🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Keebar Media Network

Logo of telegram channel addeessa0aadaa — Keebar Media Network K
Logo of telegram channel addeessa0aadaa — Keebar Media Network
Channel address: @addeessa0aadaa
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 188
Description from channel

All about oromo culture and history
for every question and suggestions use
@Tofikbot
Admin: @Addpostviewbot

Ratings & Reviews

3.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 2

2021-10-22 18:19:25 Ateetee
... ...
Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaata qajeelchitu yoo
taatu, kan ayyaneffatus irra caala dubartoota. Ayyaanni
Ateetee waggaati al tokko kabajama. Guyyaa ayyaana
Ateetee, dubartiin uffata addaa kan mataa isaa danda’ee,
Caaccuu fi Calleen kan jifaarame uffattee, dhangaa adda
ta’e nyaachisuudhan kabajji. Ateeteen yeroo Oromoon
dur akka Kuushiiti jiraataa ture (waggoota ca. 5500 dura)
jalqabame jedhameeti tilmaamama.

Akaakuu Ateetee

Guyyaan ayyaanaa kun seera Ateetee qabatee bakka
sadiitti qooddama:
Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii)
Ateetee Hagayyaa (Ateetee Sanyii ykn Midhaanii)
Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)

Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii)

Ayyaanni kun ji’a Amajjii keessa kan kabajamu, kan
dubartiin ijoollee ofii Ateetee naqxee itti eebbiftuudha.
Haati ijoollee isiif dhangaa qopheessitee, kan deesse
hundaa walitti qabdee Ateetee itti naqxee eebbifti.
Guyyaa sana hortee haadha manaa sanaa kan ta’an
hundinuu tokkollee osoo hinhafiin, mana isiitti wal-
ga’anii eebba Ateetee fudhatu. Guyyaan kun guyyaa firri
itti wal arguudha.

Ateetee Hagayyaa (Ayyaana Sanyii ykn Midhaanii)

Ayyaani Ateetee kunimmoo Gindii hiikoo ykn Ateetee
Midhaanii jedhama. Ayyaani kun ji’a Hagayyaa keessa
yeroo qotee-bulaan qonna raawwatee gindii hiikee,
midhaan facaase hundatti Ateetee naqee, qotiyyootti
dhaddoo mataatti maree eebbisee gad-dhiisudha. Kun
mallattoo xumura qonnaati. Sana booda bakka qonnaa
hundaarra deemudhaan seerri dhibaayyuu xumuurama.
Dhumaa irratti bakkuma dhibaayyuu sanatti gamtaan
taa’nii, wanna qabatan, farsoo dhuganii marqaa nyaatanii
galu. Walumaagalatti ayyaanni kun Ayyaana Sanyii
jedhama.

Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)

Ayyaanni Ateetee kun bakka tokko tokkotti Jaarii
Kormaa ykn Gannii Loonii jedhama. Ateeteen Loonii ji’a
Sadaasaa keessa kabajama. Sirni kun kan ayyaaneffamu
dallaan loonii bakka duraa irraa jijjiiramee erga ijaaramee
booda, mukni birbirsaa (kan kormoomsaa jedhamu)
wiirtuu dallawaatti dhaabudhaani. Bakki mukni itti
dhaabate kun sirritti erga jifaaramee booda sirni Ateetee
naquu kormoomsaa jalatti kabajama. Dallawaan loonii
guyyaa sana galma misirroo fakkaata. Dubartiin
kormoomsaa jalatti marqaa marqiti. Sirni dhibaayyuu
erga xumuree booda abbaan warraa waan qalmaaf qopheesse qala. Dhiiga sana bitaa fi mirga karraa tuqsiisa. Gogaan horii qalamee sun babbaqaqfamee miilafi mataa looniitti ni hidhama ykn ni marama. Kana booda dhangaan qophaa’eefi foon nyaatamee, farsoon dhugamee sirnichi xumuura.

Wabi; sirna Gadaa Oromoo , dhumarratti kan baname
Sadaasa 25, 2014

Gulaalaa sirna barreeffamaa; Toofiq Ahimad
183 views15:19
Open / Comment
2021-10-21 23:54:05 Gaazexaa Bariisaa
... ...
Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo kan jalqabaa yoo ta'u
guddina Afaan Oromootiif gumaacha guddaa godhe.
Gaazexaa kana seenaa ogbarruu Oromoo keessatti kan
adda isa godhu barreeffama eeyyama mootummaa
ergatee maxxanfame kan jalqabaa ta'u isaati.

Hundeeffama.

