🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸 F
Logo of telegram channel a4mulaa_jireenyaa — ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸
Channel address: @a4mulaa_jireenyaa
Categories: Animals , Automobiles
Language: English
Subscribers: 20.13K
Description from channel

Seenaawwan gaggabaaboo
Walaloo
Ergaa
Gaaffii fi deebii
Yaadota mo'atoo fi kanneen biroos argachuuf. Miseensa chaanaalii keenyaa ta'aa.

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 102

2021-07-22 08:47:02 Waan hin dandeenye hin eegalani
Waan eegalte dadhabe jeette karaatti hin dhiisin
Miidhame jeette midhama keessa kee hin ilaaliin
akkuma cabdeetti okkolaa utaali hamma bakka yaade geetuutti.
1.1K views05:47
Open / Comment
2021-07-21 18:25:11 Samiin ol ilaalee
Samiin hin mul'atuu
Dacheen gadilaale
Dacheen hindubbatu

Alkaniifi guyyaa
Taraa wol dabarsee
Maaltu akkas godhee
Adduniyaa irra marse

Aduunis akkasi
Adduniyaa naannofti
Biyya woliin geessi
Hundumaafuu ifti

Ragaadha uumamni
Uumaan akka jiruuf
Kunumtuu gahaadga
Nama qalbii Qabuuf


"Rabbi malee rabbi biraa kan haqaan Gabbaramu hin jiru"


☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
:¨·.·¨: ❀
 ·. @seyfal_islaam2nd
1.7K views15:25
Open / Comment
2021-07-21 07:29:04 DHIISI MIIDHAA...

Hadha Raawwattullee
Humna Kee Abdattee
Roorroo Xiqqaaf Guddaa
Kan Feete Filattee

Ofii Kan Kee Kolfaa
Haadha Dhiiraa Boossistee
Ofiif Nyaattee Bulaa
Kaan Agabuu Bulchitee

Ati Ilmaan Kee Waliin
Gangalataa Bulta
Kaan Dharaan Hidhamee
Achitti Rakkata

Afachumee.......

Ati Maal Taateeti
Maaf Miidhaa Raawwaattaa¿
Waan Hojjuttu Maraa
Irraa Gaafatamtaa

Hadha Abdattullee
Aangoof Humna Kankee
An Siif Sodaadheera
Ayiii Yaa Booddee Kee...

Maalan Godha.....

Ajaa'eef Qubni Hin Citu
Atis Naaf Lammiidhaa
Mee Na Dhaggeeffadhu
Xiqqoon Si Gorfadhaa

Haqaaf Haqaan Hojjadhu
Hin Miidhin ilma Hiyyeessa
Imimmaan Haadha Dhiiraa
Boru Si Balleessaa

Hin Miidhin Saba Kee
Isa Keessaa Baate...
Irratti Hin Dhukaasin
Diina Waliin Taatee..

Abbaa Haqaa Hiitee
Hin Faarsin Abbaa Garaa
Gaafa Waan Nyaatu Dhabe
Sumatti Gara Galaa...

Osoo Lafti Hin Dhiine
Qabadhu Daandii Sirrii
Kuni Gorsa Kooti
Yoo Si Dhaga'eef Gurri

Garuummoo.....

Hin Fudhattu Taanaan
Gorsa Koo Tuffattee...
Ani Aangoon Qabaa
Maal Nagoota Jettee...

An Homaa Sin Godhu
Jira Abbaan Haqaa
Eenyunni Naan Jettaa
Rabbi Guddaadhakaa..

Hojiikee Maraafuu
Inni Siif Kaffala
Inni Abbaa Dhugaa
Yoomuu Ni Gargaara 2x

By- Andussalam (Abdii) Idriis DMU


☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
:¨·.·¨: ❀
 ·. @seyfal_islaam2nd
185 views04:29
Open / Comment
2021-07-20 08:37:36 Baga geesse leenca koo

Ayyaana gammachuu
Kan jaalalaaf milkii
Siif haata'u Gootakoo
Bakkuma jirtutti

Baga geesse leencakoo
As gahuunuu waan tokko
Haqa malee Hidhamtee
Geessus waggaa tokko
Si dagadhee hin beeku
Ani guyyaa tokko

Guyyaa ayyaanaatiin
Dubbii hin dheeressu
Ayyaana gammachuu
Rabbi siif haa taasisu

Abshirimmoo garuuu
Hin haftu akkanatti
Gaaftokko nuufillee
Ima nuuf bariitiiiiiii

osoo hin xumurin
Mee waa si gaafadhaa
Warri si waliin jiran
Hundumtuu nagaadhaa?

Namani haqaaf hidhame
Silas yoom waa ta'a
Baguma lubbuun jiraatte
Kunuu galata Ga'a

By- Abdussalaam Idriis #Denmark DMU

@seyfal_islaam2nd
@seyfal_islaam2nd
1.5K views05:37
Open / Comment
2021-07-20 08:25:30 Eid-Mubarak


Muslimni bahaaf dhihaa
Kan kaabaa fi kibbaa
Kan jirtan halaala
Warri bitaaf mirgaa

Warri hireen jireenyaa
Isin baase biyyarraa
Homaa hin yaadda'inaa
Rabbi sin faana jira

Eid Mubarak jechuu
Dagadheetii mitii
Waa'ee keenya kanatu
Waa nama irraanfachiifti

Waan hundaafuu garuu
Baga naaf geessaniii
Hundumti keessanuu

Eid-mubarak jedhe
Ayyaana gammachuu
Isiniif haa ta'u
Bakkuma jirtanuu


By- Abdussalaam Idriis #DMU


@seyfal_islaam2nd
@seyfal_islaam2nd
2.1K views05:25
Open / Comment
2021-07-19 10:15:44 Namni....

