Get Mystery Box with random crypto!

Mammaaksaa fi Jechamoota.

Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota. M
Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota.
Channel address: @jechama
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 13.03K
Description from channel

Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 5

2021-03-18 09:28:59 彡•Maal baasuuf, dhama raasu.

彡•Roopiin garbaa keessaa baayee, fiixeensa arraaba.

彡•Kofoo nama ergisanii "irra hin taa'in" namaan hin jedhan.

┗━━━━━ ━━━━━┛
1.3K views06:28
Open / Comment
2021-03-13 19:10:38 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
573 views16:10
Open / Comment
2021-03-13 08:42:25 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
#Kaadhimni milkii kufaatii hin abjootu, yoo kufes ni ka‟a.

#Warri wal kaadhimate, waldhabna jedhee hin gaddu, shakkiifi sodaadhaan guutamee hin jiraatu. Yoo rakkoon gargar nu fageesse illee akka hundee dinnichaa lafa jalaan loonee wal argina jedhanii onnee guutuun waliif jiraatu.

#Namni milkaa‟inaaf of kaadhime illee akkasuma, nan milkaa‟a jedhee eegala malee, yoo ta‟uu dideehoo?

#Yoon kufehoo namni maal naan jedha jedhee hin eegalu. Nan milkaa‟a, deemsakoo keessatti kufaatiin na muudachuu danda‟a.

#Yoon kufes deebi‟ee ka‟een milkaa‟a jedhee onneedhaan
hojjeta.

#Maarree dhaloonni bara keenyaa osoo dirree hin seenin maaliif moo‟amaa? Nan danda‟aa irra ni ulfaataan maaliif dursee sammuu
keenya weeraree? Obboleeysoo! Kufuu, ka‟uun, rakkoo keessa darbuun waanuma turedha. Takka kufee lamuu lafa hin ejjedhu jettee hin kakatin. Inni sammuu qabu, sagal kufeetu, kurnaffaatti kuffisee galma gaha. Seenaanis isuma qofa faarsa.
1.4K views05:42
Open / Comment
2021-03-11 15:04:33 彡•Abbaan loonii, dhoqqee hin xireeffatu.

彡•Tiruun bulte, lafee taati.

彡•Cubbuu sodaachuun, booruuf.

┗━━━━━ ━━━━━┛
1.1K views12:04
Open / Comment
2021-02-23 17:12:51 彡• "Waan dhufu hin beekanii, saree tana akaayi barsiisaa" jedhe jaarsi.

彡• Manguddoo fi eeboo, dura hin dhaabbatan.

彡• Harkaan kennaniiti, miilaan barbaada deemu.

┗━━━━━ ━━━━━┛
362 views14:12
Open / Comment
2021-02-23 17:12:15 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
261 views14:12
Open / Comment
2021-02-20 17:44:47 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
1.2K views14:44
Open / Comment
2021-02-20 09:58:22 彡• Dhagayeen dhageettii hin taatu Gurraan caqasi, argeen argaa hin taatuu ijaan laali.

彡• Jarjaraan waraabessaa, gaafa ciniina.

彡• Abbaan of hin argu, dhagaan of hin darbu.

┗━━━━━ ━━━━━┛
1.7K views06:58
Open / Comment
2021-02-20 08:39:14 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Eenyu namni yaadatamu?

Addunyaa kanarratti warra yaadatamuu qaban yaadachuun, warra of dagatee of yaadachiisuuf xurree saaqxi.

Warri yaadatamuu qaban warra yaadannoo dhugaan onnee dhalootaa keessatti barreeffamanidha.

Qabsaa‟ota fi hayyoota, jiruufi jireenya isaanii hunda sabaaf kennan.

warra dhugaaf jecha jireenya mataa isaanii dhaban, warra ofiif rakkatanii ija sammuu namaaf saaqan, warra lubbuun jiraniifi hin jirrees onnee namaa keessa jiran hundaatu, yeroo mara yaadatama.

Haala kamuu keessatti lubbuu isaanii osoo hin mararsiifatin, lubbuu ilmaan namaa badii irraa baraaruuf, halkaniifi guyyaa dhama‟anii, darbees warra lubbuu isaanii, lubbuu oolchuuf jecha rakkoo keessa galchan hedduudha.


#Addunyaan nuti har'an tana keessa jiraannu tun keenya taate hin haftu, Garuu maaliif dhalli namaa wanta gaarii waliif hin yaanne?

#waan gaarii walii haa yaannu akka seenaa gaarii qabaannu.
1.7K viewsedited  05:39
Open / Comment
2021-02-16 07:28:00 彡• Namni Dubbii barbaadu, "gaaddidduu koo irra ejjette" jedha.

彡• Kuttuun sa'aafi marga addaan kutti.

彡• "Haatee si qabdee, abbee sidhaanee, eennutti boottee himatta" jedhe.

┗━━━━━ ━━━━━┛
2.9K views04:28
Open / Comment