Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 46

2021-03-15 07:14:59 ☆Gaaffiif deebii marsaa 67ƒƒαa ☆Qophii Proojektii Ramadaanaatiif kutaa 2ffaa irraa. ____________________ [1] Sadarkaa soomaa keessaa tokko mindaan isaa lakkoofsa murtaa’an kan daangefame miti. nama soomuf mindaan isaa herreega (hisaaba) malee isaaf kennama.…
702 views04:14
Open / Comment
2021-03-14 14:00:14 ☆Gaaffiif deebii marsaa 67ƒƒαa
☆Qophii Proojektii Ramadaanaatiif kutaa 2ffaa irraa.
____________________

[1] Sadarkaa soomaa keessaa tokko mindaan isaa lakkoofsa murtaa’an kan daangefame miti. nama soomuf mindaan isaa herreega (hisaaba) malee isaaf kennama.

#A| Dhugaa hisaaba isa rabbuma qofaatu beeka.
#B| Lakki hisbni isa nama biratti beekamaadha.

[2] namni tokko guyyaa adiin ji’a Ramadaanaa keessa niiti isaa waliin yoo wal qunnamti saalaa raawwate, ji’a lama wal duraa duuban soomu qaba. soomni akkanaa kuni maal jedhama?

#A| Soomana ji'a ramadaana
#B| Soomana Nazrii/kodhaa
#C| Sooma kaffaaraa
#D| Sooman taxawwu"aa

[3] Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu?

#A| dachaa kudhaniin
#B| dhibba torbaan
#C| dachaa dhibbaan
#D| lakkoofsa maleedha

[4] Jannata keessa balbala ...... jedhamu jira. Guyyaa Qiyaamaa warroonni soomaa turan isa keessaan seenu. Warra sooman malee namni biraa isaan waliin hin seenu. Akkana jedhama: ‘Warroonni soomaa turan eessa jiruu akka balbala kanaan seenaniif?’ Yommuu cufti (hundi) isaanii seenan, balballi kuni ni cufama. Sana booda eenyullee isa keessaan hin seenu.

#A| Al-baabu-rayyaan
#B| Al-baabu-saddaqaa
#C| Al-baabu-zakaa
#D| Al-baabu-jihaad

[5] Soomni ...... Kana jechuun eeggumsa fi girdoo nama soomu dubbii faaydi hin qabne fi jecha fokkuu irraa eegudha. Kanaafi ‘jecha fokkuu dubbachuu hin qabu, iyyuu fi mormii baay’isuu hin qabu.’ Jedhe. Soomni ibidda irraa isa tiiksa.

#A| Sadaqaa #B| Gaachana
#C| Eboo #D| Xiyya

[6] Hadiisni "Namni iimaananii fi ihtisaaban Ramadaana soome, cubbuun isaa kan darbee ni araaramamaaf. Sahiih Musliim. Imaanaan fi ihtisaabaan soomu jechuun?

[7] Hiikkaan jecha sooma jedhuu maali? Akka qooqaa fi shar"iitti?

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
865 views11:00
Open / Comment
2021-03-13 07:08:40
#Wal jibbuun, wal hassaduun, dhukkuba yahuudaa fi Nasaraa irraa nutti dhufe.

#Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: "Dhukkubni ummata isiniin duraa (Yahuudaafi Nasaaraa) suuta gama keessanitti dhufe. Innis waanyoo (hisdii) fi jibbaadha."

#Hisdii (waanyoon) waan namni biraa qabu kan ati hin qabne jaalachuu fii hawwuu qofaa miti. Hisdiin waan rabbiin nama biraatiif tahe sun irraa fuudhamee, dhabamee, daaraa tahee siif fakkaataan sanii akka siif tahu fedhuudha. Hisdiin Fedhii fii hawwii fokkotaa akkasii saniin waan jalqabuuf nama itti waanyu sanirratti waan dandahe hunda godhurraa hin deebi'u.

#Zulmiin hedduun sababaa isaa argamuu malti.

#Akka muslimaatti dhaamsi Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam nuuf dhaame: wal hin hassadinaa, wal hin basaasinaa, wal hin jibbinaa obboleeyyan waliif tahaa. Wal hin hassadinaa. Rabbiin abbaa fedhe waan fedhe kennaaf. Waan Rabbiin namaaf kenne hisdiin namarraa fuudhuun hin dandahmu.

#Haasidummaan hamtuudha, kheeyrii takkallee hin qabdu.
Kasaaraadha Rabbi nu haa tiiysuu irraa
482 views04:08
Open / Comment
2021-03-11 15:59:04 march/11/1529 Yaadannoo injiffannoo muslimoota lola shumburaa kuree, Imaam Ahmad Al Gaazii (giraany/bitaachoo) fi Atsee Libna Dingil waliin tasifamee, injifannoo muslimootaatiin xumuurame.

https://telegra.ph/Injifannoo-Shumburaa-Kuree-march-111529-03-11
521 viewsedited  12:59
Open / Comment
2021-03-10 18:49:13 Waqtiilee filatamoo Du'aa'ii !!!

Rabbiin subhaanahu wata'aalaaa Gabroottan isaatiif yoomiyyuu kaluu dha.

Haa tahuu garuu akka
Ergamaan Rabbii (s.a.w)
dubbatanitti bifa addaa taheen
waqtiileen filatamoon du'aa'iin itti qeebalaman akka jiran ibsaniiru.

Muraasa isaanii wal haa
yaadachiifnuu !!!

