2021-08-30 22:00:11
NAMOOTA ADDUNYAA KEENYAA SADAN (3)
▬▬▬▬▬▬▬
1. Namoota seenaa hojjatan
2. Namoota seenaa barreessan
3. Namoota seenaa dubbisan
❏️ Namoonni kun hundinuu walqabatanii hojii hojjatu.
❏️ Hundumtinuus iddoo isaatti hojii isaaniif ta'u hojjatanii ijaa fi miila kan addunyaan kuni ittiin argituu fi ittiin adeemtu ta'u.
❏️ Yoo seenaa dubbifte ejjennoo kee cimsatta!
❏️ Yoo seenaa barreessite dhaloota waa dubbisanii hojjatan kakaafta!
❏️ Yoo seenaa hojjatte fakkeenya dhalootaaf taatee bara baraan yaadatamta!
Akkaataa waa hubachuu fi xiinxaluutiin Namoonni Addunyaa keenya kanaa dandeettii waan tokko beekuutiin iddoo saditti qoodnee ilaalla!
➊. Ni beeku; akka beekanis beeku!
Kaayyoo fi karoora qaban hundumaa cimsanii irratti namoota hojjatanii dha.
➋. Ni beeku; akka beekan garuu hin beekani!
Ofitti amanuu dadhabuu dhaan warra jiraatanii dha. Namoonni tokko tokko wanta hojjachuu danda'anii fi hojjachuu hin dandeenye adda hin baafanne.
➌. Hin beekani; akka beekanis hin beekani!
Waan tokko beekuu hin danda'u jettee calliftee yoo dhiifte utuu hin beekin hafta. Akka beekuu dandeessus hin beektu.
Namo Namoonni waan hundumaa yaalii guyyaadhaa gara guyyaatti godhaniin beekumsa barbaachisu gonfachuu fi galma barbaadame bira gahuu ni danda'u.
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
Seenaa Hojjadhu!
@seyfal_islaam2nd
@A4mulaa_jireenyaa
ᴊᴏɪɴ
2.4K views19:00