Get Mystery Box with random crypto!

Mammaaksaa fi Jechamoota.

Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota. M
Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota.
Channel address: @jechama
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 13.03K
Description from channel

Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 6

2021-02-12 23:01:48
Hayyuu tokkootu jecha ajaa'ibaa wahii jedhe beektanii, akki jedhi:

"Leenca biyya keessanii hin ajjeesinaa, saree algaatu isin nyaata !!"
Jedhe.
4.4K viewsedited  20:01
Open / Comment
2021-02-07 01:38:29 Dhaamsa abukaattoo Jawar faa keessaa tokko kan tahe Kadiir Bulloo fuula facebook isaa irratti maxxanse
==========

Haalli obboo Jawaar fa'a keessa jiran bayee nama sodaachisa. Worri waa beettan(intellecuals) worri abbootii amantaa, worri dhugamaan nama siyaasaa ummata Oromootiif dhugaan qabsoofna jettanii fi dhugamaanuu lubbuun beektota dhiisi nama Oromoo kamiyyuu akka maleen bayuu hin qabdu jettan, yeroo ilmaan Oromoo sababa mirgi ummata kanaa haa kabajamuu jedhanii beelaan uf ajeesaa jiran kanatti cal jettanii laaluun kun itti gaafatama seenaa fida. Ani kana kan jedhu gaafa isaan midhaan nyaachuu dhiisanii kaasee guyya guyyaan bakka isaan ciisanitti argaa jira. Haalli isaan keessa jiran bayee nama sodaaschisa.

Oromoo Beekkadhu!!

Namni akka Jawaarii keesaattu woggaa 100 kessatti yeroo tokko akka dhalatu seenaan addunyaa nu'u barsiisa. Kanaafuu worri mootummaas ta'ee worri armaan olitti maqaa keessan dhaye hundi jarri tun sababa kanaan duunaan keesaattu bakka feetaan siyaasan dhaabbadhaa, boru maal jette naan jedhaa akkuma diinni ummata Orommoo du'iinsa isaaniitin gammadu isin ammoo hin gaabbitan. Dhugaa dubbachuuf haalli isaan keessa jiran baayee nama sodaachisa. Aangoo siyaasaa gaafa tokko hafuuf jecha Oromoon janna ufii dhabuu hin qabduun dhaamsa kiyya..Yeroon hin jiru !!!
Nagayaan bulaa!
=============
981 viewsedited  22:38
Open / Comment
2021-02-05 07:47:25 彡• Waan Qocaa kaa'e allaattiin hin argu.

彡• Waan namaa kaballaa malee hin quufani.

彡• Waan samii bu'e dacheen baachuu hin dadhabu.

┗━━━━━ ━━━━━┛
5.6K views04:47
Open / Comment
2021-02-05 07:47:20 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Sammuun Mootii/gabra yaadati

•Sammuun yaada akka ofii barbaadetti bocuu danda'a.

Waa'ee ofii isaas ta'ee dhugaa addunyaa isa sitti beekee akka fedhetti qajeelchuu danda'a.

Kanarra darbees waan itti amanu, akkasumas waan hojjetu akka isaatti
tolfachuun sammuu isaa amansiisuu danda'a.

Sana booda sammuun ni
dandeessa jedhaani. Faallaa kanaa yaadaan of gaadi'anii miira gadaantummaafi hin danda'u jedhuun yoo of amansiisan...hojii salphaa hin dandeessu jedha Sammuun.

Sana booda hojjetanii iddoo yaadan gahuun ni hafa. Dursa yaada kee hogganta, booda immoo yaada
sammuu kee keessa jirutu si hoggana. Siif galee? Afachu fakkeenya kanan siif hima.

Nyaata kee filattee nyaatta. Fakkeenyaaf dhadhaa yoo nyaatte hanga liqimsitutti situ hoggana. Liqimsuus dhiisuus ni dandeessa. Garuu erga qaama seeneen booda qaamakee ijaaruufi dhiisuu isatu hoggana.

Summiinis akkasuma fedhii keetiin dhiisuus dhuguus ni dandeessa.

