Get Mystery Box with random crypto!

ancient history of oromoo and oromia

Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia A
Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia
Channel address: @etbisahusen
Categories: Telegram
Language: English
Country: Not set
Subscribers: 1.52K
Description from channel

YouTube kenya
https://youtu.be/eq2eWxR8t-w
Facebook kenya
https://www.facebook.com/ebisaahusen/

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 35

2021-03-29 19:50:21 Seenaa Oromoo Kaaba Ityoophiyaa fi Akkoo Manooyyee/ Guddittii Gadi'aa Falasaa giiftii Oromoo
----------------------------------------------------
Seenaan Guddittti dheeradha. Akkoo manoyyee kan jedhamtu ishiidha. Oromoon abbaa irree jedheet ishii waama. Habashaan Yoodiit Gudiiti abbaa iree wareertuu jedheet hamma yoonaa ishii abaara. Seenaan Adunyaa leenca Giiftii Afrikaa jedheet waama.

Gosinni ishii Azaboo dha. Azaboon Asaboo ykn Ashaboo irraa dhufe. Jaarraa 9 keessa uummataa ijaartee waraana qopheesitee mootummaa Aksuma waraatee barbadeesitee angoo qabatteet waggaa 40 kaaba Itophiyaa Habashaafii Oromoo bulchite. Eega ishiin duutee motummaan hiddaZ-aguwee angoo ishii dhaaleet waggaa 333 kaaba Itophiyaa Oromoofi Habashaa bulchaa ture. Maqaan Zaguwee Z-Agaw yknZ-Hagahu irraa dhufe. Hagahu jechuun "haagahu" jechudha. Hagahu gosa Oromooti. Hortee kushi jedhameet waamama.

Mootummaan Za-agwee waggaa 333 keessa nugusoota 11 qaba. Maggalli isaanii Rohaa jedhama. Roohaan "Eddeessaa"tti jijjirame. Habashaan "Adeefaa" jedha. Booda "laalibalaa" tti jijjiirame. Laalibalaa jechuun "balaa ilaali" jechudha. Zaguween Taabota baayee ijaareet amantaa orthodoxii babaldhisaa ture. Taabota Laalibalaa dhagaa tokko irraa soqisee kan ijaare nugusa Oromoo Laaliibaladha.

Abbaa amanttii orthodoxii Oromoo dha. Oromoon Nubiyaa ykn Tigraayiif Eertraa keesa jiraatatan kiristinna kan fudhatan waggaa 40-78 AD keessa bara Giifttiin Oromoo Gandakee Gorsamee Guddichaa biyya bulchaa turtedha . Taabota hangafa Itophiyaa Tesyoon Maariyaam kan ijaare Gorsameedha. Habashaan Oromoo booda bara Ezanaa waggaa 493 amanttii kiristaana fudhate. 300 keesa fudhatan inni jedhamu soba. Ragaa በእትዮጵያ የተደበቀ አፓርታይድ ደራሲ ቡልቶ ሁበቺሣ ገጽ 573- 77

Akka seenaan ragaan bahutti amanttiin kiristaana handhuuraa (heritage) Oromooti. Amaara kan jedhamu durii calqabee 80% Oromoo afaan geizi fii amaariffa dubbatudha. Afaan Amaraa Geizi keessaa bahe. Amaariffi jaarraa 9 keessa afaan Agawu jehameet waamama. Ragaa

"Early Amharic, known as Agaw, emerged arroumd the ninth century as language of the agaw people." Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 14.

Oromoon Jaarraa 9 keessa siidaa akkoo manoyyee gubbaatti Amaariffan "አሸመ አዛቦ"jedheet barreesseera. Amariffaa fii Geizi kan Oromoo ta'uu baraa. Uummanni Amaara jedhamu 80% Oromooha. Jaraa 12 duraa kaasee Agawu Amaara dabalatee Oromoo kibba Goojjamiif kibba Shawaa amantii Kiristaana barsiisaa ture. Ragaa

"The Zagwe dynasty power came from its large army. Which helped it spread CHRISTIANITY in the Southern region of Gojjam and Shoa populations that included of Amhara received Christianity instructions. "

Source: Encyclopedia of Africa History and culture page 248

Akkoo manoyyee ( Guddittiini) hidda Agawu gosa Azabooti.

