Get Mystery Box with random crypto!

Hundee Amantoota Wangeelaa

Logo of telegram channel maranata_iyyesuus — Hundee Amantoota Wangeelaa H
Logo of telegram channel maranata_iyyesuus — Hundee Amantoota Wangeelaa
Channel address: @maranata_iyyesuus
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 4.63K
Description from channel

𝐂𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 dhimmoota
☕️ Wangeela Kiristoos
☕️ Amantii
☕️ Faarfannaa Wangeela
☕️ Dinaagdee
☕️ Hawaasummaa
☕️ Siyaasaa
☕️ Fayyaa
☕️ Barnoota Walii galaa
☕️ Bashananaa fi oduu
☕️ Seeraa fi kkf irratti
Yaada fi Gaaffiif
@A

Ratings & Reviews

4.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 7

2022-03-18 07:14:51 Faarfannaa Haaraa!

Darbineera du'a irraa gara jireenyaatti
Yaadonillee hin jiru gara fulduraatti
Si faana jiraanna kan kee nu taasifte
Nu dhiqteerta Gooftaa dhiiga kee lolaafte

Ni dabara hin seenee baroota cubbuu sani
Bara garummaan nama abarsa ta’e sani
Sidha kan dabarsee aarsa of taasise
Nu oolchite Iyyesuus dhiiga kee lolaste

Gooftaa si jajannaa dabarrera jennee
Addunyaaf labsina maqaa kee ol kaasne
Har'as ta’u sumaa furmaani ilmaan nama
Jireenyi hin dhumne Karaa Keeti argama



1.5K viewsChala Dame, edited  04:14
Open / Comment
2022-03-12 20:31:26 fooliin urgooftuu dibata kee
Keessa koo qabbaneessa
Firiin muka wayiinii kee
Nyaatattii heedduu bayeessa!

Miidhaginni kee martuu
Laphee namaa hata
Jaalala keetiif jecha
Waa marakoon gata!

Harki michuu koo
Akka buttujjii warqeeti
Ijisaa kuullee akka gugee
Ishee bishaan bukkeeti!

Kaninni ittiin miidhegfame
dhagaa gati-jabeessa
Bareedaadha michuun Koo
Innoo simbo qabeessa!

Barruun michuu kootii
Qumbii gad coccobsa
Lolaan jaalala isaatii
Karra laphee koo cabsa!

Inni karaa hundumaan
Nama hin marara
Jaalalaan nama guuta
Innoo nama gargaara!

Ifisaa guddisee ifa
Dukkanti bakka lakkisa
Dhagni isaa akka saafiros
Qaratti hin calaqqisa!

Galati keessa kootii
Isaaf ta'aa ililchuun Koo
Isa karaa hundaan guutu
Yesuusi dha michuun koo!

Share it!

Maddi: Walaloo Amantii

@Maranata_Iyyesuus
1.8K viewsChala Dame, edited  17:31
Open / Comment
2022-03-09 09:22:56 Sagalee waamichaa hojjennee jirra
Anuu si taasuudhaaa...
Kanan lubbuun bulee weedduu walawwaluu...
Jireenyi widdiidhaa...
An silaa be nagaan ba'ee mana hin galu!
Guddaan yoo si nyaaruuu...
Mootiin barcumarraa bu'ee laqa dhaqaa
Diqqaan yoo si yaamuu...
Bara waa hin jirre guuttatee bashaddaqa!
Narra labanii
Waxxee furrisaan na dhabanii
Sanyii waadaa biyyaa kan wal qallabanii...
Ati naaf qalamnaan lubbuu koo dhabanii....!!!
Eebbifamaa
1.4K viewsChala Dame, 06:22
Open / Comment
2022-03-02 06:11:25
Garagarummaan Mana lubummaa Oromiyaa fi Mana Lubummaa Ortodoksii waliigalaa maal?
Anonymous Poll
55%
A) Afaanii fi Alaabaa
45%
B) Barnoota dogoggoras sirreessuun Wangeela Kiristoos qofa lallabu!
91 voters1.6K viewsChala Dame, 03:11
Open / Comment
2022-02-26 07:05:15
Namtichi barattoota gowwomse adabame!

Gurraandhala 1, bara 2014 mana barattoonni kireeffatanii jiraatan deemuudhaan ‘waaqa isinii kadhadha’ jechuun iddoo ijoolleen kun moobaayilaa fi birri isaanii kaa’atan erga adda baaseen booda hojii hannaa kana raawwate jedhan, Mana Murtii Aanaa Iluu Galaanitti Haati Alangaa Aadde Qatsalaa Taaddasaa.

“Ijoollee barattootaa kana goyyomsuudhaan Moobaayilii shanii fi birrii 550 erga jalaa hateen booda miliqe. Booda eeruu fi hordoffii poolisiin taasiseen guyyuma sana too’annoo jala oole” jedhan Aadde Qatsalaan.

Manni murti aanaa Iluu Galaan shakkamaa kanarratti himata ‘hanna raawwachuu’ banuudhaan himatamaan kunis himata iratti dhihaate kana dhadhacha banaa irratti amanuus himan.

Manni murtichaas dhadhacha gaafa 04/06/2014 ooleen shakkamaa maqaa qorumsa akka darbitaniif kadhannaan isinii godha jechuun erga goyyomseen booda yakka hanna moobaayilii fi birrii raawwate kana hidhaa salphaa waggaa 2 fi ji’a 3 itti murteesseera.

Maddi: BBC dha
1.8K viewsChala Dame, 04:05
Open / Comment
2022-02-25 16:46:02
2.1K viewsChala Dame, 13:46
Open / Comment
2022-02-25 10:23:19
Raashiyaan Iddoowwan ijoo Yuukreen daaraatti jijjirteeti. Mormii hiriira mormii biyya keessaa hidhaan kan Ameerikaa, Awurooppaa fi biroo dorsisaa Waraana itti fufaa jirti!
1.3K viewsChala Dame, 07:23
Open / Comment