Get Mystery Box with random crypto!

ancient history of oromoo and oromia

Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia A
Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia
Channel address: @etbisahusen
Categories: Telegram
Language: English
Country: Not set
Subscribers: 1.52K
Description from channel

YouTube kenya
https://youtu.be/eq2eWxR8t-w
Facebook kenya
https://www.facebook.com/ebisaahusen/

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 21

2021-07-30 09:11:11 Si Faanan Jira

Walaloo Afaan Oromoo Haaraa Mata Dureen Isaa Si Faanan Jira Jedhu Kaachuu Entertainment irratti daawwadhaa. Hiriyoota keessan affeeraa. Subscribe gochuun Aadaa keenya yaa ta'u.



119 views¥dnk Kachu, 06:11
Open / Comment
2021-07-27 18:57:12 https://vm.tiktok.com/ZMd7HTU3U/
42 viewsKi, 15:57
Open / Comment
2021-07-23 17:48:24 kush) ifa baha. Afaan Oromoo damee kush keessatti ramadama. Nubiyaa kaasee hanga Tanzaaniyaa Arushaati afaan babaldhatee dubatamudha. Barreessitooti sirna nafxanyaa kana sodaa waayee kush kaasuu hin barbaadan. Warri gita bittoota sirna nafxanyaa imaammta loogii baafatanii Oromoo offiraa dhoorguun sun ammas waan haafee hin fakaatu. Oromoon damee kushimmoo kan daangeffamu akka ji’oograafiitti 140 NL – 40LS ta’ee hanga naannoo Mombaasaa– Aruushadha.Akkasumas Tigrayirraa kaasee hanga walaka Keeniyaa Tanzaaniyaas dabalatee,qubatee kan jiraatu, afaan saba bala’aatti.
Afaan Oromoo, Afaan daldalaafi dipiloomaasiiti. Hanga Jaaraa 17ffa kaabaa hanga kibbaatti dubatama ture. Biyya Keeniyati TV fi Raadiyooniidhaan tamsaasi sagantaa Afaan Oromoo jira.Mombaasaa keessa Oromoo Meeruu laga Xaanaa, Oromoo gara bahaa, Oroomoo Marawwaa,Oroomoo gara Turkaanaa, Oromoo Hiddi loolaa,cufti Kuushoota bahaa jedhamu.
Keeniyaa kessatti TVn Afaan Oromoo magaalaa Naayiroobiirraa tamsa’u sirritti tajaajila keenna jira. Ituu Walloo, Humbaanaa, Marawwaa, Oromoo Raayyaa Walloof abban Bookkuu Marawwoota.Ijoolleen Raayyaa Maccaafi Tuulamadha.Isaan kunniin naanoo Atibaraa irraa kaasee hanga naannoo laga Abayyaa jiru. Oromoon Umuruus, hanga Sudaaniitti jiru.Kanaaf kaabaan bahaa Afrikaa kan Oroomootatti. Afriikaa kabaa bahaa keessa, hanga jahaan Jaawwitti, gosa jahatu jiru. Kunniin hundi kushidha. Adduunyaa irratti hunda dura kan qaroome Kushidha.
Garuu qaroomnnni Kush Gibtsootaan saamame.Kuni seenaa keessatti iccitii Gibtsootaa “Egyptian mystry” ta’ee beekama. Musseen mataansaa kush ture.Gibtsitti dhalate.Booda qaroomina Kush fudhatee Gibtsii keessaa uummata isaa dursee biyya isaa gara Israa’eelitti godaane. Iyyesuus Kiristoosis kanumara ka’uun amanta Kirstaanaa babalise. Innis bara dhalate haati isaa isa fudhattee gara Gibtsitti baqatte. Moototi Gibtsii Fari’oonoti kushootadha.Nabii Mohamadis dhaloota Kiristoos wagga 600 booda ka’ee,amantii Musliimumaa adunyaa Kushirratti babaldhise.
Miitoolooji Kushoota kessatti qarri Ijipshiyaan mistirii sagali. Qarrii sidaa warra qaalluu sagali.Bu’uurri waraanaa qarri sagali. Boorannii sagal waan ta’eef “saglan booranaa” jedhama. “Kudhan kan Waaqaati” jedhu.
820 views000, 14:48
Open / Comment
2021-07-23 17:48:24 Seenaa Oromoo Raayyaa
Uummati Oromoo jaarraa tokko dura sirna gadaatiin ofiin of bulchaa ture. Minilik Oromiyaa erga weeraree qabate (gabroomfate) booda garuu sirni gadaa hafee,waanjoo gabrummaa sirna nafxanyaa jalatti bitamaa ture. Egaa baroota sana keessatti uummati Oromoo aadaafi,dudhaasaa akka irraanfatu godhameera. Seenaansaas aguugameefi daguungorsamee barreeffamuudhaan eenyummaasaa akka irraanfatuuf cunquursaan guddaa irratti raawwatamaa ture. Amma garuu sabi guddaa kun mirga argateen, hayyooti seenaa Oromoo qorattan, seenaa dhugaa uummata Oromoo iddoo dhoksamee qotanii baasuudhaan barreesuuratti argamu.
