🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 38

2021-05-09 14:02:34 ☆Gaaffiif deebii marsaa 75ƒƒαa
☆Leenjii, "Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa" jedhu irraa, kutaa 4ffaa.
____
[1] Qaamni Gaarreeni dachaa hedduun, kan nuti dachii olitti arginu caalaa, kan lafa keessa gadi fagaatantu caalaa?

#A| Dhugaa #B| lakkii sirrii miti.

[2] Kitaabni kiristaanaa waa’ee ummata Aad, Samuudi fi ummata shu’eeyb hin dubbatu. Garuu qur'anni waa'ee isaan kanaa sirritti ibsa. Kuni maal mirkaneessa?

#A| Qur’aana Nabiyyitu macaafa irraa garagalche. warra jedhuuf deebii ta'a.

#B| Garagalafmuu ibsa.

#C| Dubbii shakkitootaa mirkaneessa.

#D| deebiin hin jiru.

[3] Garreen hidda gadi fagoo akka qabanii fi hojiin isaanii dachii akka hin sochoone eegu akka ta’e Qur’aanni waggoota 1400 dura dubbatee jira. Saayinsiin ammaayya bara kam keessa mirkaneesse?

#A| 1965 #B| 2012
#C| 1400 #D| 1865

[4] dameen saayinsi waa’ee dachii qoratu?

#A| Geography #B| History
#C| Jiyooloji #D| tektooniks

[5] Qur’aanni maaliif galmee ykn waraqaa irratti katabamee hin buufamnee?

[6] Qur’aanni wantoota yeroo sadan keessatti adeemsifamu of keessatti kan qabateedha. Gosoonni yeroo sadan kunniniis? Ibsa waliin.

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※

#Gaafileen hundu deebisaa instantview gadii keessaa deebisaa argattu.
732 viewsedited  11:02
Open / Comment
2021-05-08 19:25:12
Qur'aanni halkan murtii( halkan leeylatal qadrii) keessa buufame jechuun: akkami?
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

1• Qur'aanni halkan leeylatul qadrii sana keessa yeroo jalqabaaf buufame.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

2• Qur'aanni kun waliigala/hunduma isaa loowhal-mahfuuz irraa fuudhamee halkan darajaa/gatii guddoo qabdu keessa samii lafatti gadi aantutti buufmee, achirraa hanga amata 23 keessatti ergamaa keenya muhaamad (salallaahu aleeyhi wa sallam) irratti xiqqo xiqqoon buufme.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
【ﻭﻗﺎﻝ ﺍﺑﻦ ﻋﺒﺎﺱ (r.a) ﻭﺟﻤﺎﻋﺔ : ﺇﻧﻪ ﺃﻧﺰﻝ ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻓﻲ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﻓﻲ ﻟﻴﻠﺔ ﺍﻟﻘﺪﺭ، ﺇﻟﻰ ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﻘﺎﻝ ﻟﻪ : ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ، ﻭﻛﻞ ﺳﻤﺎﺀ ﻓﻴﻬﺎ ﺑﻴﺖ ﻟﻠﻤﻼﺋﻜﺔ ﻳﺘﻌﺒﺪﻭﻥ ﻓﻴﻪ، ﻭﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﺘﻌﺒﺪ ﻓﻴﻪ ﺍﻟﻤﻼﺋﻜﺔ،.......】
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Dabalataaf:- https://binbaz.org.sa/fatwas/15369/تفسير-قوله-تعالى-انا-انزلناه-في-ليلة-القدر
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Yaa rabbii keenna ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra nuu darbi.
1.0K views16:25
Open / Comment
2021-05-08 06:13:28
#Hookkara Humni tikaa Israa'il Gootota Filisxeen irratti banteen
guyyaa har'aa(Jum'aa ramadaan 25) lammiileen Filisxeen 163 ol miidhamanii jiraachuun
isaanii gabaafamee jira.

#Humni Tikaa Israa'el Masjiidal Aqsaa weeraruun gola Azaanaa
caccabsuu bira darbee sagalee guddistuu (Maayikii) Masjiidal
Aqsaas addaan kutee,

Gootonni Filisxeen Salaata Subhii Raamadaana 26ffaa sodaa
tokko malee Masjiida kabajamaa Al-Aqsaa'tti dhibbootaan
hiriiranii salaatanii jiru.

Halkan kana weerarri humna tikaa Israa'il 'n isaan irratti banamus hunda dandamatanii Masjiida ija Muslimoota idil addunyaa dabarsinee hin kenninu jedhanii aarsaa hangana hin
jedhamne kaffalaa jiru.

Biyyoonni islaamaa tokko tokkos gocha israa'eelota kana hadheeffattee balaaleffataa jiru.

# Palestine # AlQuds

Maddi: JG/Al Jazeera/Quds al yowm
392 views03:13
Open / Comment
2021-05-07 12:36:29
#Suuraa haala bareedaan kaafame, kan Maqaama ibraahim ibsuudha.

