🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

JECHOOTA GAMNAA ✪

Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪ J
Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪
Channel address: @jechoota_gamnaa
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 11.43K
Description from channel

Channel kenyaa #join godhaa Jechoota psychology ykn Xinsammuu fayyadan irraa argachuu dandeessaa.
☞︎︎︎ Xinsammuu(psychology )
☞︎︎︎Jechoota Hayyoota
☞︎︎︎Gorsa BEEKTOTAA fi Gorsa JIREENYA
Yaada yoo qabattee : @maalmallisa21

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 21

2021-09-03 23:22:08 BU'AAWWAAN DHIIFAMA NAMAAF GOCHUU KEESSAA ARGAMA . KUTAA 2FFAA ISAA

2. Dhiifama namootaaf gochuun dhukkuboota hedduu irraa si eega. Saayinsiin qoratee waan bira ga’en siif hima. Namoonni yeroo hedduu haaloo qabatanii wajjin jiraatan dhukkuboota hedduuf saaxilamu. Maaliif? Sababni isaa xiinsammuu namootaaf qaama isaanii gidduu hariiroon jiru cimaa waan ta’eef. Dhukkuboota namoonni dhukkubsatan keessaa hedduun yaada isaan yaadan waliin walqabatu. Dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi kkf irraa si bilisoomsa. Maal jechuu akkan barbaade beekta. Nama si miidhe tokkoof dhiifama gochuun isaaf qofa utuu hin taane, ofii keefiyyuu bu’aa guddaa dha. Qorannoon saayinsii dhugaa kana deddeebi’ee mirkaneesseera. Namoonni gadoo kuusan, miira yakkamtummaa keessa jiraatanii fi dhiifama gochuuf fedha hin qabne carraan dhibee adda addaaf saaxilamuu isaanii daran guddaa dha. Kanaaf dhaamsi ani siif dhaamu inni guddaan ofiif jedhii dhiisiif. Maal wayyaree? Danda’i. Namoonni amalli isaanii rakkisoon waliin jiraachuun akka malee ulfaatu ni jiru. Garuu danda’i. Haa xiqqaatanillee malee namoonni miidhama gurguddaa sirratti hojjetan ni jiraatu. Danda’i. Jecha arrabaa ati raawwattee irraanfachuu hin dandeenyeen kan si waraanan kan sagaleen isaanii inni lafee namaa cabsu yeroo hundaa gurra kee irraa iyyu ni jiru. Danda’i. Gaarummaa kee hammeenyatti jijjiiranii carraa argatan maraan maqaa keetti cilee kan diban ni jiru. Garuu danda’i. Namni bineensa dha—bineensa haala mijataa eeggatee harka irraa nyaate nyaatu. Danda’i! Irraanfadhu. Miidhama namoonni sirratti raawwatan yoo siif danda’ame irraanfadhu. Caba isaan si cabsan—isa miira kee miidhe—irraanfadhu.

Ittii fufa....

@Jechoota_gamnaa
113 viewsMAAL MALLIISAA, 20:22
Open / Comment
2021-09-03 06:22:06
Chaanaala haara ji'oota muraasa keessatti members hedduu horate. chaanaalli kun maqaan isaa NASR MEDIA jedha. Isinis join gootanii miseensa keenya tahaa.
59 views✰☆✰, 03:22
Open / Comment
2021-09-02 23:16:54 Hayyuu dubbii beeku; namoota walitti bu’an kan araarsu; ka dubbii qoru; koottu-dhufee fudhatee haasawa bilchaataa haasawuu ka danda’u. Kanaaf channellii keenya waa'ee jecha hayyuu fi beekaa qofaan kan guuttameedha .
83 viewsMAAL MALLIISAA, 20:16
Open / Comment
2021-09-02 19:35:42 Channeloota Afaan oromoo kan guyyaa guyyattii waa irraa barattan.
74 viewsMAAL MALLIISAA, 16:35
Open / Comment
2021-09-02 10:48:25 Akkamittin dogoggora jattee ofitti hin jabaatin, salpisii laali.
Dogoggora dabarsite laaltee of hin dhippisin, dhiifama ofiif godhi.
Maalumaafin akkana godhe/akkana ta'e” jattee oso of cinqituu, kennaan dogoggorri qabu si jala hin dabrin. Kennaan isaa muuxannoo (experience)dha.

