Get Mystery Box with random crypto!

ancient history of oromoo and oromia

Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia A
Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia
Channel address: @etbisahusen
Categories: Telegram
Language: English
Country: Not set
Subscribers: 1.52K
Description from channel

YouTube kenya
https://youtu.be/eq2eWxR8t-w
Facebook kenya
https://www.facebook.com/ebisaahusen/

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 11

2021-10-15 04:13:15 hiikaa qur'aana
241 views22916, 01:13
Open / Comment
2021-10-14 21:24:31 Kutaa…………………1ffaa
Seenaa barreefama afaan oromootiifi shoora dr. Sheek mahammad rashaad
By Yinebeb Nigatu -and
(Dr. Abdulsemed Mohammed)
Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenymmaatiisi. Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqnnamtii tahuu isaa haafuulleeyfannu. Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha. Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan tajaajiluu dandaya. Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan gargaaramanii walitti dubbatanii ykn haasawanii hariiroo walhubantiidhaan xumuramtu qabaachuudha. Haaluma kanaan qubee walitti diranii waan katabbii jennuuniin wal qunnamtii akkasii qabaachuun hindandayama. Afaan kamuu karaalee lameen himaman kanaan hawaasa isaa akka tajaajilu shakkiin hinjirtu. Garuu, ar’allee afaannan baay’eetu sadarkaa dubbii qofatti hornagamee hafee jira. Kanneen gara katabbiititti dhawaataan tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti. Afaannan sadarkaa afaan dubbii qofatti bara dheeraa turan keessaa, tokko, Afaan Oromooti. Ragaalee qabnurraa akka hubannutti afaan Oromootiin katabuun erga eegalame hinturre: umriidhaan yoo himne bardhibbee lamaafi cinaa qofa. Qabsoo garasiin godhamte dheertuudha; gufuuleen mudatees baay’eedha.
Akeekni barruu tanaa seenaa barreeffama afaan Oromoo bifa gabaabaadhaan dhiheessuudha. Afaan tokko afaan katabbii tahe jechuun mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran bakka bu’an moggaafatee sirnaan walfaana tarree galchee barruu dhaamsa ittiin dabarfatu ittiin tolchuun dandayame jechuudha.
Mallattooleen afaan tokko ittiin katabuuf mogaafaman waliigalatti QUBEE jennaan. Qubeen afaan tokkoo mallattoolee sagaleelee afaan sun keessa jiran guututti bakka bu’an of keessaa qabaachuu qabdi. Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo sagaleelee SODDOMA qaba; soddomman kanarraahi ijaarama jechuudha. Qubeen afaan tokkoof moggaafamtu tan sagaleelee afaan sunii sirriitti bakka buutee laaftutti ittiin barreessuu nama dandeessiftu tahuu qabdi.
Gara akeeka barruu tanaatti ceehuu dura, ifaajee Afaan Oromootiin barreessuuf godhamte ilaalla. Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya keessatti bara sheekoota Aanniyyi fi Daanniyyi keessa katabame. Kitaabban sun kitaabban manzumaati. Faaruu Rabbiitiifi kan ergamaa Isaati of keessaa qaban jechuudha. Kitaabban sun qalama dibeetaan tuqachaati harkaan barreeffaman. (qalamni gaafasii gobeensa fiinxi qaraa jechuudha). Qubeen ittiin barreeffamaniis qubee Arabaati. Qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina, laafinaafi jabeenya sagalee mul’isan qajeellotti qabdi. Sababa kanaafis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu beeku Qubee Afaan Oromoo dafeeti barata; katabuufi dubbisuus laaftutti qomatti galfata. Qubeen Arabaa tuni immoo, Afaan Oromootiif hanquudha. mallattoolee sagaleelee afaan Oromoo baay’inaan 6 (jaha) tahan bakka bu’an of keessaa hinqabdu. Isaanis: c, ch, dh, g, ny, ph [q x ?] hinqabdu jechuudha. Isaan kanaaf mallattoolee jiranirratti waa dabalanii mallattoo hahhaaraya itti tolchuun hindandayama. Meeshaalee katabbii afaan Arabaatiif tolfamaniin afaan Oromoo katabuun ykn maxxansuun hindandayamu. haatahu jennee yoo itti seennelle waan baay’ee feesisa: meeshaalee barruutiifi kan mana maxxansaa bifa haarayaan qoranii tolchuu, maallaqa guddaa dhimma kanaaf barbaachisuus diinnagdee biyyaa agabsanii garasitti ramaduu, hundaa’ol immoo mootummaa dhimma kana akka dantaa ofiititti fudhattee hojiirra oolchuuf qaamaa qalbiidhaan sossootu aangoorra jiraachuun dirqama taha. Kanaafuu ifaajeen garasiin godhamaa turte hundi hawwii milkiidhaan wal hingarre taateeti hafte.
1.8K views22916, 18:24
Open / Comment
2021-10-13 19:08:27
113 views000, 16:08
Open / Comment
2021-10-12 23:43:47 namnii nagargaaruu dandesan yojiraate
148 views22916, 20:43
Open / Comment
2021-10-12 23:43:12
146 views22916, 20:43
Open / Comment
2021-10-12 23:42:25 facebook account kiya najalaa hack gondhanii jiruu
131 views22916, 20:42
Open / Comment
2021-10-10 18:35:28 Warri Biriitenis Abdiisaa ajajaa Pooilisii Waraan Biriitish go
95 views000, 15:35
Open / Comment
2021-10-10 18:35:28 Koloneel Abdiisaa Aagaa Oromiyaa, Wallagga kessatti dhalate. Abdiisan waraana Itoophiyaan Xaaliyaanii waliin geggessiteraati gootummaa guddaa agarsiisen ummata biratti beekkama.

