Get Mystery Box with random crypto!

Hundee Amantoota Wangeelaa

Logo of telegram channel maranata_iyyesuus — Hundee Amantoota Wangeelaa H
Logo of telegram channel maranata_iyyesuus — Hundee Amantoota Wangeelaa
Channel address: @maranata_iyyesuus
Categories: Telegram
Language: English
Subscribers: 4.63K
Description from channel

𝐂𝐡𝐚𝐚𝐧𝐚𝐥𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧𝐚𝐫𝐫𝐚𝐚 dhimmoota
☕️ Wangeela Kiristoos
☕️ Amantii
☕️ Faarfannaa Wangeela
☕️ Dinaagdee
☕️ Hawaasummaa
☕️ Siyaasaa
☕️ Fayyaa
☕️ Barnoota Walii galaa
☕️ Bashananaa fi oduu
☕️ Seeraa fi kkf irratti
Yaada fi Gaaffiif
@A

Ratings & Reviews

4.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 2

2022-08-15 22:35:43
Horsiisa lukkuutirraa ka'ee Presdaantii Keeniyaa ta'e. W.S. Ruutoo!
====================
Ruutoo harkatti kitaaba arginaan jecha Joomoo Keeniyaataa ''Mishiinarootni gaafa Afrikaa dhufan kitaaba qulqulluu qabu; Afrikaatni immoo lafa qabu ture. Mishinarrotnis akkamitti akka ija dunuunfatanii kadhatan nu barsiisaan. Yoo nuti ija bananannu isaan lafa keenya fudhatanii nuti kitaaba qofatti hafne'' kan jedhun yaadadhe.

Seenaa dudduubee W.S.Ruutoo yoon qoradhuu barataa cimaa fi nama amantiitti cimaa tureedha. Gaggeessaa amantii cimaa ture. Presdaantii Mooyikibaakiitinillee kan wal barsiisee fi fuula siyaasaatti kan fuulleeffatan carraa kanatti fayyadamaniti.

Morkataan isaa Raayilaa Odingaa fi inni dur Miseensa paartii siyaasaa KANU turan.

Ruutoon Maatii horsiisee bulaa harka qalleesaa Kaaba Keeniyaa irraa kan dhalatadha. Horsiisa lukkuutin beekkama. Barsiisaas turan.

Ammaa garuu Kitaaba qulqulluu qofa osoo hin taane lafaa fi aangoo harkaa qabu.
Milkaa'i jenneerra.
626 viewsChala Dame, edited  19:35
Open / Comment
2022-08-14 21:56:14
Maalaawii keessatti kitaabni mata duree: "HOW TO CHANGE YOUR WIFE IN 30 DAYS" jedhu torban tokko keessatti kooppii miliyoona lama gurgurame, mata dureen isaa dogoggora qubee qabaachuu isaa osoo hin hubatin dura!

Mata dureen sirriin isaa: "HOW TO CHANGE YOUR LIFE IN 30 DAYS" jedha. Sirreeffama booda ji'a guutuuf kooppii 3 qofatu gurgurame.
Kanan dubbise irraa

BARNOOTA: Namni of jijjiiruu hin barbaadu, garuu nama biraa jijjiiruuf waan hunda ni godha.
Dura of jijjiiruuf haa carraaqnu.
Obsaan wal haa obsinu. Waliin jiraachuuf dhalanne. Jaalalli jireenya jireenyi immoo jaalala.
615 viewsChala Dame, edited  18:56
Open / Comment
2022-07-30 21:35:20
YEROON GA'E
Album Befiqaadu Baqqalaa Lakk 4ffaa isaa Guyyaa borii jechuun Adoolessa 24, 2014 Waaree Booda Sa'a 8:00 booda Waldaa Guutuu Wangeela Gullalleetti Waan Eebbifamuuf Warri Isinii Danda'amu Irratti argama.
3.4K viewsChala Dame, 18:35
Open / Comment
2022-07-30 09:36:07 Kan Waaqayyo si gargaareefi ati gaarii waan taateef miti, Ofiisaa gaarii waan ta'eef malee!
1.1K viewsChala Dame, edited  06:36
Open / Comment
2022-07-23 23:59:35 Ana: Obboleesso waaqayyoo jaalaladha jechuun waaqni waaqa haqaa miti jechuu miti kanaafuu abiddi bara baraa akka jiru sirriitti amanuu qabda; Sababni isaa kutaa macaafaa kanatu nutti hima waan ta'eef: Mat 5:22,13:42,49-50,Mul 20:10.

