Get Mystery Box with random crypto!

Mammaaksaa fi Jechamoota.

Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota. M
Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota.
Channel address: @jechama
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 13.03K
Description from channel

Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 4

2021-04-26 10:40:00
彡• "Ni nyaanna jettanis ni nyaanna. Hin nyaannu jettanis ni nyaanna," jedhe waraabessi.

彡• Cidha gannaa abbaatu ofiin dida. Du'a gannaa rabbiitu namaan dida.

彡• Namni gurraachi jiilche, gufuu gubataa baqata.
626 views07:40
Open / Comment
2021-04-24 18:30:42 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
1.9K views15:30
Open / Comment
2021-04-21 23:32:18 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

#Galma kaayyachuun faayidaa armaan gadii qaba.

#A. Galma kaayyachuun kallatti jireenyaa namaaf kenna.

#B. Galma kaayyachuun waan hojjechuu qabaniifi hin qabne
namatti agarsiisa.

#C. Galma kaayyachuun onnee ittiin gara galmaa deemu si‟eessa.

#D. Galmi kaayyannu hiikkaafi faayidaa qabeessa ta‟uu qaba.

#E. Galmi keenya yoomessa qabaachuu qaba.

Namoonni hedduun galma hin kayyatani. Galma kaawwachuu dhabuun, galma dhabuudha. Galma malee deemuun akka konkolaataan nama fe‟atee konkolaachisaa iddoo dhaqu hin beekneen deemuuf yaaluuti.

#Imaltoonni iddoo deeman beekuus, beekuu dhabuus danda‟u.
konkolaataan immoo qaamni isaa marti fayyaa, gaaza kan guuttate ta‟uu danda‟a. Garuu konkolaataan kun imaltoota galmaan gahuu dhiisee gaaga‟ama isaaniin gaha. Fuudhe iddoo barbaadaniin gahuu dhiisee
iddoo isaan itti badanitti dhidhimsa.
Maarree namni galma hin qabne karaan hundi waan gara jireenyaatti baasu itti fakkaata. Kanaafuu qilee seenee jireenyi isaa hankaakuun wal nama hin gaafachiisu.

Galmi kaayyannu kan dhugumaan kaayyoo qabanne galmaan gahuu malee faayidaa maleessa ta‟uu hin qabu.

Namicha tokkotu ture. Saree guddifatee qaba jedhama.

Namichi kun saree isaa guyyuu karra duratti gadi baasee, akka isheen konkolaataa qabuu bartu taasisaa ture. Maarree jaarsi ollaa isaa kan hojii namicha kanaa argee taajjabetu, yaa namana sareen kee tun dhuguma konkolataa kan qabdi jettee yaaddaayii jedheen Namichis deebisee, ani wanti gaaffii natti ta'e sareen koo konkolaataa qabuufi qabuu dhiisuu miti. Garuu wanti na ajaa'ibu, sareen kun osoo konkolaataa qabdees maal itti gooti! Jedhee deebisee jedhama.

Maarree galmi kaayyannu kan faayidaa qabu, haala qabatamaa waliin kan wal simu, kan dhugumatti itti hojjetanii milkaa'uufi hojjetanii nama fayyadu ta'uu qaba. Galmi kaayyannu fedhii qofa giddugala yoo godhate, quufa abjuu ta'a. Waan feene qofaaf karoorsuun haamilee nama dhorka.
1.2K views20:32
Open / Comment
2021-04-06 14:09:44
彡• Keessumaa qamalee, raafuu keessati argu.

彡• Akka cabanitti hokkolan.

彡• Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan.
889 views11:09
Open / Comment
2021-04-06 14:09:36
彡• Garaacha dheedhii, garaatti beeki.

彡• Midhaan warra raatuu, bona bona nyaatu.

彡• "Osoo gubadhuun kolfa" jette akaayiin.
889 views11:09
Open / Comment
2021-04-02 00:40:02 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
#Haala addunyaa beekuu!

#Addunyaan keessa jirru tun guyyaa guyyaan jijjiiramti.

#Akkuma ifni dukkanaan bakka bu‟aa deemu, dukkanni illee yeroo isaa eeggatee, ifaan akka dhaalamu hubachuun barbaachisaadha.

