɑɑ'ɑɑ, kɑrɑɑ milkɑɑ'ɑɑ fi Gɑbɑɑ milkɑɑ'ɑɑ Keessɑ jirɑɑchuu ɑkkɑ bɑrbɑɑdu wɑɑn irrɑtti mɑri'ɑtɑmu miti.

Milkɑɑ'inɑɑf sɑbɑbni:- hɑɑlɑ jireenyɑ mɑɑtii keetii, hɑɑlɑ biyyɑ keetii fi iddoo jireenyɑ keetii utuu hin tɑ'in,
❏️ Kɑroorɑ,
❏️ Sɑgɑntɑɑ,
❏️ yɑɑdɑɑ fi
❏️ Ilɑɑlchɑ mɑtɑɑ keetiif qɑbdu irrɑtti hundɑɑ'ɑ.

Furtuun Milkɑɑ'inɑɑ Dɑndeettii fi Humnɑ qɑbduun hɑɑlɑ kɑmiyyuu keessɑtti of jijjiiruuf kutɑnnoo jijjiirɑmɑɑf ɑti gochuu qɑbduu dhɑ.

Mee hɑr'ɑɑf Wɑntootɑ 4 milkɑɑ'inɑɑf bɑrbɑɑchisoo tɑ'ɑn hɑɑ ilɑɑllu:

️➊. Wɑntɑ bɑrbɑɑdduu fi eessɑ ɑkkɑ ɑdeemtu murteessi!
—(Decide whɑt you wɑnt ɑnd where you wɑnt to go)

️➋. Gɑlmɑ xumuurɑɑ qopheessi! Gɑlmichɑ gɑhuuf kɑroorsi!
—(Set ɑ deɑdline ɑnd mɑke plɑn to get there)

️➌. Kɑroorɑ kee irrɑtti hojjɑdhu! guyyɑɑ guyyɑɑdhɑɑn kɑllɑttii gɑlmichɑɑtti imɑli!
—(Tɑke ɑction on your plɑn; do something every dɑy to move towɑrd to your goɑl)

️➍. Hɑngɑ milkɑɑ'inɑɑtti Gonkumɑɑ:

➛ Hin dhɑɑbɑtin!
➛ Hin lɑɑfin!
➛ Mogoleen si in bu'in!
➛ Hɑrkɑ hin kennin!
—(Until Succed, you will never give up )

➦ @A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
1.9K views02:35
Open / Comment
2021-09-02 05:31:22 Namoonni keessaan yaada naaf kennaa turtan Hedduu hedduu galatoomaa Isin jaalladha lammiikoo yaanni keessan hedduu nama gammachiisa, haamlee namatti hora, Naaf jiraadhaa
1.7K views02:31
Open / Comment
2021-09-01 14:45:51 Namoonni keessan yaada keessan naaf kennaa jirtan hedduu Galatoomaa,

Ammas itti fufaa, yaanni keessan murteessadha,

Yaadaaf
@seyfal_islam
1.1K views11:45
Open / Comment
2021-09-01 11:32:55 Hordoftoota channel ✯F͙o͙o͙r͙m͙u͙l͙ɑ͙ɑ͙ J͙i͙r͙e͙e͙n͙y͙ɑ͙ɑ͙✯ yaadaaf gaaffii keessan nuuf kennuuf
For any comment
@seyfal_islam
1.3K viewsedited  08:32
Open / Comment
2021-09-01 08:31:10
1.7K views05:31
Open / Comment
2021-09-01 07:13:54
ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA!

♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡
Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha. Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa. Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf. Kanaaf, nama milkaa'e ta'uudhaaf yoo barbaadde carraan jiru tokkichi kan sirraa eegamu, rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii qabaachuudha. irratti hundaa'a.

Yeroo hundumaa, haala kamiyyuu keessatti gammachuu qabaadhu! Yoos daandii milkii adeemuuf abdiin kee haara ta'a. Humnas ni argatta.


@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
1.2K views04:13
Open / Comment
2021-09-01 07:04:15 ADDUNYAAN KUNI CARRAA MILKAA'INAAN GUUTUDHA


Addunyaan kuni, har'a rakkinaa fi milkaa'inaan guutudha. Warri rakkina moo'atan gara milkaa'inaatti ce'u. Namoonni baay'een dhiibbaa uumuu sodaachuudhaan sadarkaa isaaniif malu kan hin gahin hafanis danuu dha. Carraan milkaa'insaa baay'een qisaasa'ina baay'ee keessa darbuun dhufa. Hojii guddaan itti gaafatamummaa guddaa gaafata.

Ati kan uumamteef jireenya jiraattutti gammaduuf, wanta gaarii lafichi qabu irraa dhamdhamachuu fi fayyaatti jiraachuuf. Kanaaf, nama milkaa'e ta'uudhaaf yoo barbaadde carraan jiru tokkichi kan sirraa eegamu, rakkina sitti dhufu moo'attee darbuu fi dhiibbaa uumuuf dandeettii qabaachuudha. irratti hundaa'a.

Yeroo hundumaa, haala kamiyyuu keessatti gammachuu qabaadhu! Yoos daandii milkii adeemuuf abdiin kee haara ta'a. Humnas ni argatta.


@A4mulaa_jireenyaa
@A4mulaa_jireenyaa
1.2K views04:04
Open / Comment
2021-08-31 10:10:37 ...Fayyaadha!

Qabeenyi jireenyaa
Wanti hunda caalu
Kennaan kennaa olii
Hundaa kan madaalu...

Fayyaadha jarakoo
Jarakoo obbolee
Namni fayyaa dhabe
Waa meeqa okkolee!?

Namni ba'ee galuun,
Gadi taa'ee ka'uun
Fayyaadhaan hiikamaa!
Gaafa fayyaan dhibe,
Ifatu dukkana
Jiraatu dhabamaa!

☆ @A4mulaa_jireenyaa
2.0K views07:10
Open / Comment
2021-08-31 08:11:48 #Dubbisuu...!

Dubbisuun gaariidha
Bu'uura jiruudha
Waan hin beekne baruun
Kaaniifis hiruudha!

Tuullaa dilbii beekumsaa
Ofirratti jigsuudha!
Qaroo waliin qaroomuuf
Sammuu ofii tiksuudha!

Nama guutuu ta'uuf
Tolfachuuf tarkaanfii
Har'uma dubbisuuf
Jalqabi tattaaffii!

Buna dhugaas haa ta'u
Feetanis jimaa qaamaa
#Dubbisuu_amaleeffadhaa
Kanan isiniif dhaama!

Kan dubbisetu bara
Eenyummaa firaaf ormaa
Boonee qomasaa dhiibees
Haqa sabasaaf morma!

Qarshii araadatti baafnuun
Kitaaba yoo bitanne
Beekumsa dabalachuun
Sadarkaan ol siqanne!

Utubaaf dagaleedha
Ijaaree gad sidhaabaa
Jireenya kee keessatti
Ta'i hiriyaa kitaabaa!

.. @A4mulaa_jireenyaa
2.0K views05:11
Open / Comment