Get Mystery Box with random crypto!

Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)

Logo of telegram channel biroobarnootaoromiyaa — Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau) B
Logo of telegram channel biroobarnootaoromiyaa — Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)
Channel address: @biroobarnootaoromiyaa
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 6.48K
Description from channel

Dhaloota Beekumsaan qaroome Omishuudha kaayyoon keenya!
Yaada keessaniif @BBO_Feedbackbot

Ratings & Reviews

3.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 10

2020-12-12 17:57:40
Barattoota barnoota Seeraaf!

Qormaata bahiinsa barnoota Seeraa kan bara 2012, Muddee 13 - 16 bara 2013 akka kennamu ibsameera. Guyyaan qormaanni kun itti kennamu Yunivarsiitiwwan hundaaf walfakkaataa waan ta'eef barattoota qormaanni kun isin ilaallatu qophii barbaachisu akka gootan gamanumaan hubachiisu barbaanna.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
18.2K viewsedited  14:57
Open / Comment
2020-12-11 18:20:32 Barattoota qormaata kutaa 12ffaa barana qoramtan hundaaf!

Barattoonni qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaannoo ykn kan kutaa 12ffaa barana qoramtan hedduun karaa keessaan qormaatichi yoom akka laatamu nu gaafachaa jirtu.

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo hanga ammaatti guyyaa qormaatichi laatamu ifa hin goone. Nutis gaaffii keessan qabanne dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo argachuuf yaalii gooneen dhiyeenyatti ifa akka ta'u nutti himameera.

Kanaaf Ministeerichi ifatti ibsa laachuun hanga beeksisuutti odeeffannoo isin burjaajeessanif gurra laachurraa of qusattanii qophii xumuraa gochaa obsaan akka eeggattan dhaamsa dabarsu barbaanna.

¤ Dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo haaraa yeroo argannu isin biraan akka geenyu gamanumaan ibsu barbaanna.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
16.5K views15:20
Open / Comment
2020-12-09 17:51:14
Barnoota sirna Gadaa...!

Naannoo Amaaraa Bulchiinsa Godina Saba Oromootti Manni Maree Godina Oromoo bara kana barnoonni sirna Gadaa akka gosa barnoota tokkootti barattoota kutaa 1ffaa - 8ffaatti akka kennamu murteesse.

Kana milkeessuufis kitaabotni barattoota fi qajeelcha barsiisaa maxxanfamanii akka raabsaman kallaattiin kaa’amuusaa Koree Dhaabbii Dhimma Hawaasummaa Kab. Aadde Faaxumaa Mollaa ibsaniiru.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
15.3K views14:51
Open / Comment
2020-12-02 20:41:58 Barnoota Oromiyaa fooyyeessuf tarkaanfiiwwan addaa torba (7) fudhataman

Oromiyaan bara kana barattoota miiliyoona 11.2 oli manneen barnootaatti ergitee barsiifti. Qulqullinaa fi qaqqabamummaa barnoota naannichaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan addaa gurguddaan torba fudhatameera!

. Barnoota Gadaa

Bara kana barnootni sirna Gadaa akka gosa barnoota tokkootti barattoota kutaa 1-8ffaatiif ni kennama. Kana milkeessuufis kitaabotni barattootaa fi qajeelcha barsiisaa maxxanfamanii raabsamaa jiru.

. Barnoota Afaanota addaa addaa

Tokummaa sab-daneessummaa biyyaa akkasumas
obbolummaa ummatoota biyya Itoophiyaa dagaasuu fi bara kana godinaalee daangaa Somaalee fi Affaar jiranitti barnootni Afaan Soomaalee fi Afaan Affaar ni kennama. Addemsa keessas afaanotni biroo kan dabalaman ta’a. Barnootni Afaan Oromoo naannoolee biyyatti hunda keessatti akka baratamus BBO deeggarsa addaa taasisaa jira.

