Get Mystery Box with random crypto!

JECHOOTA GAMNAA ✪

Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪ J
Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪
Channel address: @jechoota_gamnaa
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 11.43K
Description from channel

Channel kenyaa #join godhaa Jechoota psychology ykn Xinsammuu fayyadan irraa argachuu dandeessaa.
☞︎︎︎ Xinsammuu(psychology )
☞︎︎︎Jechoota Hayyoota
☞︎︎︎Gorsa BEEKTOTAA fi Gorsa JIREENYA
Yaada yoo qabattee : @maalmallisa21

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 3

2022-05-25 16:42:15 JECHOOTA 1FFAA

◇ Gorsaa Imalaa Jireenyaa:
Ilmaa Namaa tokkoo yoo Amalaa ykn Gochaa issattin taajabidee,Jechaa issaattin gonkumaa hin sobamituu ykn hin gowwomituu....!!

◇ waggoota dheeraaf jireenya kee ijaaruuf jechaa kan itti dhamaate arrsaa hedduu itti kafaalitee,halkan tokkotti diigamuu danda'a. ta'ullee ati garuu yeroo hundaa jireenya kee ijaaruu irraa of duuba hin deebi'in!!

◇Jirachuun kee yoo si hin fayyaneyyuu,akka wani bayye ijaan argittuuf si fayyadee akka jiruu hin dagaattin!!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.5K viewsSIIF Hin GALLEE, 13:42
Open / Comment
2022-05-22 21:08:21 HUBADHU

☆Of baruun Foormulaa hin qabu

☆Dirreen Injifannoo baatee si eeguu hin jiru. Sammuu injifaannoof gara dirree seenutu jira malee.

☆Dirreen itti injifatamtus ta'ee ittii injifattus dirree sammuuti.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
830 viewsLen Koo, 18:08
Open / Comment
2022-05-18 21:22:49 Kan nama nyaatu dukkana osoo hin taane, wanta dukkana keessa jiruudha!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
877 viewsSIIF Hin GALLEE, 18:22
Open / Comment
2022-05-18 16:58:24
@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.1K viewsSIIF Hin GALLEE, 13:58
Open / Comment
2022-05-17 20:02:51 Eenyummaa-keetiif, Bakka Guddaa kenni!

Namichi Edinberg jiraatu, kan kophee hodhu tokko guyyaa hundumaa yeroo hirribaa ka'u akkana jedhee kadhata. "Yaa waaqayyo ofii-kootiif akkan iddoo guddaa kennuuf na gargaari!" Jedha ture.

Eeyyee! Namni kam iyyuu milkaa'inaaf gammachuu gonfachuu yoo barbaade, jalqaba irratti eenyummaasaatiif bakka guddaa kennuu qaba. Kana gochuuf tarkaanfiin jalqabaa sammuu ofii keessatti of ajaa'ibsiifachuudha. Kana booda ofitti amantaa horachuu nama dandeessisa.

Namni maqaan isaa Wadirow Wiilsen jedhamu, barreessaa beekumsa walii-galaa kan ta'e dhimma eenyummaa ofii fudhachuu ilaalchisee hima miidhagaadhaan yommuu ibsee akkas jedhe, "Eenyu iyyuu hirkataa miti; sababni isaa qofaa fiiguu danda'a" jedheera.

Kanaafuu, eenyummaa ofii-tiif bakka guddaa qabaachuun barbaachisaadha, furmaata filannoo biraa hin qabneedhas!


@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.4K viewsSIIF Hin GALLEE, 17:02
Open / Comment
2022-05-12 19:58:42 NAMA TA'UU!!!!

