Get Mystery Box with random crypto!

Mammaaksaa fi Jechamoota.

Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota. M
Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota.
Channel address: @jechama
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 13.03K
Description from channel

Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 8

2020-12-07 09:32:06 彡• Galaanni bakka bulu hin beekne, dhakaa gangalchee deema.

彡• fokkisaan nama qabata malee, nama hin kadhatu.

彡• Gaalli yoom bade jennaan, gaafa morma dheeratu bade.

┗━━━━ ━━━━━┛
7.8K views06:32
Open / Comment
2020-12-03 12:50:13 彡• Garaa dhiibuu irra, miila dhiibuu wayya.

彡• Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, warri qophinaafi se’u.

彡• Keessummaan waan dhubbattu dhabde, "
mucaa kee harma guusi" jetti.

┗━━━━ ━━━━━┛
8.5K views09:50
Open / Comment
2020-12-02 08:50:01 彡• Jaalalli allaatti, gara raqaatti nama geessa.

彡• Jarjaraan, re'ee hin horu.

彡• Kadhatanii galanii, weddisaa hin daakani.

┗━━━━ ━━━━━┛
8.2K views05:50
Open / Comment
2020-12-02 08:42:21 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Naamusa Namummaa

Amalli abbaa dhiba, hamaan ganda dhiba.”Jetti harmeen koo!

Ilmi namaa uumama kabajamaafi beekaa sammuu isaatti dhimma
bahuun jiruufi jireenya isaa gaggeeffatudha.

Uumama biraa irraa wanti
dhala namaa adda godhu immoo safuufi safeeffannaan kan jiraatuufi
naamusaan jireenya ofii kan gaggeeffatudha.

Naamusa jechuun maal jechuudha? Namni naamusa qabu hoo nama
akkamiiti? Naamusni hoo maaliin safaramaa?
Naamusni namummaa, kabaja dhalli namaa ofiif akkasumas nama
biraaf darbees uumamaafi uumaaf qabudha.

Oromoon gaafa safuun hin
badin irraafi jala qaba.
Ilmi abbaa safeeffata. Abbaan illee ilma isaaf
safuu qaba. Kana qofa miti lagaaf, gaaraaf, mukaaf, bineensotaaf illee
safuu laata.

Kana irra darbee ilmi naamusa ilmarraa eegamu qabatee jiraata.

Gaafa guddatee abbaa manaa ta'uus ilma isaa naamusa gaariin
guddisee ofiif, firaafi aanteef, biyyaaf akkasumas addunyaaf kenna.

Dhalli kan abbaafi haadhaa qofa miti, kan biyyaa, firaafi aantee akkasumas kan addunyaati jedha Oromoon.

Kanaafuu ilmaan isaaniif
eegumsaafi kunuunsa addaa godheefi guddisa.

Ollaafi lammiin illee badiifi jal'ina yoo irratti argan, ijoolleen kan hunda keenyaati abbuma bira jirutu guddisa jedhani ijoollee karaatti deebisu.



┗━━━━━━ ━━━━━┛
8.7K viewsedited  05:42
Open / Comment