Get Mystery Box with random crypto!

ancient history of oromoo and oromia

Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia A
Logo of telegram channel etbisahusen — ancient history of oromoo and oromia
Channel address: @etbisahusen
Categories: Telegram
Language: English
Country: Not set
Subscribers: 1.52K
Description from channel

YouTube kenya
https://youtu.be/eq2eWxR8t-w
Facebook kenya
https://www.facebook.com/ebisaahusen/

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 36

2021-03-24 00:22:53 Tuulamni ilmaan sadii qaba:

Daacci: ilmaan sadii qaba:Sooddoo,Konno&Galaan

Bacho: ilman 6 Qaba

Jiille:

Tuulamaa Godinaalee Shawaa afran keessatti kan argamu ta’ee daangaan isaatis dhihaan Macca, Kibba dhihaan Jimma, Kaaban Laga Abbaayi, Bahaan Karrayyuufi Kara kibbaatin Arsiidhan kan daangeffamuudha. Lafa bal’aafi ummata bal’aa kan qabuudha.Teessoon mootummaa biyya kanaatis handhura Tuulamaa, Finfinneedha. Gadaa Tuulamaa kana hundee irraa balleessuuf moototiin Habashaa kanneen akka Saahila Sillaasee, Minilikfi Hayila Sillaasee waraana hedduu itti bobbaasanii ardaalee jilaa isaatis dhaabbata adda addaafi Bataskaana irratti ijaarudhaan mallattoo eenyummaa Oromoo, lafa maqaa Oromootin waamamanis ta’ee maqaa namaatis jijjiirudhaan aangoo isaanitti fayyadamuudhan waan barbaadan hunda irratti raawwatanii jiru. Gadaan Tuulamaa gochaa bara dheeraaf irratti gaggeeffame kanaan baduu hin dandeenye. Dhiibbaa sana hunda keessa darbee har’a of cimsee Abbootii Gadaa Oromoo mara waliin walitti dhufeenya isaa cimsatee jira. Jiddu galli teessoo isaa dur Odaa Nabee ta’ullee, haala teessuma ummatichaatiin Gadaan achi taa’ee hojjachuuf mijaawaa ta’ee hin argamne. Lafti isaa qote-bulaadhan qabamee jira. Kana malees har’a haala ammayyaa keessa jirru kanaan guddina Gadaan irra gahe bu’uura godhachuudhan gaa Gadaa Magaalaa Bishooftuu keessatti hundeeffate jira. Rakkoolee hawaas – diinagdee furuu keessattis waan guddaa hojjachaa jira. Walitti dhufeenya Abbootii Gadaa Oromootifis wiirtuu ta’ee jira. Galma Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo ta’uun isaa ummata biyya keessafi biyya alaa hunda kan gammachiisedha. Caasaa Gadaa Tuulamaa Caasaan kun ilmaan Tuulamaa Sadeen; Daacci, Bachoofi Jiille of keessaa kan qabuudha. Saglan Yaa’ii Gadaa Tuulamaas ilmaan Tuulamaa sadeen kana irraa ijaarama. Saglan Yaa’ii miseensa sagal kan qabu