Bariisaan kan hundeeffame sirni fiwudaalaa Hayilasillaasee kufee Dargiin erga dhaabbatee waggaa tokko booda Fulbaana 11, 1975tti ture. Gaazexaa
Bariisaa kan hundeesse, kanarraas ka'ee Abbaa Bariisaa
jedhamuun kan beekkamu, Mahdii Haamid Muudee ture.
Namoonni isaan wajjin hirmaachaa turan kan jiran yoo
ta'u isaan keessaa muraasni Lammeessaa Booruu, Kuwee
Kumsaa, Ibraahim Hajii Alii fi Immiruu Angoosee fa'a turan.
Bariisaan jalqabarratti hanga gaazexaa 20,000
maxxansiisun raabsaa ture. Maallaqni ittiin gaazexaan
kuni maxxanfamu namoota dhuunfarraa kan walitti
qabamu ture. Sochii gaazexaa kanaatti kan hin gammadne mootummaan Dargii, Gurraandhala 1, 1977
gaazexaa kana dhaaludhaan harka mootummaa galche.
Gaazexaa kun Dargiidhan sababni inni dhaalame waan
lama. Tokkoffaa maallaqa gaazexaan kun ittiin
maxxanfamu sabboontota Oromoorraa kan funaanan
qopheessitoota gaazexaa kanaa waan ta'eef yoo ta'u kan
lammattaa ammoo qopheessitoonni gaazexaa kanaa Agarsiisa Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977 waan
qopheessaniif sana haaloo ba'uuf ture. Erga Dargiin
dhaalamee booda maxxansi gaazexaa kanaa gadi
bu'uudhaan 5,000 qofa maxxanfamee rabsamaa ture.
Gaazexaan kun yeroo jalqabaa Qubee Saabatiin maxxanfamaa kan ture yoo ta'u 1991 as garuu Qubee Laatiniitin maxxanfamuu jalqabe. Qubee saabaa jechuun qubee yeroo ammaa afaan akka Afaan amaaraa, Gi'iizii,...... f kkf ittiin barreeffamaa jiraniidha.

madda; Kitaaba seenaa fi Qabsoo oromootaa. kan M/sa'id Abduramaaniin barreeffame maxxansa sadaffaa.

@keebarmedia
60 views20:54
Open / Comment
2021-10-21 23:54:05 #Abubakar_Muussa

Abubakar Muussaa (? -1977)
waloo, gaazzexeessaa fi qindeessaa yoo ta'u umuriisaa guutuu mirga ummata Oromoof qabsaawun dabarse. Abubakar Muussaa walaloo sirbaa weellistoota hedduudhaf kenneera.

Seena Duuba

Abubakar Muussaa bara 1940n keessa Harargee nannoo Oborraa Leelee Gabaa, ganda Alii Arbatti dhalate.
Abubakar Muussaa artistoota Oromoo walitti qabuun namoota Hawwisoo Afran Qalloo ijaaran keessa isa tokko. Hawwisoon Afran Qalloo akka jajjabaatuf yaalii guddaa godhe. Walaloo babbareedaa ta'an barreessun, miseensota cimsuu fi qindeessun Hawwisoo Afran Qalloo waggaa torbaaf tajaajile.
Abubakar Muussaa walaloo Afaan Oromoo barreessee weellistoota baayyef keennaa ture; kanaanis muuziqaan Oromoo akka dagaagu taasise. Walaloowwan inni barreesse keessa tokko kan yaadannoo Hundeef (Ahimad Taqii) barreeffamee fi kan Alii Birraa sirbe kana kaasun nidanda'ama:

Yaa Hundee bareedaa
Yaa fiinxee miidhagaa
Azaala jannataa
Mayra bishaan lagaa

Walaloowwan sirbaa Abubakar Muussaa weellistoonni hedduun kan sirban yoo ta'u kana keessaa muraasa kaasuf Alii Birraa fi Abdii Buuh kaasun nidanda'ama. Walaloowwan Alii sirbee fi ummatta biratti baayyee jaalatamaa ta'an keessaa:

Kobaa koo na dhiiftee ati deemuf kaanan
Dubbachuun dadhabee ati naan dubbannaan

Sin barbaada hogguu gadi hinteenye takkaa
Baallama naa qabi essatin si argaa

Hinyaadini hinyaadini yaadni namaan badaa
Maal akkana yaaddaa

Amma lelee lelee

Walaloosaa kan biraa beekkamaan tokkoo fi kan Wagaayoo Nigaatu sirbe:

Hammaarressi hincabuu numa micciirramaa
Garaan ilma namaa torba jijjiirramaa

Erga mootummaan Hawwisoo Afran Qalloo dhorkee booda, Abubakar Muussaa Raadiyoo Hararitti mindeeffamee hojjachuu jalqabe. Raadiyoo Hararitii, namoota akka Shawaaluul Mangistuu, Abdii Qophee (Abdii Muhammad), Muhammad Qophee(Muhammad Ahmad) faa wajjin sagantaa Afaan Oromoorratti mindeeffamee hojjachaa ture. Adoolessa 12, 1969 (ALH), Abubakar Muussaa yeroo inni oduu dubbisee buufata raadiyootii ba'u, hidhattoonni Dargii karaarratti eeganii itti dhukaasanii ajjeesan. Namoota reeffa isaa kaasuf dhufan akka hinkaafne dhorkanii reeffi isaa ala san bule. Waan nama gaddisiisu, alkan san reeffasaa waraabessi nyaachaa bule. Ganama san lafee miilaa, mataa fi harka qofa arganii awwaalan.