Isa: Yesuus mee kan inni du'aa ka'e foonin utuu hin ta'in hafuuraan akka ka'e nii amanta mitii garuu?

Ana: Yesuus kan inni du'aa ka'e dhagna du'aa ka'uu uffatee fooniin malee hafuuraan qofa miti Luq 24:39 hin dubbifannee ati!

Isa: Garuu obboleesso ati maalif akkas mataa jabaatta?

Ana: Ha ha ha Kun mataa jabaachuu koo argisiisaa? Mee gaaffilee armaan gadii kana naaf deebisuu dandeessaa?

Maqaan inni sirrin waaqnii museetti hime ‟YHWEH‟ ta‟ee osoo jiruu maliif "Jehovah‟ jettanii of waamtan?

Amantootni jaarraa jalqabaa „dhuga baatota yehowaa‟ jedhamuurraa,maaliif "Kristiyaanoota" jedhamanii?

Maqaan "Yehowaa‟ jedhu hunda waaqa ibsa akkasumas maqa waaqaatis taanan maliif guutummaa kakuu haaraa afaan Girikiitiin isa barreeffame keessaatti argamuu hafee?

Isa: Obboleesso kitaaba koo lafa keessee na biraa deemuu dandeessaa?

Ana: Tole; Nagaatti.

Obboleettii faarfattuu na faana jirtuu wajjin gara Studio tti qajeelle.
Egaan obboloota ko
2Phe. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ Akkuma raajonni sobduun saba sana gidduu turan, akkasuma barsiisonni sobduun isin gidduu in jiraatu. Isaan warra utuu irratti hin beekamin, barsiisa wanta amaname irraa kaachisee nama balleessu fidanii, goofticha isa isaan fure iyyuu gananii, ofii isaanii irrattis badiisa ariifachiisaa fidanii dha.
² Namoonni baay'eenis gad-dhiisatti jiraachuu isaanii kana duukaa bu'u; sababii isaaniitiifis karaan dhugaa sun maqaa gadhee in argata.
³ Sassata isaaniitiin immoo dubbii mataa keessaa fuudhanii odeessaniin isin irraa nyaatu; firdiin bara duriitii jalqabee isaan irratti kenname hojjechuu hin dhiifne, badiisi isaaniis dhibaa'ee hin rafne.
⁴ Waaqayyo ergamoota iyyuu warra cubbuu hojjetan gad darbatee, boolla dukkanaa keessatti funyoo sibiilaatiin hidhamanii guyyaa firdiitiif akka kaa'aman godhe malee, isaan hin qusanne.
⁵ Bara biyya lafaa isa kan warra Waaqayyo malee jiraatanii, bishaan irra lolaases, Nohin isa qajeelina lallabu, namoota biraa torbaa wajjin oolche malee, biyya lafaa isa bara durii sana hin qusanne.
⁶ Inni mandaroota Sodoomii fi Gomoraatti faradee, ibiddaan balleessee daaraa gochuu isaatiin, warra Waaqayyo malee jiraatanitti wanta dhufuuf jiru fakkeenya isaanii irraa akka argan godheera.
⁷ Looxin nama qajeelaa, isa gad-dhiisatti jiraachuu warra jal'ootaatti yaadaan rakkachaa ture immoo in oolche.
⁸ Namichi qajeelaan sun yeroo isaan gidduu jiraatu waan arguu fi waan dhaga'uun, lubbuun isaa isheen qajeeltuun sababii hojii isaanii isa seeraan walii hin galleef guyyaa guyyaatti isa keessatti in rakkatti turte.

Ayyaanni isiniif haa baayyatu! Yoo ta'ii dhugaa kana irraa barattaniittu ta'e hiriyoota keessaniif qoodaa!

