🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 44

2021-03-31 09:35:23
Korri Waliigalaa Mana Maree Dhimmoota Islaamaa murtiwwan ijoo dabarsuun goolabame.
===========================
#Korri Waliigalaa Mana Maree Dhimmoota Islaamaa kaleessa waaree booda Hoteela ililliitti jalqabame, bu’aa bahii muudate dandamachuun har’aa waaree booda murtiiwwan ijoo dabarsuun goolabame.

Murtiiwwan kunneen jidduu ijoon:

1) Sanadii ittiin bulmaata majlisaa fi sanadii wal tahinsaa fi tokkummaa ulamootaa raggaasisee jira.

2) Tokkummaa hawaasa muslimaa booressuuf namoota socho’aa turan, keessumattuu Barreeysaan Majlisaa Obbo Taajuddiin Qaasim maqaa majlisaatiin xalayaa seeran ala barreessuu fi chaappaa sobaa hojjachiisuun sochiilee seeraan alaa raawwachuun, kufaatii majlisaatiif sababa tahuun isaa eega qoratameen booda, qaboo yaa’iitiin aangoorraa kaafamuun Haaji Nuuraddiin Daliil akka bakka isaanii kan jalqabaatti deebi’anii barreessaa tahan murteeffamee jira. #Nh
764 views06:35
Open / Comment
2021-03-29 07:49:01 Ustaaz Raayyaa
1.5K viewsedited  04:49
Open / Comment
2021-03-29 07:43:46 Kaayyoo Ramadaanaa keessaa inni guddaan maali?