@Jecha_Haayyotaa iraa kan fudhatame
@orointert irratti kan maxxanfame
61 views20:54
Open / Comment
2021-10-16 23:28:50 Qabaadhee isiniif hin hiru
Danda'ee isiniif hin furu
Dadhabbii inni qabne
uumaan isin haa gargaaru
~~
Humni koo na dhoorgus
Rakkoo isin dabarsuu
Hin danda'us hin beekus
Argaama callisuu
waaquman kadhadha
Akka isin baasu!
~~
Beela hamaaf dheebuu
Isin tarkaanfachiisee
Du'a jumlaaf agabuu
Mana seenaaf dhiisee
Isin haa jiraachisu
Bara quufaaf gammachuu
Bara dhugaan dhugamtu
Bara nyaatanii taphachuu
~~
Isin baraaree dhiittoo fi kaballaa
Mana keessan haa taasisu
Qa'ee dhaangaaf jaalalaa
Qa'ee dammi mirgisu
Mana hundaaf dhugaan falaa!
~~
Kanuman jedha kunoo
Jecha hin dadhabuu
Sammuu kooti malee
Harki koo hin qabuu!
144 views20:28
Open / Comment
2021-10-16 20:43:18 "Waa keessa waa jira"
Jedhee, jecha isaan dhaameera
Harkaaf sammuun dhiiraa
Harki kee yaa mirgu
Sammuun kee yaa argu
Arra anoo argeeraa!
139 views17:43
Open / Comment
2021-08-13 14:16:09 Atimmoo maal jetta?
innoo akkana jedhee
sitaatu maal hojjatta?
anoo si gaafadhee
~
Ciminni kee maali?
hanqinni keemmoo eessa?
Salphiseen si gaafadhaa
Jaaloo yaa dargaggeessa
Yaa hojjataa mana wallaansaa
Yaa barataa yaa barsiisaa
Yaa komataa yaa barreessaa
Hogganni kee akkas godhe
Gaariis ta'u gadhee
dabaree keen maalgoota?
Suma yoon gaafadhe

Maal goota maal jijjiirta?
isa kam haareessita?
Isa kam balleessitee
Kalaqa kee dhaalchifta?

Callistee hin ilaalinii
yaadaan burraaqi keessa
Iddooma kana inni keetisii
Boru dhuftee teessaa

Toofiq Ahimad
@keebari
244 viewsedited  11:16
Open / Comment
2021-07-30 16:31:05 Aadaa Fuudhaa fi Heerumaa
(Gaa’elaa):

Aadaa Oromoo keessatti seera gadaatti namni tokko yeroo umuriin isaa soddomii tokko ta’u gaa’ela ijaarrata
ture. Amma garuu umurii 18 olitti irra guddaa dargaggoo fuudhaa fi heerumaa jiru.

Gosoota fuudhaa fi Heerumaa (gaa’elaa):

1.Cidha (rakkoo):
Aadaa Oromoo keessatti maatii fi firatu ilma fuudha ga’e tokkoof hintala heeruma geesse tokko barbaada. Maatiin gurbaan mariyachuun eega barbaadani, qomoo qoratanii, murtteessu. Gurbaan erga itti amanee jaarroleen mariyatanii, jaarsa ergatu. Jaarsis beellamma gaafatee warra maatii kadhata. Yeroo kana warri hintalaa yoo itti amanan beellama laatu. Beellamma itti aanutti tole ykn hin ta’u jechuun murtoo laatu. Yoo haa ta’u jedhan isa itti aanutti beellami kan biraan
qabamee waraqaan kadhannaa kennamee, jaarroleen deddeebi’uun dubbii xumuru. Gara walakkeessaatti
gurbaan ni naqata, kun jechuu hintalaaf warqee fi uffata
erga jechuu dha. Egaa fuudha malee maaltu haferee!
Lakkii, yeroo birraan dhufu ykn ayyaanni gurguddaan dhufu maratti dibicha ,raada ykn gaala erguu qaba gurbaan. Qabeenya kana funaanuuf jecha warri hin
talaa lafarra butu. Walumaa gala aadaa/sirni kun sirna naqataa (kaadhimannaa) jedhama.