Akkoon maqaa kabajaati. Maqaan ishii Guddittii Gaadiaa falasaa jedhama Abasiiniyaan maqaa Guddiittii dhokisiteet Gudiit yoodiit jette.

Gudditiin Tigraayi magala "Kubar" jedhamutti giiftii taate. Maqaan sa'a abbaakoo "Kubar" jedhamti. Bakkeen mooraan warana ishii "Gooba dheeraa" jedhama. Tigraayi keessatti argama.

Masaraan Oromoo naannoo Aksumitti argamu "Sado " jedhama .Giiftiin Oromoo Makiddaa Agabaas karaa baha Aksum kiiloo meetira 15 bakkee dunguruu Adee Qilxuutti awwalamte.

Source Ethiopia the unknown land, page 244,293, 289 by Stuart Munro-Hay Guddittin uummataa abboomteet dhagaa hammaa tulluu dhedheeratu baadhaa fidaa siidaa awwaalaa koo dhaabaa jette.

Uummanni dhagaa gugurdaa argitan kana gammoojjii irraa baatee fideet siidaa 7 dhaabe. Giddiittin siidaa kana gidduu magala Akksum irraa karaa dhiyaa awalamte.

Oromoon Guddittii abbaa irree akkoo manoyyee jedheet waama.Tigraayi biyya Oromoo ture.

Maddi:Ancient history of ethiopia and another book
166 views000, 16:50
Open / Comment
2021-03-29 18:03:48 Wal dorgommii suuraa Fb irratti hirmaachun Oromiyaa beeksisaa.

https://www.facebook.com/groups/363696794894034/
176 views¥dnk Kachu, 15:03
Open / Comment
2021-03-29 16:06:01 #MinisteeraBarnoota

Qabxii olaanaan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa 669 ta'uun galmaa'e.


Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2012 fudhatan 702 qabxii 600 ol galmeessuun isaanii ibsameera.

Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa 2012 fudhatan walakkaan firii qormaaticha 350 ol galmeessaaniiru.

Firii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee Ejansiin Madaallii Barnootaa fi Qormaataa Biyyaalessaa ibsa laateera.

Ibsa guutuu

https://www.gadaamagazine.com/Recent-News/details/233/Qabxii-olaanaan-qormaata-biyyaalessaa-kutaa--
128 viewsRobI A, 13:06
Open / Comment
2021-03-28 21:13:17 Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.
43 viewsRobI A, 18:13
Open / Comment
2021-03-26 21:11:36
180 views000, 18:11
Open / Comment
2021-03-26 21:11:22 kan Suuraa isii kanaa gaditti
argaa jirtan Gootittii Oromoo
#Worqituu dha. Mootittiin
Worqituun Eenyu gaaffiin ja'u isin
keessatti buluun isaa waan oolu
miti. Worqituun Seenaa Oromoo
Wolloo keessatti bakka olaanaa fi
gulantaa jalqabaa irra gootummaa
isiitiin kan kaahamteedha. Du'a
Teewidiroos ilaalchisee wanti
Barreessitoota Habashaatiin
dhihaate Seenaa Sobaa fi
Gootummaa Oromtittii tana
awwaaluudhaaf hojjatame yoo ta'e
malee dhugooma kan qabu miti.
Teewidiroos bara 1868tti kan du'e
haleellaa Humni waraana mootittii
Worqituu irratti raawwateen malee
ofiin of hin ajjeesne. Yaa jamaa
kanaafuu, Teewidiroosiin kan
ajjeese Mootittii worqituudha
malee Humna waraana Ingiliiz ykn
kan biraas miti. sababiin Isiin
Teewidiroosiin akka ajjeeftuuf
daandii saaqe maal ture kan
ja'utti yoo ceene immoo Ilma
Worqituu kan ture Amadee Alii
walakkeessa bara 1860tti
Teewidiroosiin booji'amee waan
tureef duulli Worqituu kun ilma
isii baraaruudhaa fi
Olaantummaa Oromoon Kaaba
Itiyoophiyaatti qabu deebisuurratti
kan xiyyeeffate ture. kanaafis
ragaan walaloo Afoola Amaaraa
keessaa fudhatamte tana

