Get Mystery Box with random crypto!

JECHOOTA GAMNAA ✪

Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪ J
Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪
Channel address: @jechoota_gamnaa
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 11.43K
Description from channel

Channel kenyaa #join godhaa Jechoota psychology ykn Xinsammuu fayyadan irraa argachuu dandeessaa.
☞︎︎︎ Xinsammuu(psychology )
☞︎︎︎Jechoota Hayyoota
☞︎︎︎Gorsa BEEKTOTAA fi Gorsa JIREENYA
Yaada yoo qabattee : @maalmallisa21

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 2

2022-06-18 01:40:00 Hubadhu

Sababa shakkiin carraa argame of hin dabarsiin; carraan akka qoosatti har'a of dabarsite bor deebi'ee dhufuu dhiisuu mala waan taheef! Jireenya kee jijjiruuf hin sussukiin; ariifadhu! Guyyoonni akka milkaa'ina siif fidaniif teessee hin eegiin; guyyaa keessaatti milkaa'ina uumuuf tattafadhu! Addunyaa gama hundaan fiigaa jirtu keessa taa'uun, wallaalummaa yoo ta'e malee beekumsa miti. Keesumaa dargaggoonni yeroo humna jabaa qabnu kanatti yoo fiigne nurraa bareeda! Haa tattafannu, fedhii jijjiramaa, fedhii guddachuu, fedhii nama dhiibbaa gaarii uumu ta'uu haa qabaannu! Jireenyi filannoodha malee dirqii miti. Dirqiin kan rakkoo keessa gad si teesisu hin jiru, yoo si ta'e malee! Ati ofirratti dammaqnaan kan deebi'ee si raffisuu danda'u Suma mata keeti. Atimmoo maaf of raffiftaree? Maaf of gufattaree? Maaf diina ofitti taataree? Lakki kun hin ta'u! Fira ofiif taatee waan siif malu argachuu qabda; jireenya siif malu jiraachuu qabda!... Hubaadhu ati kan duutu, gaafa dhaabbanniis ta'e, mootummaan si qacaruu dhiisu utuu hin taane gaafa ofii Kee irratti abdi kutattuudha! Amma abdi qabdutti hojii qabda!....Waan kamiyyuu Dhabi, abdi ofirraa hin kutiin...rakkoo hin qabu hiriyyaa, maatiif, namoota kan biroo irraa abdi kutadhu garuu matumaa Uumaaf ofii Kee irraa abdi kutachuu hin qabdu! Sababni isaa Your are boss of your life!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
367 viewsSIIF Hin GALLEE, 22:40
Open / Comment
2022-06-13 19:50:29 Ganama kee akkamitti jalqabda?

Qulqullinni guyyaa keenyaa haaloota guyyaa sana nu mudatan hammam akka dandamanne irratti hundaʼa. Guyyaa keenyaan walitti hidhamuudhaan sammuu keenya deebisnee kaasaa, tasgabbii fi yaada gaggaarii ishee keessatti uumaa dandeettii qaamaa fi sammuu keenya guddisuun waan layyoo miti.

Namoonni baay'een guyyaa isaanii qunnamtii elektirooniksiitiin jalqabu. Jeequmsi addunyaa sammuu jeequmsa, osoo ati guyyaa kee hin jalqabin sammuu kee jeequudha. Sammuu jeeqamte kan to’achuufi irra aanuun rakkisaa ta’a.

Jeequmsa addunyaa kanaan sammuun kee jeeqamnaan ni mufatta, ni gaddita, gammachuu hin argattu kuniis hariiroo namoota biroo wajjin qabdu irratti dhiibbaa qaba.

Guyyaa kee galateeffachuun jalqabi, jireenya guyyaa biraatiif galateeffadhu. Kadhannaa fi xiinxaluudhaan sammuu kee tasgabbeessi.

Deeminsa kee uumama waliin wal qunnamaa karoora guyyaa keetiif uumi. Guyyaan kee caalaatti bu’aa qabeessaa fi jeequmsa xiqqaata jechuudha!!!!!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
684 viewsSIIF Hin GALLEE, 16:50
Open / Comment
2022-06-07 20:41:00
@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.0K viewsSIIF Hin GALLEE, 17:41
Open / Comment
2022-06-06 19:38:30 Mul'atnii Cimina malee dadhabinaa miti. Nama mul'ataa tahuuf hamilee si barbaachisa.

Kanaaf yeroo namni tokkoo waa'ee dhukkuba isaa dubbachuuf Jajataa ykn Mararfata yeroo argatuu. Murtii miti deeggarsa itti haa garsiifnuu.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.4K viewsSIIF Hin GALLEE, 16:38
Open / Comment
2022-06-05 21:16:28
@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
670 viewsSIIF Hin GALLEE, 18:16
Open / Comment
2022-06-05 02:20:58

456 viewsSIIF Hin GALLEE, 23:20
Open / Comment
2022-06-04 21:46:17 KADHATICHA!