Namicha imaltuu tokkotu gaaftokko gatii geejjibaa qusachuuf murteeffate. Innis dooniyaa keessa seenuudhaan akka meeshaatti fe'amuu barbaade. Kanaaf mucaa isaatiin "Ani akka meeshattin dooniyaa kana keessa seenee ciisa, atimmoo meeshaadha jedhitii irra keessatti na feesisi."jedheni. Mucaan isaas gorsa abbaa isaa fudhatee akka jedhan godhani. Gatiin geejjiba nama tokkoo qarshii 10 ture. Mucaan isaas kan isaa erga kanfalatee booda " Meeshaa dooniyaa keessa jiru kana immoo meeqaan naaf feeta?" Jedheen." Gatii baasuufi buusuu waliin qarshii 30 " jedheen gagaaraan konkolachisaa.
Mucaan waan godhuufi waan jedhu waan dhabeef xiqqoo callisee "Lakki naaf hin ta'u" jedhe . Konkolachisaan muddamsa irra waan jiruuf osoo isaan waaliif hin dhiisee deeme. Imaltichis erga konkolaataan deeme dooniyaa keessaa bahe"Ilmakoo meeshaa ta'u u irra nama ta'uu wayya"jedhen jedhama.

Eeyeen meeshaa ta'uu irra nama ta'uu wayya!!
Eeyee nama ta'anii dhalatanni meeshaa ta'anii jiraachuun:Dhaloota gatii hin malle kaffalchiisa;egeree dhalootaaf gufuu ta'a.
Atis murteeffadhu gaтιι naмarraa вarвaadaмυ ĸanғalanιι( вaaѕaanιι) ѕodaaғ мeeѕнaa тa'υυ ιrra gaтιι naмarraa вarвaadaмυ ĸanғalanιι(вaaѕaanιι) naмa тa'υυ wayya.
Atiis gatii sirra barbaadamu baasii nama ta'iin dhamsa kooti.

Eeyyeen Nama ta'i!!



@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
706 viewsSIIF Hin GALLEE, 16:58
Open / Comment
2022-05-11 19:52:03 ...Wanti uumaan nu badhaase hunduu qaalii akka ta’emmoo kan ittiin beeknu meeshaa uumamaa ‘qalbii’ jedhamuuni. Qalbiin Meeshaa gati-jabeessa ijaan hin mul’anneefi hin qaqqabamnedha. Namni hunduu qalbii guutuu waliin dhalata. Qalbii jechuun burqaa yaada garaa iddoo jireenya beekkumsaati. Qalbiin meeshaa safartuu eenyummaan namootaa itti safaramudha. Qalbiin teessoo, ogummaa jireenyaa, bilchinaafi teessoo beekkumsa guddaati.
Miyaafi gatii qalbii warra ogummaa jireenyaatti kuulametu beeka. Namni dandeettii isaatin qalbii kalaqee sammuu namaa keessa kaa’uu hin danda’u; Qalbii namaa bitee fudhachuu danda’a malee. Kanaaf ta’a bara kanatti, kan qalbiin namaa gurguramaa ooluf.
Egaa gabaa guddaan bara kanaa gabaa qalbiiti. Nutis akka Michel De Montaige jedhe…“Namoonni ogeessota jedhaman gowwoota irraa yoo hin baranne, ofii isaanitiyyuu gowwoota” san taanee maalummaa qalbiitu wallaallee dhaloonni baayyeen nu harkaa bahaa jira. Qalbii waan qabnu nutti fakkaatee qalbii dhabaa jirra.....
Kitaaba #DIJAATI JEDHUU kan GIRMAA BASHAADAA barreessee keessa

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.1K viewsSIIF Hin GALLEE, 16:52
Open / Comment
2022-05-10 21:30:55 waggoota hedduuf jireenya kee ijaaruuf kan itti dhamaate halkan tokkotti diigamuu danda'a. ta'ullee jireenya kee ijaaruu irraa of duuba hin deebi'in.
1.4K viewsSIIF Hin GALLEE, 18:30
Open / Comment
2022-05-09 23:03:17 HUNDI YEROO ISATTI TAHA !!