Jijjirama Ramadaana keessan finne itti fufsiisuuf tarkaanfilee fudhachuu qabnu.
#instantview
https://telegra.ph/Leenjii-Qophii-ramadaaniif-Kutaa-5ffaa-03-29
1.3K viewsedited  04:43
Open / Comment
2021-03-29 07:33:50 ~~~~~~~~~
Deebi gaaffi guyyaa har'aaf.
~~~~~~~~~
1-》"A" 2-》"D" 3-》"B" 4-》"C" 5-》"D"

6》•Kaffaaran tartiiban ta’uu qabaa?

#Jamhuurri (aalimman harki caalan) tartiiban deemu qaba jedhu. Ji’oota lama soomutti hin darbu gabra bilisa baasu yoo dadhabe malee. Hiyyeessota jahatama nyaachisutti hin darbu ji’a lama soomu yoo dadhabe malee.

#Imaam Maalik immoo kan isatti tole filachuun kaffaaraa kafalu danda’a ilaalcha jedhu qabate.

7》•#haqqisuu jechuun nyaata ykn dhugaati deebisuu ykn garaa keessaa gara alaatti baasudha. Haqqisuun nama tokko moo’ate ofiin yoo bahe, sooma qadaa baasun ykn kaffaaran isarra hin jiru.

Hadiisa Abu Hureeyran irraa odeefame keessatti Ergamaan Rabbii (SAW) waan akkana jedhaniif:

“‏ مَنْ ذَرَعَهُ قَىْءٌ وَهُوَ صَائِمٌ فَلَيْسَ عَلَيْهِ قَضَاءٌ وَإِنِ اسْتَقَاءَ فَلْيَقْضِ ‏”

#Osoo soomu nama haqqisoon isa moo’ate, qadaan isarra hin jiru. Garuu kan of haqqisiise (osoo beeku akka haqqisu kan of taasise), sooma qadaa baasu qaba.” Abu Daawud
_
stats Hanga yeroon xumuuramutti.
_
Deebii guutuu kan deebisan.

Fahadil Mahadii Abdii Mohamed Caalaa Ahamad Furqan Jamal Rastam Ibsaa Abdulhaakim hasan Abdiisaa Kurfaa Tuujii Abdurahmaan Mua'aaz Gaalii Abdulqaadir kadiir Mohamed sheik imaam Juneeydii siraaj Na'ima Mussa
_
Deebii 6/7 kan deebisan.

wardi osmael Mame Ibrahim shuayib Nasir Abdulhakiim Ibraahiim
_
Deebii 5/7 kan deebisan.
Abdurrazzaaq Nasruu

Kan dursa guutuu deebisuudhaan injifatan fi yeroo itti deebisan.

1-Fahadil Mahadii 7:30
2-Abdii Mohamed 7:31
3-Caalaa Ahamad 7:33
4-Furqan Jamal 7:34
5-Rastam Ibsaa 7:35
__Maqaa fi laakkofsa nuu ergaa.

Hirmaattonni keenya hunduu jazaakumullaahu keeyran.
Yeroo kabajuu dhabuu keennaaf dhiifama guddaa isin gaafanna.

Yaadaa fi gaafiif. 1-@QILQIL_BOT 2- @Al_risala_tube_bot
870 viewsedited  04:33
Open / Comment
2021-03-28 13:53:56 Dhiifama guddaa obbolii rakkoo teeknikaa nu mudateen sa'aa tokko dursamee gadi lakkifame Afwan.

Instantview gadi irraayyi gaafileen hundumtuu.
472 viewsedited  10:53
Open / Comment
2021-03-28 13:00:09 ☆Gaaffiif deebii marsaa 69ƒƒαa
☆Qophii Proojektii Ramadaanaatiif kutaa 4ffaa irraa.
________________________

[1] foolii fuunfachuun sooma hin cabsu.

#A| Dhugaa #B| Lakkii ni cabsa

[2] Wantoota sooma cabsan, kan qadaa qofa barbaachisu.

#A| Afaaniin ala wanta garaa gahuu.

#B| Osoo beekanuu hoqqisuu (haqqisuu).

#C| Heydii (laguu) fi nifaasa (dhiiga dahaa).

#D| hunduu

[3] karaa funyaanitiin qoricha galchuun sooma cabsa. Karaa ...... qoricha galchuun wal dhabbii (kilaafa) keessa jira.

#A| Afaaniin #B| Gurraatiin
#C| Dibataan #D| hundaa

[4] “Lilmoon (marfeen) akka nyaatatti itti fayyadaman, yoo namtichi fudhate soomni ni caba. Lilmoon tuni nyaata ykn dhugaati haqiiqa ta’uu haa dhiistuyyuu malee akka nyaataa dhugaatitti waan nama gargaartuuf hukmiin (murtiin) ishii ..........
Garuu lilmoon akka nyaatatti nama hin gargaarre, sooma hin cabsitu (hin balleessitu).” Majaalisu shahru Ramadaan-fuula 100

#A| qadaa fi kaffaaraa barbaachifti.

#B| Sooma hin balleessitu.
#C| hukmii nyaataaa dhugaatiti.
#D| hundaa deebiidha C malee.

[5] Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: “Dhugumatti, Rabbiin wanta nafseen isaanii itti hasaaste ummata kiyyaaf irra darbe yoo [wanta yaadan san] ......... yookiin..........” ( Sahiih Al-Bukhaari )

#A| yoo hojii irra hin oolchin.
#B| Yoo qalbiin itti hasaaste.
#C| yoo hin dubbatin.
#D| A & C.

[6] Kaffaaran tartiiban ta’uu qabaa? Jamhuurri (aalimman harki caalan) maal jedhan?

[7] Namni yoo haqqise soomni isaa akkami?

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
526 views10:00
Open / Comment