Hayyooti qorattooti seenaa Oromoo dhimma kanarratti ijibbaata guddaa guchuurratti argamu.Kitaaboti seenaa Oromoos barreeffamaa jiru.Kabajamoota dubbistoota keenyaa! maxxansa keenya kana keessatti waa’ee seenaa uummata Oromoo keessumaa yeroo ammaatti jiraachuunsaa irraanfatamaa kan jiru seenaa Oromoo Raayyaa akka nuu ibsaniif biiroo aadaafi tuuriizimii Oromiyaatti hayyuu qorataa seenaa Oromoo kan ta’an, obbo Alamaayyoo Haayilee wajjin gaaffiifi deebii goone, kanatti aansinee isin dubbisiisna. Jalqabarratti yeroo hojii isaanii wareeganii waan nu hasofsiisaniif obbo Alamaayyoo Haayilee baayi’ee isaan galateeffanna.
Siifsiin:- Seenaan maali?
Ob.Alamayehu :- Seenaan ibsituudha. Ibsituu eenyummaa uummata tokkooti. Yaadanoodhas. Uummatni akkamitti akka jirate , Aadaa ,nageenyaafi,dudhaansaa kan kessati ibsamudha.
Siifsiin:- Seenaan dhugaafi dhara, dabaafi sirri qabaa?
Ob.Alemayehu: Eyyee qaba. Seenaan lammii ofiitiin barreeffamu dhugadha. Gariidhas. Akka carraa ta’ee uumattoota Afrikaa,Lattin Ameerikaa, Eeshiiyaa, Seenaan isaani kan barrefame, abootii humnaa, moototaafi namoota naanoo sana qoratanin barrefame. Ajeja mootota uummattoota sana gadi qabanii jirachisaa turaniin barreeffame. Hanga jaaraa 16ffaatti kan bareefame seenaa moototaa qofadha. Waayee gudinaa haawaasaa,waayee diinagdeesaa, hinibsan ture.Amantaadhanis walqabsiisanii kan ibsan yookin barressan(miitooloogii) baayedha.Montisski namni jedhamu Fransaayifi Awrooppatti jaaraa 18ffa miitooloojii seenattin barressuu jalqabe.Girikoonnis ta’e Chaayinoti kan barreesan amantidhan walqabsiisaniiti. Seenaan uumata Oromoos kan barreeffame gita bittoota sirnoota dabraniinidha. Seenaan Keenya dhalataa kenyaan hin barreeffamne.Kanaaf dudhaan keenya akka doofaa ta’etti busheessanii barreessan. Uummanni kun, siyaasaa kessatti akka hinhirmaane mataa gadii qabachisanii akka abbaa biyaa hintaane godhan.
Barreessitooti sirnoota durii seenaa Oromoo dabsanii soobuma sana dhugaa fakkeessanii,barressuudhaan daguungorsanii,akka dhugatti fudhatan.Oromooti Hindiraa dhufni,Madagasgaariraa dhufan jechuudhaan seenaa Oromoo daguungorsuu yaalu. Kan kana godhan gita bittootaata mootummoota Itoophiyaa dabran sana qofa osoo hintaane, Poortugaalootiifi, Awrooppaanooti kaaniifi waldaan Kiristaanaa Ortoodooksii Itiyoophiyaas, keessattuu waldaan Kiristaana Ortodooksii biyya Giriikki Marqooriyoos, badii seenaa uummata Oroomoof gahee guddaa qabu.
Siifsiin:- Barreessitooti sirna mootummaa Itoophiyaa durii Oromoon eessaa dhufe jedhan?
Ob.Alamayehu: – “Bishaan keessaa bahanii weeraraanii biyya amma irra jiran hunda qabatan…” jechudhaan Oromoon siyaasa kessatti akka hin hirmaane golga guddaa godhan. Seenaan isaan barreessanis arabsoodha. Miidhaginaafi safu saba Oromoo hinibsan. Nama Gaalaafi hoori faanaa deemaa olu “ sabaa Tikaati” jedhu. Akka waan bu’aa loonittin hin fayyadmnetti, Akka waan aannan hin dhugnetti, Akk waan dhadhaa hin jaallanetti.Horsiisee bulaa ta’uusaa hojii tuffatamaa godhanii barreessaniiru.Seenaan kanaan dura barreessitoota sirnoota nafxanyaan barreeffaman seenaa dhugaan Oromoo ibsu mitti.
Siifsiin:- Sabni tokko eenyumaan isaa kan madaalamu Afaanifi Aadaa isaattin, damee afur qaba.Seem,Kushifi Niiloo Saharadha. Oroomoon akka seenaatti isa kam kessatti,ramadamaa?
Ob..Alamaayoo:- Gara afaaniitiinis seenan hin barrefamne. Seenaan afaanii biyaalessaa kan ibsamu,Seemetikki,Kushitikii,Niiloo Saahaaratikifi Omootikidha.Sirnooti dabran sun afaanoota kana yoo ibsan, seenaan uummata guddaa
100 views000, 14:48
Open / Comment
2021-07-22 13:17:49 Sirba Haacaaluu Hundeessaa Tiktok irratti daawwattoota hedduu argatan daawwadha.



56 views¥dnk Kachu, 10:17
Open / Comment
2021-07-21 21:22:26

107 viewsKi, 18:22
Open / Comment
2021-07-21 21:07:19 https://vm.tiktok.com/ZMdGKDdkv/
105 viewsKi, 18:07
Open / Comment
2021-07-21 18:02:43 https://vm.tiktok.com/ZMdGYtja4/
117 viewsKi, 15:02
Open / Comment
2021-07-19 22:44:01 Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.
32 views¥dnk Kachu, 19:44
Open / Comment
2021-07-19 19:47:24 Album Haacaaluu guutummaasaa bilisaan argachuuf DOWNLOAD iddoo jettu tuqaa


DOWNLOAD
PLAY
47 viewsEba, 16:47
Open / Comment