Get Mystery Box with random crypto!

Mammaaksaa fi Jechamoota.

Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota. M
Logo of telegram channel jechama — Mammaaksaa fi Jechamoota.
Channel address: @jechama
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 13.03K
Description from channel

Mammaaksota, jechamoota fi gorsaalee tokko tokko.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 7

2021-01-08 15:56:46 彡• Habbuuqqaa guddinaaf, hin quufani.

彡• Hantuunni haadha ishee jalatti, gumbii uruu barti.

彡• Harkaan Gudunfanii, ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu.

┗━━━━━ ━━━━━┛
7.2K views12:56
Open / Comment
2021-01-08 15:56:21 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Sammuun dhala namaa......maal faa hojjechuu danda'aa?

•Sammuun dhala namaa akka dachee gabbataati. Waan facaasan magarsa. Kanaafi immoo wanti faca'u murteessaa ta'uun isaa wal nama hin gaafachiisu.

Yoo waan gaarii facaasan gaarii, yoo waan badaa
facaasan immoo badaa haammachuun waan hin hafnedha. Qonnaan bulaan lafa isaa xaafii yoo facaase xaafii, qamadii yoo facaases
akkasuma. Garuu sinaaraafi gaggabsaa qotee waan akka qamadiifi xaafii eeguun, sa'a gu'e elmachuu waliin wal fakkaata.

•Koompitera yemmuu fayyadamnu barreeffama 'GIGO' jedhu argitee beekta.

"Garbage in garbage out‟ jedha. Kompiyuuterri akkuma sammuu namaa waan seene baasa.

Waan nuti itti erginu itti hojjetee gara keenyatti deebisa.

Waan gaarii yoo itti ergine gaarii, yaraa yoo ta‟es akkasuma.

Maarree waan galchine dhiisnee waan biraa eeguun of sobuu ta'uu isaati.

Sammuun ilma namaa kompitera caalaa wal xaxaafi hanga ammaatti qorachuuf baay'ee kan nama rakkisudha.

Sammuun waan karaa qaamolee miiraa gara isaa dhaqe, irra deddeebin erga fudhatee booda dhugaa jedhee amana.

Sanatu amalaafi gocha nama sanaa ta'a. Waan gara sammuu dhaqu qajeelaafi sirrii yoo ta‟e, jireenya namaaf illee qajeelchaa ta‟a.

•Yaadni namaa sammuu keessaa burqa. Yaadatu guddatee nama guddisa.

Kan xaxee nama kuffisu illee yaada irraa ka'eeti. Yaadni akka muka kibriitii takkittiiti. Yoo sammuu irra deddeebin yaadu argatte, akka ibiddaa taati. Ibiddi balaa kan fidu itti fayyadama wallaaluu irraayi. Yoo sirnaan daangaa isaa keessatti fayyadamne nyaata bilcheessa, xuraawaafi balfa gubee balleessa.

•Daangaa ceenan immoo biyya barbadeessa. Manaafi nama, bosonaafi waarshaalee gubee, waan
waggootaaf itti ifaajan daqiiqaa yartuu keessatti dhabamsiisa.

•Sammuun badiifi toltuu addunyaa kanarratti dalagame hundaaf itti
gaafatamaadha.
7.5K views12:56
Open / Comment
2020-12-31 14:52:07 彡• Taa'anii fannisanii, dhaabatanii fuudhuun nama dhiba.

彡• Seenaa bar dhibbaa baruuf, bara dhibba jiraachuun dirqama miti.

彡• Sombaaf jedhanii aalbee hin barbaadan.

┗━━━━━ ━━━━━┛
7.5K views11:52
Open / Comment
2020-12-25 23:30:22 彡•Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hin qooru.

彡•"Warruma keennaa harreen hin taane" jedhe namichi booyyee ari’ee.

彡•"Moluu tiyya boruufuu si’abdadhe” jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte.

┗━━━━━ ━━━━━┛
9.6K views20:30
Open / Comment
2020-12-25 23:23:26 彡•Hubatanii yoo ilaalan tafkiin ija qabdi.

彡•Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada.

彡•Salphinni abbaa lafaa gaafa midhaan bade.

┗━━━━━ ━━━━━┛
8.6K views20:23
Open / Comment
2020-12-22 00:42:53
Nama tokkoof icciitii tee himnaan; xiyya gaaf tokko ittiin darbatee siin waraanu kanniteefii jirta.