. Daree dabalata ijaaruu

Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiran sadarkaa isaanii fooyyeessuuf daree dabalata 30,000 manneen barnoota sad.1ffaa keessatti ijaaruuf karoorfamee dareen dabalata 34,247 hirmaannaa ummataatiin ijaaruun dandaa’amee jira. Kunis hira daree barataa 1:60 kan ture gara 1:40tti akka fooyya’uu taasisuudhaan barnoota qulqullina qabu kennuuf haala mijaa’aa uumee jira.

. Aadaa dubbisuu fooyeessuu

Aadaa dubbisuu barattootaa foyyeessuuf manneen barnoota sad. 1ffaa hunda keessatti gaaddisa dubbisa lama lama (two Reading Corner for each school) akka qophaa’u ta’ee jira. Manneen barnoota 8,250 keessatti mana dubbisa (library) tokko tokkoo banuuf karoorfamee manneen barnootaa 5,481 keessatti mana dubbisa banuun danda’ameera. Akkasumas mana dubbisa uummata 560 banuuf karoorfame hanga ammatti manni dubbisa uummataa 345 banameera. Manneen dubbisa kanaaf kitaabota 1,210,407 tola ooltota irraa walitti qabuun manneen kitaabota banamaniif raabsuun danda’ameera.

. Manneen Barnoota Addaa (Special schools)

Barattootni kutaa 9 jalqabanii kan barumsa isaanitti baay’ee cimaa ta’ani barsiisoota ciccimmoo ta’aniin kan itti baratan mana barumsa addaa godinalee fi bulchiinsa magaalota tokko tokkoo banuuf karoorfame hojjatamaa tureera. Sochiin hanga ammaatti godhameenis hojiin godinaaleefi bulchiinsa magaalota 26 (godinalee 19 fi magaalota 7 keessatti) keessatti hojiin qabatama barsiisota filachuufi mana barumsa addaan baasani qopheessuun raawwatameera. Bara kana Manneen barnoota addaa 40 banuudhaan barattoota kutaa 9 ciccimoo ta’an bariisoota filatamaniin barsiisuun ni eegalama.

. Pirojektii Ifa Boruu

Manneen barnoota sad.2ffaa qaqqabama gochuun hirmaannaan barattoota sad. 2ffaa ol kaasuuf kan gargaaru pirojektii ifa boruutiin manneen barnootaa sad. 2ffaa 100 ijaaruuf hojii qabatama keessa galameera. Akkasumas barattootni kennaa addaa qabaniifi barumsa isaanittiin ciccimmoo ta’ani kan itti baratani manneen barnootaa bulti addaa 7 ijaarama jira. Manneen barnoota kun ji’oota 7 keessatti xumuramanii tajaajilaaf akka qophaa’an hordoffiin cimaan taasifamaa jira. Pirojektiin kun bajata mootummaa qarshii biliiyona 4.9n ijaaramaa jira.

. Barattootaaf nyaata dhiyeessuu (School feeding)

Bara kana Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee guutummaatti akkasumas aanaalee gammoojjii hanqina midhaan nyaataa qaban 20 keessatti barattoota sadarkaa 1ffaa barataniif dhiyyeessiin nyaataa (School feeding) ni taasifama.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
20.2K views17:41
Open / Comment
2020-12-01 22:58:20 Amazing New Remix Video
Ali Birra ft Danawit



13.4K views19:58
Open / Comment
2020-11-30 17:18:36 Naannoo Oromiyaatti barnoonni eegaleera!

Naannoo Oromiyaatti Barnoonni bara kana addaan cite turee har’a eegaluu Biiroon Barnoota naannoo Oromiyaa beeksise.

Naannichatti oolmaa daa’immaniitiin ala adeemsi baruu barsiisuu eegaleera. Barnoonni oolmaa daa’immaniis torbee lamaaf dheerachuu biirichi ibseera.

