Get Mystery Box with random crypto!

Mammaaksaa fi Jechamoota.

Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota. M
Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota.
Channel address: @jechama
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 13.03K
Description from channel

Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 3

2021-06-05 19:02:12 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
1.2K views16:02
Open / Comment
2021-06-05 08:43:55
彡• Niitiin gabaa keessaa fuudhan, gabaa keessa baddi.

彡• Namni dhugaa hin quufne, dhugullee hin quufu.

彡• Murataan marqa baalarratti nyaata.
2.1K views05:43
Open / Comment
2021-06-05 08:43:27
彡• Ulfi ulfina jennaan, gowwaan garaa dhiibe!

彡• Argaa toleef goromsi hin ottoomu!

彡• Kan kunootii hiin argine, kuunnotii hin argu!
2.0K views05:43
Open / Comment
2021-05-28 08:48:54
“Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan”

“Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.

“Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
840 viewsedited  05:48
Open / Comment
2021-05-28 08:48:54
“Nama fardaan barbaadan lafoo argatu”

“Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata”

“Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami”
826 viewsedited  05:48
Open / Comment
2021-05-09 18:18:12 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
 ┏━━━ ━━━━━━━━┓
#Dorgomaa tayuu.

Barri keessa jirru waan hundi saffisa aduun bara waan hundi itti
jijjiiramudha.

Jijjiirama addunyaa kana irraa warri fayyadaman warra gulantaa beekumsa, hubannoo, gurmuufi ogummaa isaanii qixa jijjiirama kana simuun warra of guddisedha.

#Roobni yoo roobe warra lafa hin qabne akkasumas lafa qabaatanii warri waan ittiin qotatu
hin qabneef, roobuun hangas mara hin fayyadu. Sababni isaas waan
hojjetaniifi waan ittiin hojjetan waan hin qabneefi.

#Akkuma kana namni addunyaa faana adeemuu hin dandeenye
addunyaatu itti fayyadama malee addunyaa irraa homaa hin argatu.

#Nama dhuunfaa bira darbee sabni, biyyiifi ardiin lammiin ishee
beekumsaan, naamuusaafi jabinaan dorgomaa hin taane warra jabaaf
ergamaa fi faana jaraa hordofaa bara baraan jiraata.

Akkuma namuu gurraa qabu bara kana kan jabaateefi of hubate qofatu sa'a isaa elmatee aannan dhuga. Kana ta'uu baannaan warri anatu sa'a kee elmee, aannan qiraaciitti akka adurree siif kenna jedhan hedduudha.
730 views15:18
Open / Comment
2021-05-08 19:05:39 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
1.3K views16:05
Open / Comment
2021-05-08 19:05:17
Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata.

Kofoo namaa ergisanii, 'irra hin taa'in' hin jedhan.

"Na nyaattu na nyaadhu malee, bishaan ol hin yaa'u,'' jette harreen waraabessaan.
1.6K views16:05
Open / Comment
2021-05-08 19:05:17
Namni ulee qabatee hin deemne, sareef sagadaa deema.

Roopiin galaana keessaa bahee, fixeensa arraaba.

''Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan,'' jette adurreen.
1.5K views16:05
Open / Comment
2021-04-26 10:40:15
彡• ''Situ diriiree of qochisiise,'' jedhe gaarri, Lafa diriiraa gadi ilaalee.

彡• Garaa nagaya qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.

彡• Dhulaandhula garaa jiru, saani cinaacha arraaba.
640 views07:40
Open / Comment