'' Maqdalaa Afaaf Laay
cuhet Berekketee
Ye seetuwaan Anaawqim
Wend andi Sew Mootee,,,,(2x)
jedhuudha.
wolaloo tana keessatti
Bo'oo lama yoo fudhanne inni tokko '' Ye Seetuwaan Anaawqim"
kan ja'u yoo ta'u inni lammataa
immoo '' Wend Andi Sew Mootee''
kan ja'u taha. kana jechuun
immoo Maqdalatti kan wal
waraane Humna Dubartiidhaan
durfamuu fi kan dhiiraan durfamu
akka turee fi kunis dubbiin
Dhimma Worqituu fi Teewidiroos
irratti kan xiyyeeffatu ta'uusaati
Afoolli kun ragaa kan bahu.
walumaagaltti waraana 1868tti
naannawa maqdalatti taasifame
irratti Teewidiroos du'ee jira Kan
Ajjeestes Oromtittii gita hin qabne
worqituudha,,,,,,,,,xumurame,,,,,,,,
177 views000, 18:11
Open / Comment
2021-03-25 21:05:38 Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.
74 viewsRobI A, 18:05
Open / Comment
2021-03-25 20:32:21 Fiilmii Gababaa Afaan Oromoo ergaa jabduu qabdu tana ilaaluun wal biraan gahaa. Subscribe gochuun nu jajjabeessaa.