Erga liqimsitee booda garuu qaamakee diiguufi dhiisuu irratti aangoo kan qabu summii sana! Ammahoo siif dhufee? Eeyyee dursa yaada filattee gara sammuukee seensisuu dandeessa.

Erga seenee booda garuu
garba yaada keetii taata.
Sammuun balaa fida; balaas ni hambisa.

Sammuun seenaa dalaga; seenaa balleessas.

Sammuun guddisaadha; quucarsaadhas.

Kanaaf Yaadakee eeggadhu!
5.3K views04:47
Open / Comment
2021-01-28 23:57:11 彡• Mammaaksi bifa dubbiiti, Jabbiin bifa looniiti.

彡• "Osoo gaafa ani gaadii hate na qabanii, fe'umaatti hin darbu" jette sareen.

彡• Horiin ormaa yoo nama harka ture, handhuuraa fakkaata.

┗━━━━━ ━━━━━┛
5.1K views20:57
Open / Comment
2021-01-28 23:57:04 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

Galma Kaayyachuu

•Galma Kaayyachuu Jiruun dhala namaa hundi galma qaba. Namni guyyaa guutuu karaa deemaa oolee galgala iddoo qubannaa barbaadee gala.

Allaattiiwan nyaata isaanii barbaachaaf, bantii sammuu marsaa oolanii galgala godoo isaanii keessa qubatu.

Addunyaa keenya irratti taphni baay‟ee jaalatamaan kubbaa miilaati. Daqiiqaa sagaltama itti dafqanii hanga danda‟an hunda kan ifaajaniif, kubbaa ishee waliin fiigan gara galma isheetti geessuufi.

Kubbaa gareen tokko galma isheetti yoo oofu, gareen biraan immoo galma irraa ittisa. Kubbaan galma ishee yoo seente malee geepha fudhachuun hin yaadamu.

Kubbaan galma ishee gahuuf humna keessaafi alaa fayyadamti. Dursa keessoon kubbaa qophaa‟aa ta‟uu qaba. Kana jechuun immoo keessoon kubbaa afuuraan guutuu qaba. Keessi guutuu
miti taanaan hanga barbaadamu deemtee galma hin geessu.

Karaa biraatiin immoo humni alaan kubbaa dhiibee gara galma ishee geessu, humna jifannaa taphataan ittiin kubbaa gara galma isheetti dhiitudha.

Kubbaan gara galma ishee seenuuf humni lameenuu baay‟ee murteessoodha.

Maarree jiruun dhala namaa akka kubbaa humna alaan ooffamee gara galmaa imaluu baatus, humni keessoo kan dhala namaa, nama jabeessee, humneessee, gufuu hunda irra tarkaanfatee galma gaha.

Humni keessoo dhala namaa waan hundumayyuu caalaa murteessoodha. Humni alaa yoo jiraates jiraachuu baates, humni keessaa murteeffatee kaanaan duubatti nama hin harkisu.
5.4K views20:57
Open / Comment
2021-01-18 08:44:49 彡•Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin, daa’imni guddatu si hin jibbin!

彡•Waaqatu nu eega jedhanii, balbala banaa hin bulan!

彡•Graan badaan, waan nyaatan nama himsiisa.

┗━━━━━ ━━━━━┛
6.3K views05:44
Open / Comment
2021-01-16 18:32:28 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
6.2K views15:32
Open / Comment
2021-01-16 07:44:43 彡•Afaan lafa taa’u, lafee alalcha.

彡•Kan kunootii hiin argine, kuunnotii hin argu.

彡•Karaan baheefi, maqaan bahe hin deebi'u.

┗━━━━━ ━━━━━┛
6.7K views04:44
Open / Comment
2021-01-16 07:44:33 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

#Haala addunyaa beekuu!

•Addunyaan keessa jirru tun guyyaa guyyaan jijjiiramti.

Akkuma ifni dukkanaan bakka bu‟aa deemu, dukkanni illee yeroo isaa eeggatee, ifaan akka dhaalamu hubachuun barbaachisaadha.

•Gaafa qanani‟anii jiraatan illee guyyaa biraa akka rakkoofi gadadoon nama muudatu, beekanii yoo dhufes fala faluu nan danda‟a jedhanii of amansiisuudha.
6.1K views04:44
Open / Comment