Al tokko tokko yeroo kan yaadde yaaltee siif milkaa'uu didu ni rakkatta,ni cinqamta,
ni yaaddofta,wanti hundi si harkaa bitaacha'ee eega har'allee naaf hin dabrin(darbin) yoomillee naaf hin dabartu(darbu) jettee abdii kutatta.Yaalii keetiis ni dhaabda.
Mee firii muka asii gadii kana ilaali:muka tokko irra,damee tokko irraa fi qaccee tokko irratti rarraafamanii osoo jiran yeroo garaagaraatti bilchaatu.kana jechuun firiin inni hin bilchaatin sun osoo hin bilchaatin hafa jechuu osoo hin taane yeroo isaa eeggatee bilchaata jechuudha.Keetis kanuma.Yeroo isaatu hin gahin malee siif darbuun hin oolu.kanaaf abdii hin kutaatin yaalii keetis hin dhaabin.

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
1.6K viewsSIIF Hin GALLEE, 20:03
Open / Comment
2022-05-09 01:49:54 MAALIIF DU'U?

Hospitaala tokkotti dhukkubsattoonni siree tokkorratti dhukkubsatanii ciisan guyyaa jimaataa yeroo hunda du'u turan. Namni dhukkubsatee siree sanarra ciise hundi ni du'a ture. Taateen kun hooggantoota hospitaalichaa, ogeesota fayyaa, hojjattota, hawaasa naannichaatti yaaddoo cimaa uumuu eegale. Akkuma barame dhukkubsataan tokko siricharra ciisee wal'aansa fudhachaa ture, inni waa'ee siree kanaa, waa'ee namoonni bakka kanarra ciisan du'uu waan beeku hin qabu. Guyyaan jimaata ammas ga'ee sa'aatii lakkaa'achaa jira. Ofii namni maalif du'u? Du'a sana duuba namatu jiraa? Rabbii? Moo seexana? Gaaffii nama hundaati. Sa'aatiin ga'aa jira.Duuti dhufaa jira, du'a siree filatu. Ogeesonni, namoonni naannoo sanatti dhiyaatanii waan dhufu eegaa jiru. Gariin isaanii macaafa qulqulluu qomatti qabatanii, kaansaanii Du'aa'ii godhaa waan ta'amu ilaalaa jiru. Akkuma sa'aatiin sagal ta'een qulqulleesituun haaraan meeshaa ittiin kuticha qulqulleesitu qabattee oofaa dhufte. Daftee qulqulleesitee gara hojiishee idileetti deebi'uuf jarjarti. Akkuma ol seenteen gara siree sodaachistuu sanaa deemte. Namoonni fooddaarra dhaabbatanii waan dhufu ilaalaa jiru. Akkuma siricha bira geesseen sookkeettii ibsaa maashinii hargansuu sana irraa buqqistee kan meeshaa qulqullinnaashee itti kaa'attee hojishee itti fufte. Dhukkubsataan gargaarsa maashinii malee harganuu hin dandeenye suni hafuuraa cite. Harganuu dadhabe. Isaa du'uuf jedhu ogeesonni fayyaa haalicha ilaalaa turan fiiganii maashinicha bakkatti deebisan. Edaa dhukkubsattoota siree sana irra jiran ajjeesaa kan turte qulqulleesituu kanaadha. Ajjeesuf jettee miti, wallaalummaa irraa kan ka'eedha. "Maalif du'an? " gaaffii jettuif deebiin argame. Waaqa miti, seexanas miti. Nama ture. Nama wallaalaa, akka ajjeesaa jiru kan hin beekne. Qulqulleesituu kutichaa. Wallaalan nama ajjeesa! Kan akka wallaalummaa dhala namaa ajjeese hin jiru. Namni gatii namaa hin beeknetu nama ajjeesa!

Irraa barattu jedheen kan dubbiserraa isiniif qoode


Kitaaba 'Gatiin namaa meeqa? Jedhu Eebbisaa baay'isaa nama biyya Oromootin barreeffame keessaa!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa
2.0K viewsLen Koo, 22:49
Open / Comment