Naannoo Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa Sadaasa 30 hanga Mudde 2, 2013tti kan laatamu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise turuun isaa ni yaadatama.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
13.9K views14:18
Open / Comment
2020-11-29 22:40:07 Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau) pinned «Barattoota bara 2012 eebbifamaniif boruu irraa eegalee waamichi ni taasifama! Barattoota bara 2012 eebbifamaniif boruu irraa eegalee waamichi akka taasifamuuf Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksise. Ministeerichi waamichi barattoota…»
19:40
Open / Comment
2020-11-29 22:39:02 Biology Fun
Barsiisaa Baayolojiitu Barattootaan Suuraa Bakteeriyaa kaasa yeroo jedhuun, Barataan suuraa kaasuu hin dandeenye tokko waraqaa duwwaa itti kennee

Barsiisaa: meerree suurichi?

Barataa: ati kaleessa Baakteriyaan ija qullaa hin mullatu hin jannee.

like tuquu maltu hanqata Man!
Hiryoota kee 3f ergi!
By:- Iman Qashtii
JOIN @Orosarcasm
14.1K views19:39
Open / Comment
2020-11-29 20:39:59 #Scholarship #Simrat_Abiyyuu

Simrat Abiyyuu jedhamti, dhalattuu magaalaa Jimmaa, dhimmoota waytaawaafi waa’ee biyyaarratti xiyyeeffachuun walaloo afaanota sadiin (afaanota Oromoo, Amaaraafi Ingiliziitiin) waltajjiilee gara garaarratti dhiyeessuun beekamti.

Barumsashiitin cimtuufi sadarkaa gara garaattiis kan badhaafamte, dandeettii walaloo qabduunis sadarkaa godina Jimmaafi Naannoo Oromiyaattis beekamtiifi ambaasaaddarummaa argatteetti.

Kora biyyaalessaa Yunivarsiitiin Jimmaa dhiyeenya kana Ministeera Saayiinsiifi Barnoota Olaanaa waliin tahuun qopheesserratti walaloon dhiyessitee dinqisiifannaa olaanaa argamsiiseef.

Maqaa Yunivarsiitii Jimmaatin waada gara garaa seenameefi ture. Koreen hojii raawwachiiftu yunibarsitichaatis torbee darbe walga’ee kallattii waadaan galame ittiin raawwatamu kaa’eera.

Haaluma kanaan:

1) Ji’a Fulbaana 2013 irraa eegalee hanga barnoota ishii xumuurtutti kafaltii barnootaa ji’atti Qr 1000 akka kaffalamuuf (maatii ishii waliin mari'achuun)

2) Barnoota yammuu xumuurtus haalduree tokko malee Yunivarsiitii Jimmaa galtee akaakuu barnootaa filattuun akka barattu

3) Dandeettii ishii akka jabeeffattus carraa iskoolaarshippii Hacaaluu Hundeessaa isa jalqabaa haala itti badhaafamtu akka kaadhimamtu (seera bahuun)

4) Miseensa kabajaafi ambaasaaddara yunivarsiitichaa argattee waajjiraalee dhimmi ilaalu waliin akka hojjattu, taalentiifi danddeetti qabdu akka gabbifattu deeggarsa ogummaa, tajaajila mana kitaabaafi laaboraatoorii akka fayyadamtu

5) Sagantaalee gurguddoo yunivarsiitichi qopheessu irratti dandeettii aartiifi barruu qabdu hawaasaaf akka dhiyeessitu murtaa’eera.

Yunibarsiitiin Jimmaa guddattoota akka Simrat dandeettii addaa qaban deeggaruun itti gaafatamummaa hawaasummaa irraa eegamu cimsee bahachuu kan itti fufuufi kaayyoon Iskoolaarshiippii Hacaaluu Hundeessa yunivarsiitichi bara kanarraa eegalee hojiirra oolchuuf hundaa’es kanuma ta’uu isaa ibseera.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa
13.5K viewsedited  17:39
Open / Comment