🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 11

2021-12-26 14:00:07 ☆Gaaffiif deebii marsaa 104ƒƒαa
☆ Boqonnaa sammuu (peace of mind) kutaa 2ffaa
____
[1] Sabriin/obsii wanta Rabbiin itti nama ajajeetti hojjachuu itti fufu, wanta Inna irraa nama dhoowwerraa dhowwamuu fi balaa nama qunname irratti sabrii gochuudha. namoonnis gosoota sadan irrattu sadarkaa sabrii wal fakkaataa qabu.

#A| dhugaa #B| lakki

[2] Yeroo cinqamne ykn aarre akka furmaataatti kan fudhatamuu qabu.

#A| Wudu'a/wissanaa godhachuun salaatuu.
#B| Sheeyxaanarraa Rabbiitti maganfachuu.
#C| Wantoota araadaa kan sammuu hadoochan baqachuu
#D| A fi B #E| hunduu

[3] yeroo ofii saganteessuun faaydaan isaa.

#A | Omisha gaarii omishuf nama gargara
#B | yeroo gababaa keessatti hojii baay’ee fi qulqullinna qabu akka hojjataniif
#C | yeroon akka hin qisaasofne, tasgabbii, nageenya fi gammachuu ittin argatan.
#D| boqonnaa sammuu namaa laata.
#E | hunda

[4]......... jechuun cubbuu fi dogongora ofii beekanii gara Rabbitti deebi’uudha araaramaafi itti warwaachudha. 

#A | istigfaara #C| Towbaa
#B | Araarama #D| Magfiraa

[5] Qur'anni warra mindaan isaanii araarama isa biraa ta’ee fi jannata laggeen ishee jala yaatu jedheen. warra yeroo waan fokkataa hojjatan yookiin lubbuu ofii miidhan Rabbiin yaadatanii badii/cubbuu isaanitiif araarama gaafataniidha. Ammas {Ali Imraan 135-136 }

#A | Isaan osoo beekanu cubbuu ofitirra kanneen hin turreedha.
#B | Beekaa kan irra turaniidha (cubbuu).
#C | warra rabbiin hin yaadanne.
#D | "A" malee hunduu deebiidha.

[6] Burqaale boqonnaa sammuu namaaf laatan muraasa.....

[7] Namni tawbaa godhu ulaagaleen guutuun isarra jiraatu?

maqaa hin irraanfatinaa!!
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
392 views11:00
Open / Comment
2021-12-26 12:19:14 AL-RISALA-TUBE: BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA burqaalee boqonnaa sammuu namaaf laatan.
405 views09:19
Open / Comment
2021-12-25 21:19:15 NuuralHudaa: Biqiltoota summaawaa lubbuu ilma namaa galaafatuu danda’an
551 views18:19
Open / Comment
2021-12-24 14:30:01 Mee gabaabamatti Namni Amantii hin beekne tokko nabiyyiin [s.a.w] maaliin dhufe yoo jedhe nuu gaafate. Maal dhaamnaaf.

daqiiqaa 4:08

size xiqqaa MB 1
955 views11:30
Open / Comment
2021-12-24 14:28:11
Fazakkir / yaadachiisi
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Sirnoota (Adaboota) Yeroo Qur'aanni Qara'amuu.

Qur'aanni jecha Rabbiiti. Sadarkaan inni jechoota biraa irratti qabus guddaadha. Isa qara'uunis irra caalaa zikrii yookaa waan arrabni ilma namaa ittiin socho'uu ti.

#Sirnoota yeroo qiraatii qur'aanaa keessaas:

•Eenyullee yoo qulqulluu /xahaaraa/ ta'e malee isa tuquu fi qara'uu hin qabu, isa qara'uun dura ilkaan rigachuu qaba.

#Qiblaatti garagaluu fi, yeroo hamuummannaan isa qabe qara'uu dhaabuu qaba,

•Yoo dhimma barbaachisaaf ta'e malee haasaaf jedhee qara'uu dhaabuu hin qabu, yaada isaa qaraatii irra gochuutu isarra jira.

•keewwattoota waadaa Rabbi mu'uminootaaf gale ibsan biratti dhaabee Rabbiin kadhachuu keewwattoota akeekkachiisan biratti ammoo Rabbitti maganfachuu qaba.

•Qur'aana banee dhiisuu hin qabu, isa gubbaa waan biraa kaa'uus hin qabu.

•Namootaan wal biratti yoo qara'an sagalee ol fuudhani qara'uu hin qaban, gabaa keessattii fi iddoowwan wacaattis akkasuma qara'uu hin qabu.
782 views11:28
Open / Comment
2021-12-23 08:44:49 AL-RISALA-TUBE: BOQONNA SAMMUU KUTAA 2FFAA

burqaalee boqonnaa sammuu namaaf laatan.
273 views05:44
Open / Comment
2021-12-23 08:44:38 Caayaa #Tiktok irraanis haala kanaan dhufaa jirra, inshaa'allaah.