Seenaa Isaa

Ijoollummaa fi Waraana Galuu

Koloneel Abdiisaa Aagaa Oromiyaa Dhihaa,Wallagga Dhihaa,Najjotti bara1919 kessatti dhalate. Bara 1925tti mana barumsaa Abbaa Gabra-Maaram seenee afaan Amaariffaa dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu barate. Bara 1927, mana barumsa misiyoonii Najjoo seenee Afaan Ingiliffaa barate.

Yeroo umuriinsaa 12, Abbaan Abdiisaa obboleessa isaa ajjeessee mana hidhaa gale. Abdiisan kana ol iyyatee abbaasaa gadi lakkisiisuf gara Finfinnee yoo deemeyyuu, abbaansaa dhumaratti murtii du'aatin ajjeefame. Kanaan gaddee fi aaree, Abdiisan umurii 14tti Waraana Itoophiyaatti dabalame. Bara 1932, Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenee waraana barachuun ajaja-kudhanii ta'uun eebbifame. Yeroo waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa qabatu Abdiisanis waraana kanarrati loltuu ta'ee hirmaatee ture. Hiryootasaa wajjini diina Wallagga qabate buqqisuuf gara Wallaggaa deeme. Boodarras hiriyootasaa du'arraa hafan 30 wajjin booji'amee jalqaba Jimmatti hidhame. Hiriyootasaa wajjin ji'a tokko booda Jimmarraa gara Finfinneetti dabarfamanii ji'a lama hidhman. Ji'a lama boodas mana hidhaatii gadi lakkifaman. Bara 1936, Giraaziyaanitti boombin darbatamee waan madaayef, Abdiisaan namoota 42 wajjin qabamee karaa Mitsiwwaatin gara Moqaadishoo geeffamuun achitti hidhaman. Namoota Abdiisaa wajjin Hoolotatti baratan keessa nama 18 erga ajjeesanii booda, namoota 30 hafan Xaaliyaanii geessanii mana hidhaa kuusaa odola Sisilii keessatti aragamutti hidhame. Achitti Kapiteen Juuliyoo, goota Yugozilaavin wal bare.

Mana hidhaattis Abdiisaa fi Kapiteen Juuliyoon michuu ta'an. Waliinis mana hidhaa keessaa badanii miliqan; isaan wajjin hidhamtoota 10 ol ta'an fudhatanii bahanii bosonalatti galan. Guyyaa muraasa booda mana hidhaa sanatti geggeessummaa Abdiisatiin alkan deebi'an; Abdiisaa Xaaliyaanonni hedduu soodaatu turan. Abdiisan eegdota mana hidhaa sanaa hudhee ajjeese. Itti aansun Juuliyoo wajjin uffata eegdota mana hidhaa sanaa fudhatanii uffatan. Meeshaa waraana eegdota sanaas qabatanii eegduu mana hidhaa sanaa fakkaachun karrarraa dhaabbachuu jalqaban. Abdiisaa fi Juuliyoon buufata sana keessa seenun hidhamtoota hunda gadi lakiisan, qondaaltota Xaaliyaanii buuftana sana keessa jiraniin wal waraananii meeshaa isaanii fi rasaasa saamanii, konkoolattota meeshaa waraanaa fe'an booji'anii gara bosonaatti deebi'an.

Abdiisaanfaa haaluma kanaan loluun hidhamtoota baasuu, baankii, mana kuusaa mootummaa fi buufata kuusaa saamuu itti fufan. Kanaanis lakkoofsi garee isaa guddatee waraana ta'e. Mootummaan Faashistii Xaaliyaanis waraana isaanirratti bane. Gareen kunis Abdiisaa geggeessa isaa godhachun filatee sadarkaa meejerii isaaf keenne. Xaaliyaanonniis Abdiisaa baayyee sodaatu turan. Sodaa kantti fayyadamuun saamtonni Xaaliyaanii fuula isaanii gurraacha dibanii Abdiisaa fakkaachun baankii fi manneen namaa saamu jalqaban. Abdiisaanis jarreen hojii hamaa kanaan maqaa isaa xureessan kana qabee ajjeessa ture. Mootummaan Xaaliyaanii Abdiisaa qabuuf yaalii guddaa gochaa ture garu hin dandeenye. Kun ta'u didnaan, Abdiisaa aangoo guddaa sii kennina jechuun garee isaanitti akka dabalmu gochuuf yaalan. Abdiisan garuu kana hin fudhanne.

Boodarra Waraannii Addunyaa Lammaffaan jalqabame. Humni Allaayidii Biriiten , USA, Firaansi , fi Raashiyaan meejer Abdiisaa, kaapiteen Juuliyoo fi garee isaanitiif beekkamti kennuun meeshaa waraanaa fi gargaarsa kan biraa dhiyeessufii jalqaban. Meejer Abdiisan waraana paartisaanotaa kan addunyaa kan Ameerikaanota, Faransaayota, Ingilishoota, fi Itoophiyaanota of keessaa qabu akka geeggeessuuf filatame. Kaapiteen Juuliyoon ammoo paartisaanota Yugosilaav akka geggeessuuf filatame. Haala kanaa paartisaanonni, duraan baayyen isaanii hidhamtoota kan turan, Xaaliyaanii dadhabsiisun kufaatii isaanitiif karaa banan. Meejer Abdiisan goota waraana Addunyaa lammaffaarratti magaalaa Room booji'edha.
858 views000, 15:35
Open / Comment
2021-10-10 00:01:10
20 views22916, 21:01
Open / Comment