Namicha waggoota dheeraadhaaf karaa irra taa'ee kadhatu tokkotu ture. Umurii isaas, aduu dhiitee bariitu, karaa sana irra taa'ee waan tokko gochuun dabarsa ture. Innis namoota daandii sanarra isa bira darbaa oolan qarshii kadhachuudha. Guyyaa tokko akkuma yeroo kaanii namichi kara-deemaan tokko isa bira darbuu yoo dhufu, "Adaraa na gargaari. Rabbi irraa argattaa" jedhee moofaa ciccituu isa fuuldura jirturra akkuma inni saantima muraasallee buuseefii darbuuf harka isaa raasee kadhate. Namichis, "Ani homaa waan siif kennu hin qabu. Waaqni siif haa kennu" ittiin jedhe. Itti dabalees, "Kan ati irra teessee jirtu kun maaliidha?" jedhee miira shakkiin kadhataa sana gaafate. Kadhatichis, "Homaayyuu miti. Saanduqa xiqqoodha. Ergan gaafa asitti argee eegalee waggoota dheeraadhaaf kanuma irra taa'een kadhataa ture" ittiin jedhe.
"Bantee ilaaltee beektaa?" namicha kara-deemaa santu gaafata.
"Lakki."
"Maaliif hin banne?"
"Homtuu keessa hin jiru nan beeka. Maaliifan bana?"
Kara-deemtichis, "Mee har'a banii ilaali!" ittiin jedhe.
Kadhatichis irraa ol ka'ee saanduqa xiqqoo sana bane. Yoo keessa saanduqichaa ilaalu garuu ija isaa amanuu dadhabe. Saanduqichi warqeen guutee jira. Namichi waggaa afurtamaa oliif warqee gatii mi'aa irra taa'ee saantima muraasa kadhataa ture.


Seenaan kun kitaaba 'The Power Of Now' jedhu kan Eckhart Tolle barreesse irraa fudhatame.
Barreessichis dhaamsa seenaa kanaa akkasiin kaa'e: "Anis namicha kara-deemaa homaa waan siif kennullee hin qabneedha. Garuu akka ati gara keessaa ilaaltuuf sittin hima. Gara keessaa yeroon jedhu keessa saanduqaa kan warqee barbaachaaf gootu miti. Keessa isa isa caalu, kan sitti dhihoo jiru, keessa ofiikeeti. Keessa ofiikee ilaali. Gaafas 'ani kana booda kadhataa miti.' ofiin jetta."

Isin hoo maal irraa hubattu?


@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
701 viewsSIIF Hin GALLEE, 18:46
Open / Comment
2022-05-31 20:52:20 Hubadhu;

Galmii ariifannaan gahamu hin jiru. sababnii isaas
Deemsi karaa kaayyoo,deemsa aannaan dhuguu irraa gara foonii fi lafee keessaa dhuka baasaanii nyaachuuti.
Kanaf adaraa achi fageessii yaadi! Achi fageessiis deemi! Deemsa afaanii fi funyanni hin deemiin. Sababni isas deemsi gara kaayyoo akkuuma kaayyichatti. Galmaa guddaan deemsa dheeraa gafachuu danda'a. Deemsa Sammuu( mental journey) deemi!.

Nama kaayyoo ta'iin dhaamsa kiyya.


@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.0K viewsLen Koo, 17:52
Open / Comment
2022-05-28 20:37:59 Tooftaalee dogoggora ta'aachuuf fayyadan
◇dogoggora kee dafii amani
◇waa'ee dogoggorichaa yaadaa hin oolin
◇irraa baradhu
◇gonkumaa irra deebitee dogoggora akka hin qabne murteefadhu
◇dogoggora uumameef namoota biroo hin yakkin ykn namoota birootti hin qabatin.


@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
644 viewsSIIF Hin GALLEE, 17:37
Open / Comment
2022-05-26 20:26:44 Mammaksa Oromoo

♧Garaan:, "ani dhagaa nyaadha" jennaan,
Ilkaan:"eenyuun mari'attee??" Jedheen!.

♧"osoo mariif marabbaa qabaannee saree takkittiin ari'amnee qilee hin buunu" jedhe jaldeessi!

♧"Lilmoon qaawwaa ishee hin agartuu qaawwa namaa duuchitii".

♧"ollaa arrabaan jiraa akkamittan guddadhaa" jette gurri!!.

♧"Har'allee moo? Jette haati ijoolleen beelofne jennaan, ishiin bakka cidhaatii quuftee waan galteef"!.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
973 viewsSIIF Hin GALLEE, 17:26
Open / Comment