Ati ilma namaati lubbuun jiraannan fuula durattillee dogoggoruun waan si jalaa hafuu miti, dogoggoruma gosa tokko yeroo 2 irra hin deebi'in malee kan yeroo 2 olii dogoggora osoo hin ta'in filannoo fi murtee teeti.

Kanaan ala kan hin dogoggorre rabbii tokkicha qofa ta'uu yaadadhuuti, kaanirraa kaanitti tarkaanfataa deemsa kee itti fufi.


@Kennaa_Tube
@Jechoota_gamnaa
58 views✰☆✰, 07:48
Open / Comment
2021-09-01 23:17:57 BU'AAWWAAN DHIIFAMA

Bu’aawwan dhiifama namaaf gochuu keessaa argaman hedduu dha. Mee muraasa isaanii akka armaan gadiitti siif haa himu:

1. Dhiifama gochuun mana hidhaa keessaa nama tokko baasuu dha; namichis si dha jedhama. Hamma namatti gadoo qabattee jirtutti nama tokkotu mana hidhaa jira. Namichi sun karaa ba’aa dhabee iyyataa jira. Innis si’uma mataa keeti. Namichi sitti balleesse tarii irraanfatee dhiiseera. Maal akka sitti balleesses hin beeku ta’a. Ati garuu yeroo hundumaa balleessaa isaa yaadachaa garaacha kee dhukkubsita. Nagaa of dhowwatta. Hamma siif danda’ame hundumaatti nama hundumaaf garaa qulla’aa qabaadhu. Balleessaa tokko lamaaf namaaf garaa hin kutatiin. Carraa biraa kenniif. Dhiifama gaafa namaaf gootu egaa bu’aan kee inni guddaan boqonnaa sammuuti. Sammuu keef boqonnaa kana kennuun mana hidhaa keessaa of baasuu jechuu dha. Bilisummaa dhugaa argachuu. Tarii badii namootaa irraanfachuu dadhabuu dandeessa. Sammuun namaa uumamaan filatee hin yaadatu. Tooftaan ittiin odeeffannoo sammuu kee keessaa haqxu hamma ammaatti hin jiru. Tasuma hin argattu. Waan sammuun kee yaadatu hundumaa yaadachuun kee dirqama. Kun dirqama uumamaati. Uumaan namni waan barbaadu duwwaa yaadatee waan hin barbaanne akka irraanfatuuf carraa hin laanneef. Badii isaanii irraanfachuu yoo dadhabde rakkoo hin qabu. Yeroo sana yaadattu hundumaatti miira sitti dhaga’amu to’achuu garuu ni dandeessa.

Ittii fufa....

@Jechoota_gamnaa
260 viewsMAAL MALLIISAA, 20:17
Open / Comment
2021-09-01 17:37:54 Iccitii kee baastee himuun duratti nama itti himattu irratti of eeggannoo guddaa godhadhu,
Maalif seete..? Namni ati saahiba kiyya jettuun tokko saahiba akka keeti ka bira qaba waan ta'eefi.


@Jechoota_gamnaa
511 views✰☆✰, 14:37
Open / Comment
2021-08-31 22:04:19 "Hojiiwwan gurguddoon kan hojjataman humnaan osoo hin taane malaafi obsaani."

@Jechoota_gamnaa
740 viewsMAAL MALLIISAA, 19:04
Open / Comment
2021-08-31 22:03:49 "Dubbii madda isaa hin beekne hin odeessin ofiif sobdee nama sobsiifta."

@Jechoota_gamnaa
743 viewsMAAL MALLIISAA, 19:03
Open / Comment
2021-08-30 23:26:35
Channel Afaan oromoo barumsaa addaa addaa irraa argachuu dandeessaan . Afaan oromoo guuddisuuf Channeloota Afaan keenyaan waa barsiisuu filadhuu.
180 viewsMAAL MALLIISAA, 20:26
Open / Comment