Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 47

2021-03-06 22:28:19 Abbaan alangaa mana murtii yakka  Idil Addunyaa (ICC) , yakka waraanaa  june 2014  irraa kaasee,  loltoonni  Israa’el  lafa Falasxiinotaa  humnaan Weerarame keessatti raawwatan irratti  qorannoo jalqabuu beeksise. #NH
804 views19:28
Open / Comment
2021-03-05 13:25:41 Ilmi namaa bakka 4 qoodama keessa ati eessa jirta || She Abdusalam kadir
1.1K views10:25
Open / Comment
2021-03-04 23:56:32
Yaa Rabbii balaa tasaa irraa nu eegi.

guyyaa kaleessaa konkolaataan Isuzi barattoota diinii (Darasoota) 20 fe'attee godina Arsii lixaa magaalaa kofalee irraa osoo deebi'aa jirtuu naannoo Dodolaatti riqicha irraa gara galuun battalumatti barattoota diinii afurii (4) fi dargaggoo tokko lubbuu galaafachuun, namoota kaan irra ammoo miidhaa cimaaf salphaa dhaqqabsiisuun hospitaalatti kan yaalamaa jiran tahuun beekkame.

Barattootni diinii kuni sagantaa sirna deeggarsa Sh Zubeeyrii kan magaalaa saaguretti dhukkubsataa jiraniif godhame irra kan turaniifi yeroo saganticha xummuranii galiinsaaf karaa bu'an balaan hadhaawaan kuni kan mudatee dha.

Warroota lubbuun isaanii gama RABBII godaanteef dhangaan araarama RABBII isaaniif haa tahu,isaan wal'aanamaa jiran fayyaa isaanii yeroo gabaabaa keessatti akka isaaniif deebisu deeggarsaafii du'aa'iin bira dhaabbanna.
1.3K views20:56
Open / Comment
2021-03-04 07:24:59
Sirni Hajjii Bara kanaa Namoota Talaallii COVID-19 fudhatan qofaaf kan hayyamamu tahuu ibsame

#Ministeerri Fayyaaa Sa’uudii muslimoonni sirna Hajjii bara kanaa irratti hirmaachuuf hawwii qaban, dirqama talaallii COVID-19’ fudhachuun kan isaan irraa eeggamu tahuu beeksise jechuun gaazeexxaan biyyattii Okaz jedhamu gabaase.

#Akka gabaasa kanaatti, Ministeerri fayyaa biyyattii Tofiiq Al Raabiyaa ibsa wixata dheengaddaa sirna hajjii bara kanaa ilaalchisee keennen “muslimoonni sirna Hajjii baranaa irratti hirmaachuuf karoora qaban hundi isaanii dirqama  talaallii COVID-19 fudhachuu  qabanii”jedhe.

Sirna hajjii bara kanaa irratti immoo namoonni hagam akka hirmaataniif fi akkasumas biyyoota addunyaa garagaraa irraa akka hirmaataniif hayyamuu fi dhiisuu ilaalchisee Mootummaa Sa’uudii irraa wanti ibsame hin jiru.

Sirni hajjii bara kanaa July 17,2021 jalqabamee July 22 xumurama jedhamee tilmaamama, Itoophiyaan immoo talaallii COVID-19 marsaa duraa sirni hajjii jalqabuu ji’a tokko dura akka alaa galfattu ibsite.
#Nh
1.2K views04:24
Open / Comment
2021-03-02 08:58:32
#Manguddoon hoggaa dubbattee si gorsitu ; fuulaan itti achii deebi'ii xiyyeeffannoodhaan qaama kee guutuu gurra godhii caqasi.

#Bahara muuxannoo isaatirraa siif qicutti jira.

#Bu'aa bahii fi muudannoo isaatirraa siif waraabutti jira.

#Gaara umrii isaatirraa, qottoo yaadannootin fottoysaa, siif
laatutti jira.
Gorsa maanguddoo laayyotti hin ilaalin.

#Guddaa kabajuun, xiqqaa rahmata gochuun waan Nabi nuu dhaamani (s.a.w)

#ﻟﻴﺲ ﻣﻨﺎ ﻣﻦ ﻟﻢ ﻳﺮﺣﻢ ﺻﻐﻴﺮﻧﺎ ﻭ ﻳﻮﻗﺮ ﻛﺒﻴﺮﻧﺎ
1.3K viewsedited  05:58
Open / Comment
2021-03-01 16:19:36 Qophii Proojektii Ramadaanaatif Kutaa 1ffaa.