Namni gariin hoggaa siin wal -lole tarkaanfiin isaa ta duraa
iccitii tee san facaasudha ja'an.

Iccitiin hanguma si bira qofa jirtu iccitiidha . Si malee namni biraa dhageenyaan oduu gandaa taati.


┗━━━ ━━ ━━ ━━━┛
8.8K views21:42
Open / Comment
2020-12-15 21:57:04 彡• Amartiin namaa hin taane, quba namaa hin uriin.

彡• Ana haa nyaatuun, beela hin baasu.

彡• Ani hin hanbifne, ati hin qalbifne.

┗━━━━━ ━━━━━┛
9.2K views18:57
Open / Comment
2020-12-15 21:50:31 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Of Guddisuu!

•Namni guyyaattis ta'u torbeetti hangam qaamni isaa akka dabale ilaaluuf hangaafi dheerina isaa ni safara. Magaalaa keessa yeroo deemtan iddoo hedduutti waan ittiin hanga ofii safaran argattu.

Namuu itti goree of ilaala. Keessattuu dargaggeessi hangam akka qaamni isaa dabale ilaaluuf yeroo hedduu hanga isaa safara. Kana biraan immoo boca qaama isaa eeguufi jabaa ta'ee of arguuf sochii
qaamaa hojjeta. Kana qofa miti qaama isaa guddisuuf nyaata illee hanga humni isaa dandeessise filatee nyaata.

Xiyyeeffannoon kun hunduu
qaamaan guddaafi boca gaarii qabaatanii guddina barbaadan argachuufi.

Akka saayinsiin jedhutti ilmi namaa guddate (developed) ta'e jechuuf qaama biratti yaadaan, miiraan, hawwaasummaafi dandeettii sammuun guddachuu qaba jedha.

Akkuma qaamaaf nyaanni barbaachisu sammuun dhala namaa barnootaan guddachuu qaba. Barnoonni sirriin soorata sammuuti.

Barnoonni sirrii yoo jennu barnoonni dhugaan kan waa'ee dhala namaa, addunyaa, ardiif samii akkasumas kan waa'ee uumamaafi uumaa dhugaa qabatamaan jiruun barsiisu jechuudha.

Barnoonni sirriin dhugaa qabatamaa lafarra jiru waliin wal simee sammuu dhala namaa misoomsuu qaba.

Sammuun dhala namaa
barnoota sirriin gabbatee jiruufi jireenya namaa jijjiiruu qaba. Kana irraa maqnaan jireenyi dhala namaas milkii irraa maquun, guddinaaf gumaata dhiisee gufuu ta‟a.

Maarree guddinni dhala namaa sirrii akka ta‟uuf, sammuun barnoota sirriin misoomee dagaaguu qaba.
8.0K views18:50
Open / Comment
2020-12-12 07:35:02 彡•Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadi.

彡•Hanqaaquu keessa, huuba barbaada.

彡•Haati ballaa (suuloo), ya bakkalcha koo jetti.

┗━━━━━ ━━━━━┛
7.2K views04:35
Open / Comment
2020-12-12 07:34:53 #Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

Milkaa‟uu irraa maaltu nama ittisaa?

Wantoonni milkaa‟ina goonfachuu irraa nama ittisan hedduun kanneen
armaan gadiiti.

----------------------------------------------
•Fedhii dhabuu.

•Kufaatii sodaachuu.

•Jechaa namaaf iddoo kennuun, duubatti mucucaachuu.

•Ofitti amanamummaa dhabuu.

•Dandeettiifi humna ofii wallaaluu.

•Mul‟ata dhabuu.

•Kaayyoo malee jiraachuu.

•Kutannoo dhabuu.

•Nama ilaalanii karoorsuufi karaa nama biraa hordofuu.

•Abdii kutuu.

•Waan xixiqqootti quufuu.

•Sodaachuu.

•Of tuffachuu.

•Wareegama kanfaluu sodaachuu.

•Dhugaa jireenyaafi addunyaa wallaaluu.

----------------------------------------------
Wantoonni kunniin namni akka hin milkoofneef namaafi milkaa‟ina
isaa gidduutti dallaa warra ijaaranidha. Namoota dallaa kana cabsantu
milkaa‟ee jiruu bareedaa arga. Warri harka laate immoo osoo iddoo
yaade hin gahin karaatti hafa.

Kaayyoo ofiif kutannoofi jabina godhatanii, gufuu kanneen irra
tarkaanfachuun nama milkeessa.
7.9K views04:34
Open / Comment