50 views¥dnk Kachu, 17:32
Open / Comment
2021-03-24 00:23:47
Tuulamni ilmaan sadii qaba: Daacci: ilmaan sadii qaba:Sooddoo,Konno&Galaan Bacho: ilman 6 Qaba Jiille: Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan Karrayyuufi…
227 views22916, 21:23
Open / Comment
2021-03-24 00:22:53 irraan kan ka’e addaan ciccitiin akka isa qunname seenan ni ibsa. Gahee hojii Caasaalee Gadaa Itti Makoo: jabbilee tiksuu, qae’eerra taphachuu. Foollen yoo Gadaarraa gamma fudhatu isaan jala deemanii aadaa sirna foollee baratu. Daa’imman waan ta’aniif itti gaafatamummaa baay’ee hin qaban. Dabballee: Loon bobbaasanii, borraaqanii taphatu, gosa ofii baru. Afoola adda addaa baratu. Foollee: Akka raayyaa waraanatti gadaa jalatti kan ajajamaniidha. Gadaaf ni ergamu, loon bade ni barbaadu, bishaan ni obaasu. Warra Gadaa akka abbaa isaanitti gargaarudha. Kanaaf Gadaan gaafa gadooma isaa gamma qopheessee laataaf. Qondaala: Sirna Bulchiinsa Gadaa shaakalu, waraanni biyyarratti yoo ka’e ni duulu, ni qotu, midhaan haamu… Raaba: Aangoo gadoomaa jala warra gahaniidha. Bakka gadaan hin jirretti bakka bu’anii ni tajaajilu. Doorii: Baallii Gadaa fudhachuu warra gahaniidha, alangee gadaa tolfatu, Odaa Nabeefi Caffee Tumaa ni godaanu, sirna Gadaa ni fudhatu. Seera biyya ittiin bulchan ni tumatu. Gadaa: Qaama bulchiinsaa isa olaanaadha. Hawaasummaa, diinagdee, siyaasa walitti qabee kan ummata bulchuudha. Yuba: Muuxannoo qabaniin warra aangoo Gadaarra jiran ni gargaaru, ni gorsu. Seera darbes ni himu. Gadamiijjii: ni sooramu. Gadaa Shanan Tuulamaa Dur Gadaan miseensa (paartii) sagal akka ture himama. Maqaaleen hanga har’aatti waamamanis kanuma mirkaneessa. Isaanis: Birmajii, Beelbaa, Halchiisa, Muudana, Roobalee, Horata, Duuloo, Biifole, Michilleefi Kiiloleedha. Haa ta’u malee marsaan Gadaa naanna’ee hanga dhufutti Gadaa abbaa ilmi waan dhaqqabuu dadhabeef Gadaa shanitti akka deebi’e/dacha’e himama. Garuu bara kam Gadaa shanitti akka deebi’e ragaa qabatamaan hin argamne. Gadaan sagal haa jedhamu malee 10ffaan Gadaan Kiilolee jedhamu maqaan ni jira. Kitaabni “Gadaa, Siyaasa Oromoo Tuulamaa” jedhu keessatti haaromsa Gadaa gaggeeffameen Gadaan saddeet irraa akka shanitti deebi’e haala kanaan ibsa. “Caffeen giddugala Tuulamaa osoo hin taa‟in waggoota 360 ykn gadaa 45‟f akka citeefi gumiin hin taa‟in himama. Cinna Gadaa bara dheeraa kana booda bara Abbaa Gadaa Namoo Dooyyoo gumiin guddaan kan miseensa Birmajii jila gaggeessen Gadaan haaromfame jedhama. Kana jechuun yeroo ammaa irraa duubatti yoo herreegame 2006 – 888 = 1118 A.D jaarraa 12ffaa keessa akka caffeen deebitee Odaa Nabee teesse tilmaama. Jijjiirama yeroo sanaa keessa marsaan Gadaa 8 ture shanitti deebi‟e. Miseensi sadeen duraa of danda’an sun akka miseensa biraatti dabalaman ta‟e.” Haa ta’u malee ragaa armaan olitti xuqame kan faallessu waraana yeroo adda addaa Oromoon lafa isaa kabachiisuuf mootota Habashaa wajjin gaggeessaa ture, Taabor Waamii kitaaba isaanii “Ye Wigganaa Dirsatoochinnaa Yetaarik Iwunataa”jedhu keessatti bara gaggeessummaa Gadaa isaanii haala kanaan kaa’e. 1. Gadaa Meelbaa (Beelbaa) …. 1522 – 1530 2. Gadaa Muudanaa …. ……….1530 – 1538 3. Gadaa Kiilolee ………………1538 – 1546 4. Gadaa Biifolee ………………1546 – 1554 5. Gadaa Michillee …………….1554 – 1562 6. Gadaa Harmuufaa …………..1562 – 1570 7. Gadaa Roobalee ……………..1570 – 1578 8. Gadaa Birmajii ………………1578 – 1586 9. Gadaa Mul’ataa ………………1586 – 1594 10. Gadaa Duuloo ………………..1594 – 1602 As keessatti Harmuufa jedhamee kan xuqame Gadaa Gujii keessatti argama. Yeroo ammaa Halchiisa irraa baallii fuudhuuf waggaa tokko kan isa hafuudha. Mullata kan jedhus ragaa yoon argachuu baadhellee Gadaa keessa waan jiru hin fakkaatu. Akka as irraa hubannutti Gadaan miseensa shanitti kan deebi’e bara 1602 booda fakkaata. Kun qorqnnoo gadi fagoo kan barbaadudha. Akka Gadaa Tuulamaatti Gadaan walitti deeb’e/ dacha’e kan armaan Gadiiti: Roobaleefi Biifolee walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Birmajiin akkuma jirutti jira; Beelbaafi Horatni walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Muudanniifi Michilleen walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an; Halchiisnifi Duuloon walitti dacha’uun Gadaa tokko ta’an. Walumatti Gadaa shan ta’u.
137 views22916, 21:22
Open / Comment