Fuula fb Amantii Tasfaa irraa
2.0K viewsChala Dame, 20:59
Open / Comment
2022-07-23 23:59:35 AMALA MANCA'AAF SABABNI BARSIISA MANCA'AADHA.

NA KOFALCHIISTE DHUGA!

ISAAN NU KEESSAA BA'AN MALEE KAN KEENYA MITI!

Taatee dhugaa!

Obboleettii koo kan taate faarfattuu tokkotu faarfannan hojjedhaa mana faarfannaan itti waraabamu(Studio) tti na geessi naan jennaan tole jedhee mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessaa baanee gara bakka faarfannaan itti waraabamuutti qajeelle. Bakka faarfannaan itti waraabamu ga'uuf daqiiqaa muraasni kan nuuf hafutti, obboleessi tokkoo fi obboleettiin tokko Magaalaa Jimmaa keessa naannoo leenca afuriitti(Arat-Anbasa) dhaaabbatanii barruulee fi kitaabota hafuuraa dubbifamu danuu baadhatanii ijaajju. Ani ofii kootii barruulee dubbifaman arginan bira darbuu hin jaalladhu waanan ta'eef itti goree gaafan isaan keessaa obboleessa sana dubbisu haasaa armaan gadii waliin haasofne

Ana: Barruleen kun nii gurguramuu?

Isa: Lakki hin gurguraman tola fudhachuu dandeessa.

Ana: Garuu maaf tola hirtu isin tola maxxansiiftan moo?

Isa: Lakki dhugaa gama keenya jiru namoonni hubatanii akka dhuga baatonni akka keenyaa baayyataniifi.

Ana: Maal jechuu keedha Kristiyaanota warra kaan irraa wanta adda isin godhutu jira moo?

Isa: Eeyyee! Akka fakkenyatti waan sitti himaa na dhageeffadhu.

Ana: Tole; itti fufi.

Isa: Barsiisa Kristiyaannonni warri kaan itti amanan keessaa waa'ee barsiisa sadan tokkummaa dhuga jirun siif himaa na dhageeffadhu; Barsiisni waa'ee sadan tokkummaa hundee ergamootni kaa'ani fi waldoota jalqabaa osoo hin taane,seexana irraa kan dhufeedha. Akkasumas Kristiyaanootnii waaqolee garaagaraa saditti amanu,kanaafuu tarree warra waaqa tolfamaa waaqessaniitti ramadamuu danda‟uu. Waa‟ee sadan tokkumaa sammuun hubatamuu waan hin danda‟amneef sirri miti. Sababni isaa waaqni waaqa waliin nama dhahu miti; inni maqaa aangoo hedduu qabaatus maqaa dhuunfaa garuu tokkitti qaba.innis "yehowwa‟ isa jedhamudha jechuun Seera Ba‟uu 6:3 aka wabitti naaf dhiyeesse.

Ana: Obboleesso hin dogoggorin; Luqqisii tokko namatti luqqifachuun waqtii gannaa qorran of irraa dhowwa jedhanii gaabii keessaa kirrii tokkitti luqifatanii gatiittii irra buufachuudhaa. Sababni isaa Kristiyaanotni macaafa qulqulluuun bulan waaqolee gargaraa sadiitti kan amanan osoo hin taane, waaqa tokkicha garuu qaama sadii kan qabutti amanu kun immoo barsiisa falaasama namaa ossoo hin taane guutummaan macaafaa kan dhugaa ba‟uudha. akkasumas barsiisni waa'ee sadan waaqa tokkoo hundee ergamootni kaa'aniidha akkasumas
barsiisa Yesuus Kristosidha. Mat 28:19. Itti dabalee waldootni gara jalqabaa kan itti amanaa turanii fi caalaadhumattiyyuu barsiisa
kanaan barsiisa mormu ittiin mormuuf Yeroo adda addaatti ibsa amanatii baafachuun isaani raga eenyullee haaluu hin dandeenyeedha. Fakkeenyaaf Ibsa amantii Atenaawoos fi Niqiyaa.