ta’ee hojii Gadaa hunda ol’aantummaafi giddugaleessummaan kan gaggeessudha. Seera Caffeen tumte hojiitti hiika, hojii diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa akkaataa duudhaa Oromootiin gaggeessa. Seera Gadaa irratti hundaa’ee hawaasa kan gaggeessufi kan tajaajiluudha. Baajataafi mindaa malee bilisaan hojjata. Matta’aa ykn gubboo hin fudhatu. Waadaa qumbii eega. Waadaa gale hin cabsu. Cabsu abaarree itti ta’a. Firaafi alagaa walqixxee ilaala. Kanaaf ummataan jaalatama. Ummata biratti fudhatama guddaa qaba. Gadaan Tuulamaa giddugaleessa isaa, kan Yaa’ii Saglaniin hogganamu, Magaalaa Bishooftuu godhatee caasaa isaa aanaalee 42 kan Tuulama keessatti argaman hunda keessatti caasaa mataa isaa qaba. Aanaalee kanneen hunda keessattuu bakka bu’oota Abbaa Gadaa kan ummataan walitti dhiyeenyaan hojjatan qaba. Bakka bu’oonni kunis aangoo giddugaleessarraa itti kennamu itti gaafatamummaan hojjatu. Kan humna isaanitii ol ta’e gara giddugaleessaatti ol dabarsu. Gabaasa hojii isaanis dhuma waggaa irratti ni dhiyeessu. Hojiin Gadaa Duudhaa Oromoo irratti waan hundaa’uuf Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba. Yeroo har’aa kanatti hawaasni bal’aan dhimma isaa kara mana murtiitiin dhaquurra gara Waajjira Gadaa Tuulamaa fidachuu filata. Gadaan Tuulamaa ummata biratti amanamummaa guddaa qaba. Gadaa kan jibbu yoo jiraate diina Oromoo qofaadha. Warra waan hunda numatu isinii beeka jedhuudha. Fudhatama nu dhabsiisa jedhanii warra sodaataniifi warra Oromoo jibbanii qabeenya Oromoo jaalataniidha. Garuu akka isaan jedhan osoo hin taane guddinni Gadaa biyya tana irra darbee addunyaafuu bu’aa guddaa qaba. Kanas ta’ee sana Gadaan Tuulamaa har’a cimee caasaa isaa dur dhiibbaa adda addaan jalaa laafee ture cimsachuu irratti argama. Gadaa Tuulamaa keeaassatti Itti Makoo irraa kaasee hanga Gadaamojjiitti kana fakkaata; Itti Makoo→ Dabballee→ Foollee→ Qondaala→ Raabaa→ Doorii→ Gadaa→ Yuba→ Yuba 2ffaa → Gadaamoojjii. Tuulama keessatti namni tokko erga Abbaa Gadaa ta’ee dabareen booda Gadaa gargaarudhaan, gorsuudhaan hojjata. Tuulama keessatti umrii caasaa Itti Makoo irraa kaasee jiru akka seenan ibsutti ijoollee waggaa 0 – 8 jiraniidha kan jedhu eegamaa miti. Tartiibni umrii eeggamaa miti. Sababni isaas akkuma olitti xuqame sirni Gadaa Tuulamaa baay’ee
123 views22916, 21:22
Open / Comment
2021-03-23 15:57:43 #BeeksisaaChanaalaa

