Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 40

2021-04-26 06:38:29 Najjaashii Mohamed 2021 Nashiidaa.

Seenaa Ahmed-Najjaashii part 1.

@risalaTube

෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 6.5 MB
Daqiiqaa 10
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
758 viewsedited  03:38
Open / Comment
2021-04-26 06:08:48 ☆Gaaffiif deebii marsaa 73ƒƒαa ☆Leenjii, "Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa" jedhu irraa, kutaa 2ffaa. ____________________ [1] Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa isaanitti dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef sahaabota keessaa…
824 views03:08
Open / Comment
2021-04-25 14:00:15 ☆Gaaffiif deebii marsaa 73ƒƒαa
☆Leenjii, "Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa" jedhu irraa, kutaa 2ffaa.
____________________

[1] Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa isaanitti dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef sahaabota keessaa barreessitoota, yeroo keeyyanni (aayan) wayii buufamtu akka keeyyata san barreessan isaan ajaju turan.

#A| Dhugaa.
#B| Laa akkasi miti.

[2] Qur'anni yeroo kaliifa kamii Galmee tokkotti walitti qabame.

#A| Umar ibnul kaxxaab
#B| Abubekr-siddiiq
#C| Usmaan fi Aliyyi
#D| Zeeyd ibnu sabit

[3] ....... jechuun jecha tokko yommuu sagaleessan sagaleen garagara ta’u, Garuu kan hiikni isa tokkoo.

#A| Nahwii #B| Loqoda
#C| Qur'aanaafi kitaaba
#D| Lugaa fi loqoda

[4] Sahaabonni Qur’aana haffazanii turan kanneen Bukhaarin namoota torba sahiiha keessatti tuqeen ala kan tahe?

#A| Mu’aaz bin Jabal(r.a)
#B| Ubay bin Ka’ab(r.a)
#C| Zayd bin Saabit(r.a)
#D| Huzeeyfa ibn Al-Yamaan(r.a)

[5] Galmee Abu Bakr irraa loqoda jiddu-galeessa tokkoon Qur’aana kitaaba tokko keessatti akka barraa’u murteessan. Galmeen yeroo Abu Bakrii barraa’e haadha manaa Nabiyyi tan taate...... bira ture

#A| Kadiijaa(r.a) #B| Hafsaa(r.a)
#C| Zeeynab(r.a) #D| Aa'ishaa(r.a)

[6] Barreefamaan Qur’aana walitti qabuu iddoo saditti qoodanii ilaalun ni danda’ama. Isaanis...?

[7] #Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni lama irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis...?

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
1.3K viewsedited  11:00
Open / Comment
2021-04-25 11:00:22
Alhamdulillaah spoonsara haraa sagantaa gaafiif deebii araggannee jirra.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Rabbiin irraa haa jaalatu, Kanuma irraa ka'uudhaan badhaasa cardi abbaa 10 nama shaniif (10×5=50) kan ture, Gara badhaasa abbaa kardi 10 nama kudhaniif ta'ee jira (10×10=100). Kan jalqaba deebiseef ammoo 5 dabalataan ni kennama.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
#Barumsa kennamaa jiru hordofaan dhaamsa obbolommati. hamileef akka ta'u ammoo badhaasni kunis qophaawe jira, irratti hirmaadhaa barataa badhaafamaa. Jazaakumullaahu keeyran, badhaasichi niyyattanii kanaa ol guddisuus yoo barbaaddan @Al_risala_tube_bot
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Sponsara keenya A... Jazaakallaahu keeyran.
1.1K views08:00
Open / Comment
2021-04-24 18:33:48
Soomana Arrabaa.

#Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya.

Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran.

#Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna.

#Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye.

Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare.

#Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran
dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu.

Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu.

#Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed.

#Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu
Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.
1.4K views15:33
Open / Comment
2021-04-23 14:03:40 Copha Surrii: RAKKOO FI FURMAATA

෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 1.5 MB
Daqiiqaa 5:09
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
1.8K viewsedited  11:03
Open / Comment
2021-04-22 22:32:38 NuuralHudaa: Hojiin gaariin yookaan Ibaadaan ikhilaasa hin qabne kasaaraadha!
1.9K views19:32
Open / Comment
2021-04-21 06:29:19 Maqoota Madiinaa Rasuulaa. (Salallaahu Aleeyhi Walsall)
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#1ffaa: Yasrib (ﻳﺜﺮﺏ ) kun Maqaa Isii kan Gaafa jaahiliyyaa (zamana wallaalaati).
"ﻭﺇﺫ ﻗﺎﻟﺖ ﻃﺎﺋﻔﺔ ﻣﻨﻬﻢ ﻳﺎ ﺃﻫﻞ ﻳﺜﺮﺏ ﻻ
ﻣﻘﺎﻡ ﻟﻜﻢ ﻓﺎﺭﺟﻌﻮﺍ‏ "

Erga Rasuulli (s.a.w) Gara Isii godaananiin booda maqaa kana irraa jijjiiran.