Isa: Inni illee haa ta'uu; Lafti kun bara baraan dhaabbattee waan haftuuf gara jannataatti akka isheen jijjiiramtu beektaa jannati lafuma kana irra akka ta'e?

Ana: Ha ha ha amma reefuu Na kofalchiiste dhugaa! Laftii baqxee ,gubatte,maramtee baddee,haaraadhaan bakka akka buutu luqqisii armaan gadii kana hin dubbifannee ati
2Phex 3:7,10,12, Mul 21;1;20;11.

Isa: Tole haa ta'u akka macaafa qulqulluutti dhiiga kennuu fi fudhachuun sirriidha jettee yaaddaa ammati?

Ana: Macaafa qulqulluu keenya keessa foon dhiiga qabu nyaachutu dhorkame malee dhiiga waliif kennaniin du'a foonii wal baraaruun hin dhorkamne.

Isa: Guyyoota ayyaanaa kabajuun hoo?

Ana: Macaafni qulqulluun ayyaaneeffachuu hin deggaaru hin mormus. Kutaan macaafaa Qol 2:16 kan inni dubatu waa‟ee ayyaana guyyaa yadannoo dhaloota gooftaa fi du'aa ka'uu oso hin taane ayyannota kakuu moofa keessaa kennamaniidha. Kanaaf guyyoota ayyaana kabajuu akka cubbuutti ilaaluu hin dandeenyu.

Isa: Tole egaan gara dhumaatti waan si gaafadha; Waaqni waaqa jaalalaa waan ta'eef ,abiddaan nama gubuun haa hafuu waa'ee abiddaayyuu isa suukanneessa kanaaf egaa si'ool bakka du'ootni itti walitti qabamanidha malee abidda bara baraa wanti jedhamu akka hin jirre hin amantuu?
1.6K viewsChala Dame, 20:59
Open / Comment
2022-07-23 23:58:46
855 viewsChala Dame, 20:58
Open / Comment
2022-07-11 23:46:44
Sababni lola irratti kufaniif hanga lolaatti waan eeganiif. Sababni milkaa'aniif, lola dursanii yeroo dheeraa dura injifannoo isaanii jilbeenfatanii waan argataniif. Lola dursii tilmaami; qormaata dura jilbeenfadhuu loli, yeroo lolaa injifannoo argatta.”
Anonymous Poll
91%
A) dhugaadha
9%
B) soba
47 voters1.3K viewsChala Dame, 20:46
Open / Comment
2022-07-10 17:38:54
Paastar Tsaadiquu Abdoof beekamtiin kennameera.

Preezdaantiin Gamtaa Waldoota Warra Wangeelaa Itiyoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo, waldaa Itiyoophiyaa, keessattuu warri waldaa amantootaaf, waldaa amantii badii irraa eeguu keessatti gumaacha olaanaa taasisaniif badhaasa addaatiin kabajamaniiru.

Ijoollummaa isaanii irraa kaasee kutaalee biyya keenyaa garagaraa keessatti barsiisaa dhugaa kan ta’an Paastar Tsaadiquu Abdoo, ari’atamaa fi gidiraa keessatti ciminaan tajaajiltootaaf fakkeenya ta’uun tajaajilaa fi tajaajilaa turaniiru.

Paastar Tsaadiquun, ijoollummaa isaanii wangeela lallabuudhaan mana hidhaa keessatti kan dabarsan, hawaasa keessatti iddoowwan adda addaa qabatanii jiru; Kutaa duraanii keessatti: Sadarkaa mana kiristaanaatti manneen amantaa keessatti dandeettii adda addaatiin barsiisaa fi geggeessummaa ifa ta’e kennuudhaan fakkeenyummaa qabu.

Naannoon Giddu-galeessaa kanaan duras kabajaa fi galata addaatiin isaan kabajuun isaa ni yaadatama.

Paastar Tsaadiquu Abdoo baga gammaddan
1.3K viewsChala Dame, 14:38
Open / Comment
2022-07-10 17:38:45
1.1K viewsChala Dame, 14:38
Open / Comment