Get Mystery Box with random crypto!

JECHOOTA GAMNAA ✪

Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪ J
Logo of telegram channel jechoota_gamnaa — JECHOOTA GAMNAA ✪
Channel address: @jechoota_gamnaa
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 11.43K
Description from channel

Channel kenyaa #join godhaa Jechoota psychology ykn Xinsammuu fayyadan irraa argachuu dandeessaa.
☞︎︎︎ Xinsammuu(psychology )
☞︎︎︎Jechoota Hayyoota
☞︎︎︎Gorsa BEEKTOTAA fi Gorsa JIREENYA
Yaada yoo qabattee : @maalmallisa21

Ratings & Reviews

3.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 9

2022-02-08 20:11:52
@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
507 viewsMAAL MALLIISAA, 17:11
Open / Comment
2022-02-07 20:09:48 Jireenya kee keessatti Yeeroo hundumaa sammuu moo'ataa qabaadhu.
Namoonni moo'ichaa namoota mul'ata qaban qofaa miti, raawwii mul'ata isaaniif kan isaan deeggaru sammuu moo'ataas qabu! Sammuu moo'ichaa qabaachuu yoo baatte, mul'ata kee fiixaan baafachuu hin dandeessu. Akka nama sheekkoo haasa'uutti mul'ata kee namootaaf seenessaa hafta malee, Tarkaanfii barbaachisu fudhattee galmaan ga'achuu hin dandeessu.
Hubadhu: sammuu moo'amaadhaan hojii moo'ichaa hojjechuu hin dandeessu. Dirree dorgommii kamuu seenuun mo'achuuf yaaluun gowwumaadha. Mo'achuu fi moo'amuun sammuu kee keessa jiru. Murteessaan filannoo keeti. Lachuu keessaa tokko filatta; akka filatte taatas.
Namoonni hedduun mul'ata gurguddaa qabu, sammuu moo'ichaa garuu hin qaban. Rakkoo xiqqoof mo'amu. Waan amanuu qaban dhiisanii waan amanuu hin qabne amanu. Bu'aan isaahoo? Kufaatii guddaadha.

Maddi Kitaaba Eebbisaa Baayisaa Daandii moo'atootaa jedhu irraa.

@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
544 viewsMAAL MALLIISAA, 17:09
Open / Comment
2022-02-06 20:48:09
@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
785 viewsMAAL MALLIISAA, 17:48
Open / Comment
2022-02-04 21:15:21 Nuti si'a baayee dandeetti namaa malee bilchina namaa ilaaluuf yeroo hin fudhannu. Dandeettiin bilchinni keessa hin jire immoo Isa tolche balleessa deema waan ta'eef hin amansiisu. Dandeettiin Dandeettii bu'aa buusuudha jedhamee abdatamuuf murteessaan bilchina. Yoom illee Dandeettii dhokataa keessa Kee jiru baastee namoottatti argisiisu kan ati qabduu bilchina Dandeettiin Kee horachaa adeemuu wajjin ta'uu qaba. Sababni isaa namoonni bilchina qaban hundumtuu dandeetti Kee qofaan osoo hin taane, bilchina Dandeettiin keetiitiinis si madaalu. Dhala namaa Isa ati beekaadha , Dandeettii guddaa qaba jettee waamtu miira isaatu akka inni ta'uu hin qabne Isa godhee argita. Namni dandeettiin isaa bilchina hin qabne miira aarii keessaa seennaan Isa yeroo baayyee tolche jechaa fi gocha tokkoon yeroo tokkitti balleessa. Hubatee waan hin ilaalleef Isa har'aa jaje osoo hin turin tuffateetu, Isa tuffatee turte moo osoo hin turin jaja. Sun hunduu bu'aa dandeettii dhabuu osoo hin taane, bu'aa bilchina dhabuuti.

@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
775 viewsMAAL MALLIISAA, 18:15
Open / Comment
2022-02-03 19:40:53
@jechoota_gamnaa
1.1K viewsMAAL MALLIISAA, 16:40
Open / Comment
2022-02-02 18:21:39 Kufaatiin yaaliirraa dhufa.

@jechoota_gamnaa
1.4K viewsMAAL MALLIISAA, 15:21
Open / Comment
2022-02-01 20:26:20
@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
1.6K viewsMAAL MALLIISAA, 17:26
Open / Comment
2022-01-31 19:26:58 Filannoonkee si to'achuu danda'a

Waan gootu tokko filannoo mataakeetiin gota,Garuu erga filattee gochaa Sana eegalteen booda waan sanatu sirratti mo'ee si to'ata.
Fakkeenyaaf:-Fiilmii nama gaddisiisu ykn nama gammachiisu ilaaluuf Kan murteessu si'idha,erga fiilmii sana ilaaluu eegalteen booda garuu fiilmii sanatu si murteessa jechuudha....kana jechuun miirakee hunda to'atee gara waa'eesaa yaaduufi isa hordofuutti si deebisaa jechuudha.
~Akkasumalleen jireenya siif ta'uufi hajii/dalagaa siif ta'u murteessuu kan danda'u si'ii waan ta'eef murteessitee utuu to'annaa waan sanaa jala hin galiin filannookee sirreessi.

Filannoo hin badiinaa

@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
1.8K viewsMAAL MALLIISAA, 16:26
Open / Comment
2022-01-30 21:30:02
@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
1.9K viewsMAAL MALLIISAA, 18:30
Open / Comment
2022-01-30 16:05:27
2.0K viewsMAAL MALLIISAA, 13:05
Open / Comment