#Soshaal midiyaa haa islaameysinu!

Link : https://vm.tiktok.com/ZM83EeBNj/
278 viewsedited  05:44
Open / Comment
2021-12-21 13:14:49
#Sheeka guddaa Amiira hadiisaa jedhamuun beekamu {Bukhaarii}

#Abbaa Abadallaah/Bukhaarii maqaan guutuun Muhammed ilma Ismaa'iil , ilma ibraahiim ilma mugiiraa, ilma bardizbahi. biyyitti isaanii Ardii Eshiyaa Uzbekistan magaalaa buk-aaraa je'amtu, tanaaf bukhaarii je'aniin.

#Abbaa Kitaaba sahiih Al-bukaarii { صحيح البخاري } kan hawaasa muslimaa biratti beekkamaa fi erga qur'aanaati akka ragaatti fudhatamuudha. Kitaabni isaa kun kitaabban hadiisaa hunda keessaa kan irra fayyaati.

#Jecha sheeka kanaati jedhamuun beekamurraa.

«ما وضعت في كتابي الصحيح حديثا إلااغتسلت قبل ذلك وصليت ركعتين.»

"Haadisa tokkollee kitaaba sahiihaa keessatti hin barreessine, barreessuu kiyyaan duratti wud'adhee raka'aa lama salaatu malee."

#Dhaloonni bara 194tti [hijrii] hoggaa tayu duutii 256 akka laakkofsa hijraatti.

#Rabbiin rahmata haa godhuuf.
244 views10:14
Open / Comment
2021-12-19 14:43:05
Masjiidota dachii tanarra jiran keessaa masjiidonni gurguddoon 3, Islaamummaa keessatti sadarkaa ol aanaa qabu. Isaanis :

1-Masjiidal Haram kan magaalaa Makkaa keessatti argamu.

2-Masjiidal Nabawii kan Magaalaa Madiinaa keessatti argamu.

3-Masjiidal Aqsaa kan Magaalaa Al Quds keessatti argamuudha.

#Masjiddan kunniin sadarkaa fi kabaja addaa qabu sanirraa.

Hadiisatti : Masjida nabi Muhammad keessatti salaanni rakaaan tokkichi rakaaa bakka biratti salaatanirra darajaa kumaan [1000] caala masjida makkaa malee.

Salaanni tokkichi masjida makkaatti salaatan, salaata bakka biratti salaatanirraa sawaaba kum dhibba tokkoon [100,000] caala.

#Salaanni masjida qudsitti salaatanis akkasuma darajaa ni qaba laakin ammoo hayyoon islaama hangami waan jedhu irratti kilaaftu jira.

#Rabbiin warra masjiddan kana ziyaaruu hiree argatanirraa nu haa taasisu.
321 views11:43
Open / Comment
2021-12-19 09:21:26 #Hukmiiwwan Masjiidaan Walqabatan፡

Kitaab Tafseer.com page 133 irraa.

#Hukmiiwwan Masjiidaan Walqabatan፡

•Masjiida hanga barbaachisaa ta’e
ijaarun dirqama. Masjiidonni dachii keessaa iddoowwan Rabbiin biratti
jaalatamoo ta’ani.

•Isaan keessatti sirbuun, wacuun, harka dhahuun, walaloo dhoorgamaa dubbisuun, dhiira fi dubartiin walitti makamuun, qunnamtiin saalaa, bittaa fi gurgurtaan (nama kana raawwateen ‘daldala kee Rabbiin bu’aa keessa hin kaa’in jechuun sunnaadha), waan bade gaafachuun dhoorgamaadha (nama gaafii akkasii dhiyeessen ‘Rabbiin siif hin argamsiisin’ jechuun sunnaadha).

•Masjiida keessatti ijoollee rakkoo hin qabne barsiisun, nikaaha godhachuun, murtii kennuun, walaloo hayyamamaa dubbisuun, nama I’itikaafa irra jiruu fi kan biraatifis rafuun, keessummaa fi dhukkubsataan keessa buluuni fi qayluulaa keessatti rafuun hayyamamaadha.

Masjiida waca, mormii, haasaa baay’isuu, keessatti sagalee ol fuudhuu, sababaa qabatamaa malee karaa godhachuu irraa tiiksun barbaachisaadha.

Waa’ee duniyaa isa keessatti haasa’uun, afaawwanii fi ifaawwan ykn elektirika isarraa harkisuun waan akka cidhaa fi gaddaaf itti fayyadamuun jibbamaadha.
401 views06:21
Open / Comment