2021-03-27 22:59:50 Yaa’ii walii galaa marsaa lammaffaa mana marii dhiimmoota Islaamummaa Itoophiyaatin waamame irratti qooda fudhachuuf, hirmaatoonni kutaa biyyattii garagaraa irraa magaalaa Finfinnee seenaa jiru. #NH
599 views19:59
Open / Comment
2021-03-27 08:01:30
Shafa’aa

Ergamaan Rabbii (ﷺ) akkana jedhe
 “Guyyaa qiyaamaa ani dursaa ilmaan Aadam tahee kaafama. Namni jalqaba qabriin banamtuuf ana.

Namni jalqaba jaarsummaa (Mangudummaaa) ummata kootiif deemus, namni jalqaba jaarsummaan isaa qeebalamtus ana dha.” Jedhe.

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ عَنِ النَّبِيِّ صلى الله عليه وسلم قَالَ أَنَا سَيِّدُ وَلَدِ آدَمَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَأَوَّلُ مَنْ يَنْشَقُّ عَنْهُ الْقَبْرُ وَأَوَّلُ شَافِعٍ وَأَوَّلُ مُشَفَّعٍ
(Sahiih Muslim, 2278)

Guyyaa Qiyaamaa guyyaa namuu “…. nafsii…. nafsii…lubbuu too na baasi… lubbuu too na baasi…” jedhaa lubbuu ofiitiif qofa booyu sana Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad (ﷺ) garuu
“Ummatii! Ummatii! Ummata koo! Ummata koo!” jechuun ummata isaaniitif booyu.

Ummata isaaniitiif Jaarsummaa shafa’aa Rabbii guddayyaa fuuldura dhaabbatu.

Rabbiin warra guyyaa qiyaamaa Shafa’aa Rasuula  Rabbii (ﷺ) argatu nu haa taasisu!
820 views05:01
Open / Comment
2021-03-25 07:41:45
Rabbiif jecha wal jaalachuu

#Rabbiif jecha wal jaalachuun: sodaa namni tokko rabbii isaatiif qabu irraa kaate isa jaalachuudha.

Nama sana iimaana, sodaa rabbii walumaa galatti waan keeyrii irratti isa arguu keetiif isa jaalatta, yoo waan badaa irratti argite ammoo akkuma lubbuu teetiif jibbitu isafis jibbite keeyrii irratti qajeelchita.

Bu'aa rabbiif wal jaalachuun qabu.

Yeroo Rabbiif jecha nama jaalannu kan asiin gadii niyyaataa.

1.Rabbiif jecha nama jaalachuun naqattoo
(haada) Rabbii jabduu tahuu.

2.Malattoo iimaanni namaa guuttamiinsaa tahuu.

3.Mi’aa iimaanaa argachuu.

4.Jaalala Rabbii argachuu.

5.Karaamaa(kabajaa) Rabbii argachuu.

6.Gaaddisa Arshii jala warra qubatu ta'uu.

7. Owliyoota rabbii warra guyyaa qiyaamaa sodaafi rifannaa hin qabne keessaa tayuu.

#Beeki jaalallii obolummaa tan rabbiif jecha wal jaalatan waan addunya tana qofatti cittee haftuu miti, hanga aakiraatti waan dabraati.

ﻳﻘﻮﻝ ﺗﻌﺎﻟﻰ } :ﺍﻟْﺄَﺧِﻠَّﺎﺀُ ﻳَﻮْﻣَﺌِﺬٍ ﺑَﻌْﻀُﻬُﻢْ ﻟِﺒَﻌْﺾٍ ﻋَﺪُﻭٌّ ﺇِﻟَّﺎ ﺍﻟْﻤُﺘَّﻘِﻴﻦَ { ‏[ﺍﻟﺰﺧﺮﻑ 67:‏]
593 viewsedited  04:41
Open / Comment
2021-03-23 23:17:53 #Mootummaan Sa’uudii sirna Hajjii bara kanaa irratti hirmaachuuf haal dureewwan barbaachisaan ifoomse.

#Mootummaan Sa’uudii tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayirasii to’aachuuf jecha, ulaagaalee lammileen biyyattii fi kutaalee Addunyaa garagaraa irraa sirna Hajjii   bara kanaa irratti hirmaachuuf fedhii qaban dirqama guutuu qaban jedhe ifoomse.

#Miidiyaaleen biyyatii ministeera fayyaa Sa’uudii wabeeffachuun, Lammileen biyyattii sirna Hajjii baranaa irratti hirmaachuuf, baatii Zulhijjaa dura Talaallii COVID-19 kan mootummaa biyyatii irraa beekkamtii argate fudhaachuu akka qaban gabaafame.

#Lammileen kutaa Addunyaa garagaraa irraa hirmaachuuf fedhii qaban immoo Talaallii COVID-19 kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa beekkamtii argate dirqama akka fudhattuu qaban Gaazeexxaan Ajil jedhamu gabaase.

#Akkasumas Dooziin talaallii fudhatamuu qabuu qajeelfama Dhaabbanni Fayyaa addunyaa (WHO)  ka’e irratti kan hundaa’e fi Talaallii marsaa lammaffaa gara Sa’uudii seenuu torban tokko dura akka fudhattuu qaban beeksise.

Dabalataanis hujjaajonni  gara Sa’uudii imaluu dura waraqaa ragaa sa’aa 72’n dabre keessatti qorannoo COVID-19 irraa qulqulluu ta’u  mul’isu qabachuu akka qaban ibsame.

Guutuu Addunyaa irraa waggaa waggaan muslimoonni miliyoona lama ol sirna Hajjii raawwatuuf gara Sa’uudii imaluun ni beekama, haa ta’u malee waggaa dabre Sa’uudiin sababa weerara  COVID-19 balbala cufachuun, namoota biyyattii keessatti argaman
1000 qofaaf hayyamuun ni yaadatama. #Nh
345 viewsedited  20:17
Open / Comment