#Maqaama ibraahim jechaan: dhagaa nabi ibraahiim (a.s) hoggaa ka'abaa ijaaru irra dhaabbate, kan faanti isaa, dhagaa gurraacha tayuun waji keessa seentee, hanga ammaa jirtuudha.

Qur'aanaan :
"ﺇﻥ ﺃﻭﻝ ﺑﻴﺖ ﻭﺿﻊ ﻟﻠﻨﺎﺱ ﻟﻠﺬﻱ ﺑﺒﻜﺔ ﻣﺒﺎﺭﻛﺎ ﻭﻫﺪﻯ" ﻓﻴﻪ ﺁﻳﺎﺕ ﺑﻴﻨﺎﺕ ﻣﻘﺎﻡ ﺇﺑﺮﺍﻫﻴﻢ......"
‏(ﺁﻝ ﻋﻤﺮﺍﻥ 97-96: ‏)

#Manni dura dursoo Rabbiin bakka itti isa ibaadan bakka itti gara galanii salaatan ,dachi'iratti namaaf godhe, mana makka keessa jiru, sun ka'abaadha, {bakkata} jechuun, makka jechu', ka'abaan beytul maqdis dura, amata yookaa bara, afurtamatti jaaramte....

#Ammas Rabbiin akki jedhu:

" ﻭﺇﺫ ﺟﻌﻠﻨﺎ ﺍﻟﺒﻴﺖ ﻣﺜﺎﺑﺔ ﻟﻠﻨﺎﺱ ﻭﺃﻣﻨﺎ ﻭﺍﺗﺨﺬﻭﺍ ﻣﻦ ﻣﻘﺎﻡ ﺇﺑﺮﺍﻫﻴﻢ ﻣﺼﻠﻰ" ﺍﻟﺒﻘﺮﺓ 125

#Gaafa{ka'baa} makka keessa jirtu mana ibaadaa Rabbii, bakka namni itti wal gayee if amanu goone yaadadhaa, yookaa dubbadhu, Bakka nabi ibraahiim irra dhaabbatee ka'baa jaare, bakka salaataa godhadhaa, hoggaa kabaadhan yeroo torba naannoytan booda achtti salaataa.

#Rabbiin achi nuhaa dhaabu.
864 views09:36
Open / Comment
2021-05-07 00:01:45 #Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr

Sh/Rashaad 1.5 MB 6:11

【BOQONNAA MURTEE】

० بسم الله الرحمن الرحيم

#Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba)

1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر
①#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.}

2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ

②#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? }

3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ

③#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti.

4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن
ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ

④#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.}

5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ

⑤#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. }

#Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.
1.1K views21:01
Open / Comment
2021-05-05 11:31:14 Najjaashii Mohamed 2021 Nashiidaa.

Seenaa Ahmed-Najjaashii part 3ffaa.

@risalaTube

෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 6.2 MB
Daqiiqaa 14:46
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Part 1ffaa argachuuf.
https://t.me/risalaTube/1228

Part 2ffaa argachuuf.
https://t.me/risalaTube/1229
524 viewsedited  08:31
Open / Comment
2021-05-05 11:31:09
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee.

#Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!

#Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus.

#Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata!

#Halkan kana maaltu hojjatama?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees)
#Qur'aaana qara'uu
#Zikrii heddummeessuu.
#Sadaqaa kennachuu.

#wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha!

Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.

Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii.

Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.
560 views08:31
Open / Comment
2021-05-04 08:43:42 Qur’aana Nabii Muhammadtu (SAW) barreessee, nama isiniin jedhuuf deebii akkamii laattuuf?

Qur’aanni maaliif galmee ykn waraqaa irratti katabamee hin buufamnee?

Qur’aanni waa’ee galaanaa fi laggeeni maal jedhaa? Saayinsiin hoo?

#inshaa'allaah kutaa goolabbii kana irraa, waan hedduu hubattu
instantview gadii seenuun dubbisaa.

https://telegra.ph/Buufamiinsaa-fi-walitti-qabamiinsa-Quraanaa-Leenji-kutaa-4ffaa-05-04
734 viewsedited  05:43
Open / Comment
2021-05-03 11:56:52 ☆Gaaffiif deebii marsaa 74ƒƒαa ☆Leenjii, "Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa" jedhu irraa, kutaa 3ffaa. ________ [1] Nabiyyiin dhumaa addunyaa guutuuf ergamuun ergaan (risaalan) Rabbiin irraa dhufu xumuramee jiraachuu ibsa? #A| Dhugaaa #B| lakki…
319 viewsedited  08:56
Open / Comment
2021-05-02 18:31:46 SHEK ALI JIMMA.

MUHAADARA HALKAN LEEYLATUL QADRI ME HA DHAGEFANU.

@risalaTube

෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 3.1 MB
Daqiiqaa 8:17
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
609 views15:31
Open / Comment