•Kaayyoo fi Bu’aa soomanaa

•soomni fudhatama argatuuf ulaagaalee lama guutu qaban.

#
kanniinifi kan biroo hubachuuf
1.6K views13:19
Open / Comment
2021-03-01 08:37:54
iyyaaffannooo

#Dhimmichi Akkana Obboleessi keenya suuraa olii irratti argitan kun Misbaah Zeeynuu (Misbaah Muhamed-zeyn) jedhama, sababa qiraatiitiin imala irra osoo jiruu, waraqaa ragaa(shahaadaa) kan hifzii qur'aanaa dabalatee meeshaalee biroo waliin Magaalaa finfinne Atobisii keessatti gaafa guyyaaa kamisaa 11-6-2013, jalaa waan badeef, Namni argitan akka lakkofsa obbolessa keenyaa 0937172143 irratti nu eertan kabajaafi maqaa rabbitin isin gaafanna.

#keessattu waraqaa ragaa sana sirritti barbaada Akiin keenna kun, waraqaa ragaa sana irratti maqaan Arabbiffaan( مصباح محمد زين ) kan irra jiruufi suuraan irratti kan maxxanfamee jiruudha.

#du'a godhaafii, share nuuf taasisaas yaa obbolaa keenya rabbin jazaa keessan isinii haa kaffalu.
1.8K views05:37
Open / Comment
2021-03-01 07:44:27 ☆Gaaffiif deebii marsaa 65ƒƒαa ☆Leenjii waa'ee Toowbaa, kutaa 7ffaa "B" irraa. ____________________ [1] Namni sababa Nabiyyiitiin ykn daa’iwwan isa booda dhufaniin ergaan Rabbiin irraa yoo isa gahe, gorsi (Qur’aanni) isatti dhufee jira jechuudha. #A| Dhugaa…
1.1K views04:44
Open / Comment
2021-02-28 14:00:15 ☆Gaaffiif deebii marsaa 65ƒƒαa
☆Leenjii waa'ee Toowbaa, kutaa 7ffaa "B" irraa.
____________________

[1] Namni sababa Nabiyyiitiin ykn daa’iwwan isa booda dhufaniin ergaan Rabbiin irraa yoo isa gahe, gorsi (Qur’aanni) isatti dhufee jira jechuudha.

#A| Dhugaa #B| Lakki akkasii miti.

[2] Hiriyyoota badii hojjataniin wal qunnamuun dirqama yoo ta’e, furmaanni...

#A| Waliin turuu.
#B| Erga haaja fixatanii irraa deemuu.
#C| Yommuu isaan badii hojjachuu jalqaban irraa dheessu.
#D| B fi C deebiidha.

[3] Miidhaa hojjataan (zaalimni) nama namoota irratti daangaa darbuun isaan miidhu yookiin badii akka........ hojjetaniidha.

#A| Shirkii #B| kufrii
#C| Nifaaqummaa #D| Hundaa

[4] Namni kaafirri ykn namni badii gurguddaa hojjachuun Islaamaa irraa fagaate, gaabbi cimaa gaabba. Garuu yeroon waan darbeef homaa isa hin fayyadu. Ciminnaa fi gubaa gaabbii isaa agarsiisuuf, “ Guyyaa qiyaamaa ...... isaa lamaan ciniinu”jechuun ibse. 

#A| miila #B| harka
#C| gaabbii #D| Qoma

[5] hadiisaan “Hiriyyaan gaariin haala kam keessattu hiriyyaa isaa ni fayyada. Inni akka nama....... baadhateeti.....

#A| Miskii #B| Qur'ana
#C| Amaanaa #D| Deebiin hin jiru

[6] Hiriyyaa waliin yommuu taa’an ulaagaalee armaan gadii Qur’aanaa fi hadiisa irraa fudhataman hordofuun bu’aa baay’ee buusa:

[7] Rasuulli salallaahu aleeyhi wa sallaam, fakkeenya hirriyyaa gaarii fi badaa maalitti fakkeessan?

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
1.2K views11:00
Open / Comment
2021-02-28 09:25:52 Waldaan Tokkummaa Muslimoota Magaalaa Jimmaa fi Naannawa isii Hundeeffame
1.2K views06:25
Open / Comment