#Gaafa qanani‟anii jiraatan illee
guyyaa biraa akka rakkoofi gadadoon nama muudatu, beekanii yoo dhufes fala faluu nan danda‟a jedhanii of amansiisuudha.

#Kana bira darbee addunyaa kanarra wanti hin jijjiiramne jijjjirama mataa isaa ta‟uudha.

#Dhagaa iddoo tokkoo hin sochoone irraa kaasee hanga wantoota socho‟aniitti, dungoo yeroo xiqqoo keessatti baqxu irraa hanga gaarren gurguddaa dheerinni isaanii waggaatti milimeetiraan dabalaniitti jijjiiramni jiraachuu isaa beekuun, haalli addunyaa yoo namatti jijjiirame, funyoo fudhatanii of ajjeesuuf abdii
kutuu irra, kunis amala addunyaati, kana irraan darbee boru iddoon yaade nan gaha jedhanii, #morma dhiisanii #mudhii hidhachuun barbaachisaadha.
176 viewsedited  21:40
Open / Comment
2021-04-01 09:07:02
Waggaa waggaan [April 1] guyyaa gowwomsaa [April Fools' Day] jedhamuun keessumaa biyyoota Lixaattti kabajama.

Guyyaa kana namoonni qoosaafi odeeffannoo sobaallee namaa qoodu. Gaafa abbichi waan jedhame san raawwate 'si gowwomsee [April Fools]' jechuun itti cooku.

Wantoota akkanaa irratti namoota qofa osoo hin taane miidiyaaleen illee qooda fudhatu. guyyaa san akka hin gowwoomfamne of eeggata.

#Nuti ammoo wanni akka kanaa #Aad malee jenne!!!

#Dirqama sobas jara irraa dhaaluu hin qabnu.

#Sobanii nama gammachiisuufi Qoosanii nama naasiisuun hin jiru. Kuni,


#Aad maleee.
1.1K viewsedited  06:07
Open / Comment
2021-03-27 18:57:10 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
1.1K views15:57
Open / Comment
2021-03-27 08:43:35 彡• ''Duraanuu foon kee hin mi'aayu, deemi'' jedheen waraabessi kuruphee ari'ee dadhabnaan.

彡•Kuttuun sa'aafi marga addaan kutti.

彡• "Haati tee jalatti si qabdee, abbee sidhaanee eennutti boottee himatta" jedhe.

┗━━━━━ ━━━━━┛
1.8K views05:43
Open / Comment
2021-03-22 10:41:57 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

#Galmi kaayyannu kan dhugumaan kaayyoo qabanne galmaan gahuu malee faayidaa maleessa ta‟uu hin qabu.

#Namicha tokkotu ture. Saree guddifatee qaba jedhama. Namichi kun saree isaa guyyuu karra duratti gadi baasee, akka isheen konkolaataa qabuu bartu taasisaa ture. Maarree jaarsi ollaa isaa kan hojii namicha kanaa argee taajjabetu, yaa namana sareen kee tun dhuguma konkolataa kan qabdi jettee yaaddaayii jedheen Namichis deebisee, ani wanti gaaffii natti ta'e sareen koo konkolaataa qabuufi qabuu dhiisuu miti. Garuu wanti na ajaa'ibu, sareen kun osoo konkolaataa qabdees maal itti gooti! Jedhee deebisee jedhama.

Maarree galmi kaayyannu kan faayidaa qabu, haala qabatamaa waliin kan wal simu, kan dhugumatti itti hojjetanii milkaa'uufi hojjetanii nama fayyadu ta'uu qaba. Galmi kaayyannu fedhii qofa giddugala yoo godhate, quufa abjuu ta'a.

Waan feene qofaaf karoorsuun haamilee nama dhorka.

Galma kaa'uun duratti.

#Hojjetamuu danda'aa?
#Qabeenya namaa fi horii akkasumas yeroo koo waliin wal madaalaa?

#Dhugaa lafarra jiru waliin hoo wal simataadhaa? Waan jedhu kanniin ilaaluun barbaachisaadha.
286 views07:41
Open / Comment