1. Du'aa'ii Salaata waajibaa booda godhamu

2. Du'aa'ii jidduu azaanaa fii
Iqaamaatti godhamu

3. Du'aa'ii sa'aatiiwwan guyyaa
jum'aa keessatti argaman irratti
godhamu

4. Du'aa'ii waqtii bishaan zamzamaa dhugan godhamu

5. Du'aa'ii yommuu hirriba keessaa ka'amu godhamu

6. Du'aa'ii yeroo tokko sadaffaa
( 1/3 ) halkanii isa booda jiru irratti godhamuu

7. Du'aa'ii halkan leylatul qadrii

8. Du'aa'ii yommuu roobni roobu
godhamu

9. Du'aa'ii nama imala irra jiruu
(musaafiraa)

10. Du'aa'ii haadhaa fii abbaan
ilmoo isaaniitiif godhan

11. Du'aa'ii obboleessa muslimaa tokkoof duuba isaatti godhamu

12. Du'aa'ii ramadaana keessatti
godhamu. .... kkf

ITTI HAA FAYYADAMNUU!

Yaa Rabbi Du'aa'ii muslimtoota
hunda nuuf qeebali!
398 views15:49
Open / Comment
2021-03-09 05:45:28 Qoodamiinsa soomaanaa.

Soomni bakka lamatti qoodama.

#Isaaniis; Sooma waajibaa (dirqamaa) fi Sooma taxawwu’a

#Ammas soomni dirqamaa bakka saditti qoodama. Isaaniis?
Instant view gadii keessa argattu
318 views02:45
Open / Comment
2021-03-08 05:16:52 Haleellaa Boombii hidhattoonni Huusii mana hidhaa keessatti raawwataniin lammiileen biyya keennaa lubbuun isaanii dabreef gadda guddaatu namatti dhagahama.

#Rabbiin obbolaa keenya lubbuun isaanii dabarteef haa araaramu, maatii fi fira hunda lammiiwwan keennaatif rabbi obsa haa kennu, zaalima lubbuu namaa karaa maleen balleessuuf ammoo rabbiin waan dalagaa isaa haa kennuuf.


Innaa Lillaahi wa innaa ileyhi Raaji'uun
699 viewsedited  02:16
Open / Comment
2021-03-08 05:16:21 ☆Gaaffiif deebii marsaa 66ƒƒαa ☆Qophii Proojektii Ramadaanaatif kutaa 1ffaa irraa. ________________________ [1] Yeroo keenya wantuma fayidaa nu hin buusne irratti yoo balleessine ji’a Ramadaana fi jireenya keenya qisaasessine jedhama. #A| Dhugaa #B| Lakki…
600 views02:16
Open / Comment
2021-03-07 14:00:08 ☆Gaaffiif deebii marsaa 66ƒƒαa
☆Qophii Proojektii Ramadaanaatif kutaa 1ffaa irraa.
________________________
[1] Yeroo keenya wantuma fayidaa nu hin buusne irratti yoo balleessine ji’a Ramadaana fi jireenya keenya qisaasessine jedhama.

#A| Dhugaa
#B| Lakki hin qisaasofne.

[2] .......jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu jechuudha.

#A| Kaffaaraa. #B| istiqaamaa.
#C| ramadaana. #D| Nazrii

[3] kaayyoo soomanaa kan hin taane?

#A| qalbii qulqulleessu
#B| sodaa Rabbii qalbii irratti facaasu
#C| namoota beela dheebun miidhu.
#D| sodaa Rabbii qalbii keessatti magarsuudha

[4] Bakkii niyyaa ..... Arrabaan akkana godha, akkana hojjadha jedhanii dubbachuun hin barbaachisu.

#A| Afaan irra #B| Qalbiidha
#C| Arrabaani #D| Jechaani

[5] Ramadaanni akka lakkoofsa hijriitti ji’a .... irratti argama.

#A| 1ffaa #B| 7ffaa
#C| 9ffaa #D| 11ffaa

[6] Akka imaam Ibn Al-Qayyiim jedhanitti namoota bakka saditti qoonne ilaalu dandeenya. Isaanis?

[7] soomni fudhatama argatuuf ulaagaalee lama guutamuu qabn.

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
709 views11:00
Open / Comment
2021-03-07 07:06:28
#Barattoota obboleewwan keenyaa kan qormaataaf qophii irra jirtan hundi keessanuu rabbiin nagahaan qormaataan isin gahee bu'aa gaariidhan isin haa gammachiisu. Gammachuun keessan gammachuu keenna.

#Rabbi isinii haa laaffisu, homtuu isin hin dhibin, Deebiin isin deebistanii fi itti gurrachessittan kanuma sirrii haa tayu.

#Haadhaafi Abbaa keessanirraa Du'aa fudhaa rabbi kadhaa, Waswaasii gargaraa ofirraa maganfadha, bismillaah jechuun jalqabaa, waan hojjettan keessatti tasgabbii qabaadhaa hundumtuu laafaa taya inshaa'allaah.

#Hunda nama qoramuufuu Rabbiin Qormaata kana kan gammachuun eegaluun gammachuun xumuurtan kan bu'aa yaaddanii ol itti argattan rabbi haa godhu. Amiiiiiin

#Rabbiitti erkadhaa, namni rabbi qabu waanuma dhabee hin qabu. Rabbi isin waliin haa jiraatu.
1.3K viewsedited  04:06
Open / Comment