#2ffaa:- Al madiinaa ( ﺍﻟﻤﺪﻳﻨﺔ). Kun Ammoo maqaa isii kan Islaamummaa boodaati. Maqaan kun Qur'aanaa fi Hadiisa keessattis yeroo hedduu dubbatame.
" ﻣﺎ ﻛﺎﻥ ﻷﻫﻞ ﺍﻟﻤﺪﻳﻨﺔ....."

#3ffaa: xaabaa ( ﻃﺎﺑﺔ ) maqaa kanas Rasuulaatu moggaaseef.
"ﻗﻮﻟﻪ -ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ - ﺣﻴﻦ ﻗﺪﻡ ﻣﻦ
ﻏﺰﻭﺓ ﺗﺒﻮﻙ ﻭﺃﺷﺮﻑ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻤﺪﻳﻨﺔ : ‏« ﻫﺬﻩ ﻃﺎﺑﺔ ‏"

#4ffaa: xeybaa ( ﻃﻴﺒﺔ ) Kunis maqaa isii kan Rasuulli moggaaseef keessaa tokko.
"ﻗﻮﻟﻪ -ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ :- ‏« ﻫﺬﻩ ﻃﻴﺒﺔ ‏» ﺛﻼﺙ ﻣﺮﺍﺕ

#5ffaa: Al-Daar Wal iimaan (ﺍﻟﺪﺍﺭ ﻭﺍﻹﻳﻤﺎﻥ ) maqaan kun Qur'aana Suuraa Al Hashri keessatti dubbatame.
"ﻭﺍﻟﺬﻳﻦ ﺗﺒﻮﺅﻭﺍ ﺍﻟﺪﺍﺭ ﻭﺍﻹﻳﻤﺎﻥ ﻣﻦ ﻗﺒﻠﻬﻢ ﻳﺤﺒﻮﻥ ﻣﻦ ﻫﺎﺟﺮ ﺇﻟﻴﻬﻢ ‏) "

#6ffaa. Daaru-hijraa( ﺩﺍﺭ ﺍﻟﻬﺠﺮﺓ) Nabi osoo makkah keessa jiranuu akkan jedhan
"ﻓﻲ ﻗﻮﻟﻪ -ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ-
ﻟﻠﻤﺴﻠﻤﻴﻦ ﻓﻲ ﻣﻜﺔ ﻗﺒﻞ ﺍﻟﻬﺠﺮﺓ : ‏«ﺃُﺭﻳﺖُ ﺩﺍﺭ ﻫﺠﺮﺗﻜﻢ ﺫﺍﺕ ﻧﺨﻞٍ ﺑﻴﻦ ﻻﺑﺘﻴﻦ ‏» ﻳﻌﻨﻲ ﺍﻟﻤﺪﻳﻨﺔ "

Madiinaan biyya Rasuulaati, biyyaa iimaanaati, biyya Kabajamtuudha, biyya Dajjal hin seenne, Biyya Eebba Nabi muhammad Qabdu.

Biyya madiinaa Rabbiin Barakaa barakaa gubbaan haa ida'uuf, Jaalallee keenya kan Biyyee madiinaa jalatti Awwaalamanis nagayaa fi Rahmanni Rabbii irratti haa jiraatu.
71 views03:29
Open / Comment
2021-04-20 15:55:35 Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa Leenji kutaa 2ffaa.

#Akkaataa Qur’aanni Walitti Qabamee

#QUR’AANNI AKKAMITTI BARREEFAMAAN WALITTI QABAMEE?

#Qur'anni amma nuti irraa qara'aa jirru kun yeroo kam irraa haala kanaan walitti qabame?

#inshaa'allaah waan hedduu hubattu
instantview gadii seenuun dubbisaa.

https://telegra.ph/Buufamiinsaa-fi-walitti-qabamiinsa-Quraanaa-Leenji-kutaa-2ffaa-04-20
699 views12:55
Open / Comment
2021-04-19 18:24:23
#Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:

ﺍﻟﺼَّﻠَﻮَﺍﺕُ ﺍﻟْﺨَﻤْﺲُ ﻭَﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔُ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔِ ﻭَﺭَﻣَﻀَﺎﻥُ ﺇِﻟَﻰ ﺭَﻣَﻀَﺎﻥَ ﻣُﻜَﻔِّﺮَﺍﺕٌ ﻣَﺎ ﺑَﻴْﻨَﻬُﻦَّ ﺇِﺫَﺍ ﺍﺟْﺘَﻨَﺐَ ﺍﻟْﻜَﺒَﺎﺋِﺮَ

“ Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate .” (Sahih Musliim)

#Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu.

#Ramadaanni carraa guddaa hojii gaarii itti sassaabatanii fi hojii badaaf araarama Rabbirraa itti kadhataniidha.


#Rabbiin! Warra keeyrii ramadaanaa keessaa argatu, nuu haa tasisu.
1.0K views15:24
Open / Comment