2. Ababbalii ykn Hawwee
Inni kun ammoo osoo warri hin beekiin warri walfuudhan waliif galanii walfuudhuu ta’a.

3. Sabbatmarii ykn Irra dhaaba
Gosti gaa’elaa kun ammoo osoo warri intalaa quba hin qabaatiin tasuma itti dhufanii akka aadaatti hatattamaan akka kennaniif gaafachuu fi fuudhuudha.

4. Aseennaa
Intalli manatti hafte ykn nama itti heerumuu barbaadde waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudha.

5.Butii
Butiin fedhii fi beekumsa intalaa malee humnaan fuudhuudha. kuni amma waan seeran dhoowwameef hafaa dhufeera.

6.Dhaala: Inni kun yeroo obboleessi ykn abbaan manaa
fira ta’e akka tasaa du’u nami tokko itti darbee haadha
warraa nama du’ee sanaa fuudha. Kun manni nama
sanaa ykn matiin isaa akka hin facaaneef gargaaruuf
jecha kan ta’uu dha.

Madda; Google media
Gulaalaan; Toofiq Ahimad.
@keebari
334 views13:31
Open / Comment
2021-07-23 18:35:36 YAA LEENCAA
▬▬▬▬ ▬▬▬▬

Odoo gatiikee Beeknee
Silaa mukarra hin bultu
Barattii badeef malee
Daggala keessa hin galtu
Barbaaddu lafaan dhooftee
Mataa gubbaarra teessaa
Maqaan keeyyuu mootiidhaa
Hammuma maqaa geessaa
Silaa ati hoogganaadhaa
Hundumaa ni ergattaa
Siree gubbaarra ciistee
Dammaaf cooma murattaa
Teessoo si jalaan deemu
Bookaf nadhii unnattaa
Aduun dirra kee hin nyaatu
Maasara keessa ooltaa
Kan feetetti hammaattee
Kan feetettimmoo toltaa
Miila keetis dhiqanii
Dibanii si nyaachisuu
Nyaatan barbaadadhaaf
Olif gad sin kaachisuu

~Ilaa.........

Ilaa mee yaa mootikoo
Ajajaa warra Guddaa
Ati ulfeeffamaadhaa
Mootii mootota hundaa
Waan tokko si gaafadhuu
Hundumaa ni dandeessaa
Beekaf wallaalaa hin jettuu
Hundayyuu ni dhageessaa
Garuu hanguma yoomiitti
Roobaf aduun dhaanamtaa
Gogaan kee miidhagaadhaa
Duutullee barbaadamtaa
Otoo guddaa taatee jirtuu
Maalif daggala teessaa
Maqaa kee yoo waaman
Hundumtuu si ulfeessaa
Baankiwwan biyya keenyaa
Maqaa keen moggaafamuu
Warshaalee bebbeekamoon
Maqaa keen oomishamuu
Gamoo babbareedaniis
Maqaa keen ijaaramaa
Warri sodaatamaaniis
Kabaja keen waamamaa

~Akkamiin hin beeknuree....

Akkanan waamamuukee
Dhageenyee quba qabnaa
Maaf hin beekne ni beeknaa
Akkamiin garaa dhabnaa?
Egaa yaa Leencotakoo
Dhaamsa tokkon siif dhaama
Har'aan booda maqaakee
Mootii jedheen si waamaa
Eeyyeen ati mootiidhaa
Daggalli siif hin maluu
Waangoo maasaraa yaasi
Inni daggala haa galuu
Hunduu si'iin of waamaa
Guddisee of dhaadhessuu
Hanga yoom kaa mootiikoo
Mee kan bosona teessuu
Kabajamoo leencota koo
Addunyaan tun keessanii
Maqaan keessan ulfaadhaa
Hamma Maqaas geessanii
Maqaan kee mootiidhaa
Hooggansas ni dandeechaa
Teessoon kee maasaraadhaa
Baroodii kaa YAA LEENCAA
//=//
Walaloo Chala Worku
@WGadameessaa
Guraandhala 15 2013 Sabbataa,
Leencicha Bosona Jiruuf
Horaa Bulaa deebanaa!
92 views15:35
Open / Comment
2021-07-15 00:35:07 Tuffiin boonuudha
Namummaa wallaaluu
Kabajaan jiraachuudha
inni hunda caaluu
~
Gabaa tuffii baqadhuu
Jaalalaan jiraadhu
Hundaaf dursa kennii
ofiifis argadhu!
~
Namni siif hubata
siifis dhukkubsata
kanaaf kabajamaa
Hammam yoo hortes
hammamuu yoo bartes
Isa namaaf cimaa
Addatti of baastee
hin tuffatin nama!

Toofiq Ahimad
@keebari
196 views21:35
Open / Comment