Namni jannata hawwu
Hojii gaariin Qophaa'a
Hanga dhaqee Arguu
Yeroo mara dharra'a

Kan sodaatu Azaaba
Itti seenee gubachuu
Fagaatee jiraata
Wanta gadhee hojjachuu

Duuti akka hin oolle
Kan yaadu yeroo mara
Qophaa'aa jirrata
Sirreeffataa karaa

Maalummaa duniyaa
kan hubate sirriitti
Qormaanni isii keessaa
Ni salphata isatti

By- Abdussalaam Idriis #Denmark DMU


@seyfal_islaam2nd
@seyfal_islaam2nd
2.0K views07:15
Open / Comment
2021-07-18 14:18:45 Itti dabalami si fayyaa
@Qorii_Qaroomaa
4.1K views11:18
Open / Comment
2021-07-17 09:09:03 Chaneloota Afaan Oromoo Telegram gurguruuf dhiyeessine kana bitadhaa.

1ffaa channel member kuma12 (12000)

2ffaa channel member 6700 qabu

3ffaa channel member 5000 qabu

Gatii madaalawaadhaan nii gurgurra. Karaa @Free_halal nu quunnamuun nu gaafadhaa.
3.5K views06:09
Open / Comment
2021-07-16 10:12:16 Dhugɑɑn injifɑtɑɑdhɑ!
☆☆☆☆☆☆. ☆☆☆☆☆☆☆
◈ ━━━━━━━ ⸙ ━━━━━━━ ◈

Mɑnni sobɑɑ bɑɑy'ɑteef
Mɑnni dhugɑɑ jigɑɑree?
Nɑmni sobɑɑ bɑɑy'ɑtee
Nɑmni dhugɑɑ Bɑdɑɑree

Sobni Ni moo'ɑmɑ
Yoomuu bɑrɑ bɑrɑɑnii
Dɑrɑɑree Hɑɑ mul'ɑtu
Yoomiyyuu dhugɑɑni

Qɑllɑtteef hin cittu
Yoomiyyuu dhugɑɑni
Bɑri'uu hin Oolu
Turullee Dukkɑnni

Hɑqɑ qɑbdɑ tɑɑnɑɑn
Hin sodɑɑtin homɑɑ
Rɑbbi sifɑɑnɑ jirɑɑ
Uumɑɑn wɑɑn Humdumɑɑ

Miseensi Nɑmɑ Dhugɑɑ
Yoomiyyuu ni xiqqɑɑtɑ
Sobni sobɑ isɑɑtiin
Dɑmee bɑɑy'ifɑtɑ

Injifɑtɑɑn gɑruuu
Yoomiyyuu dhugɑɑdhɑ
Hɑngɑ Lubbuun jirtɑn
Hɑqɑrrɑ jirɑɑdhɑɑ

Anɑɑf isinillee
Hɑɑ gɑrgɑɑru inni
Sobni hɑɑ dhɑbɑmu
Hɑɑ mɑncɑ'u Shirri

Abdussalaam Idriis (s͙e͙y͙f͙a͙l͙-i͙͙s͙l͙a͙a͙m͙)
☆☆☆☆
☆☆☆☆☆☆☆☆☆
:¨·.·¨: ❀
 ·.ʝὄἷᾗ @seyfal_islaam2nd
☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆
4.7K views07:12
Open / Comment
2021-07-14 09:58:10 𝐎𝐝𝐮𝐮 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚𝐚
𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐜𝐨𝐦 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚

𝐄𝐭𝐡𝐢𝐨𝐭𝐞𝐥𝐞𝐜𝐨𝐦 𝐛𝐚𝐚𝐣𝐚𝐭𝐚 𝐰𝐚𝐠𝐠𝐚𝐚 𝐊𝐚𝐫𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐨𝐥 𝐲𝐤𝐧 101.7 % 𝐟𝐢𝐝𝐮𝐮𝐧 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚'𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐠𝐮𝐲𝐲𝐚𝐚( 3) #𝐟𝐚𝐜𝐞𝐛𝐨𝐨𝐤 𝐛𝐢𝐥𝐛𝐢𝐥𝐚 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐮 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞𝐫𝐚

𝐆𝐮𝐲𝐲𝐢𝐜𝐡𝐢𝐬 𝐀𝐝𝐨𝐨𝐥𝐞𝐬𝐬𝐚( 6-9) ykn (Kibxataa - kamaisaa)𝐭𝐚𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐮𝐛𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚


𝐖𝐚𝐚𝐧 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐭𝐮 𝐜𝐮𝐟𝐚 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚𝐦𝐮𝐮𝐧 𝐡𝐚𝐚 𝐝𝐚𝐛𝐚𝐫𝐬𝐮𝐧𝐮 𝐛𝐨𝐫𝐮 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐧𝐚 𝐰𝐚𝐚𝐧𝐭𝐚𝐡𝐞𝐞𝐟
Hubadhu ammas

Kun kijiba maarreedha jechuu kee dhiisi SIM kee Kan birrin keessan jirreen fayyadamii laali anis santima 00 dhaanfayyadamaan jira
5.9K views06:58
Open / Comment