Odeeffannoo dhugaa fi qabatamaa ta'ee Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa telegiramaa GADAA MAGAZINE itti dabalamaa, maatii Gadaa ta'a.

JOIN: https://t.me/GADAAMAGAZINE

Yaada fi ergaa qabdan akkasumas waan isinitti dhaga'amus karaa chanaaliichan waliif qooda.

Qunnamuuf @gadaamagazineBOT fayyadamaa.
154 viewsRobI A, 12:57
Open / Comment
2021-03-22 21:58:37
Biyyi Afran Walisoo lookoo sagal qaba. Gosni Caboo ENYUU? DUBISSAA MEE! DABALATAANIS KAN AFEEFI WAAN BEEKITANI NUUF SHARE GODHAA! Miseensota mandhee tanaa, hunda keessaniif durseen nagaa fi nageenya hawwa! seeneen wanna tokko tokko ibsuuf yaala. Mootichi Oromoo…
68 views000, 18:58
Open / Comment
2021-03-22 21:58:12 abamuun dhayii (oddoo – “garden”), biyya Caboo Markaatoo Shaggar mitii Piyaassaa durii yookaan Boolee harraa isa fakkeessa. “Gosoolii Oromoo keessaa kan sirriitti waliigalu, kan sirriitti waldhagawu fidaa”, yoo jedhame Caboon Booranaa fi Gujiillee dursee argamuun isaa hin oolu. Naannoon Caboo gobbina uummataatiin-llee jechuun nama iskuweer-meetira tokko irra qubateenis, Oromiyaa keessaa tokkoffaa tahuun isaa waan hin fane. Garuu, biyyattiin hedduu maddee (xiqqashoo) tan taate. Hammuma barruu kiyyaa geessi yoon jedhe, ijoolleen Caboo hollataa, unkuroo warqee fi asheeta dammaa waan na dhoowwatan natti hin fakkaatu. Fakkeenyaaf, Biyyi Afran Walisoo lookoo sagal qaba. Otoo Habashoonni Oromiyaa hin qabatin, yaa’ii gosa guddaa fi damee gosaa malees, yaa’ii Oromootu ture. Gadaa Oromoo jechaa dha. Gadaan immoo gubbaa irraa jalqabeeti hamma gosaatti jira. Kana keessatti biyyi abbaan duulaa inni yaa’iin filamee waggaalee saddeet bulchu, “lookoo” jedhama ture.
Ittii fufaa
79 views000, 18:58
Open / Comment
2021-03-22 21:58:12 Biyyi Afran Walisoo lookoo sagal qaba.
Gosni Caboo ENYUU?
DUBISSAA MEE! DABALATAANIS KAN AFEEFI WAAN BEEKITANI NUUF SHARE GODHAA!
Miseensota mandhee tanaa, hunda keessaniif durseen nagaa fi nageenya hawwa!
seeneen wanna tokko tokko ibsuuf yaala. Mootichi Oromoo Walloo sun, Mikaa’el erga dirree Duula Sagaleetti waraana Amaartota Shawaa, kan maqaa Abasiiniyaatiin of-waaman saniin boojiyamee booda, gara mana hidhaatti ergame. Kubeen ( kuusaa beekumsaa – “encyclopedia”) “Wikipedia” akka nuuf ibsetti: “Mikael was captured and put under the supervision of Fitawrari (“Commander of the Vanguard”) Habte Giyorgis, who confined on an island in Lake Chabo in Gurageland.”) , jedha. Eenyummaa Fitaraarii Habte- Goorgis kanatti booda deebinaa, mee amma waayee bakka mootichi Walloo itti-hidhame kanaa waa haa qulqulleeffannu! Achumaan waan hedduu seenaa Oromoo naannoo kanaa, irratti waa jedhamaatii:
Dursee “in Lake Chabo in Gurageland.”, jedhame kun dubbii sobaati. Harri Caboo jedhamu, Biyya Guraagee keessatti ibsaanuu yoo barbaadame kan argamuu miti. Harri Caboo Biyyaa Oromoo keessattis, Biyya Amaaraa keessattis, addunyaa tana keessattis gonkumaa kan argamuu miti. Harri Caboo kan Biyya Guraagee keessaa jedhame kun, sammuu warra barreeffata kana bacancaree keessatti bacancaramee kan argamu duwwaa dha. Mee silaa barreeffamni kun waan “Caboo” jedhamu kaasee jiraa, isa irraa ka’uun harawwan (“lakes”) naannoo Caboo-tti dhiyaachuun argamanii haa barbaannu. Dursee Caboon kun maqaa gosa Oromoo kan Caboo jedhamuu fi biyya gosni Caboo kun irra qubate, tahuu isaa haa qalbeeffannu.
Gosni Caboo gosoolii Oromoo kan Sadan Liiban jedhamaniin karaa hundaan daangeffameetoo argama. Sadan Liiban jechaan ilmaan Liiban Maccaati. Liiban ijoollee Maccaa kanneen Shanan Maccaa jedhaman keessaa isa angafa. Liiban kun ilmaan sadii: Ammayya, Walisoo fi Kuttaaye hore. Ammayyi immoo ilmaan jaha waan horeef, Ja’an Ammayyaa, Waliso waan ilmaan afur waan horeef Arfan Walisoo, Kuttaaye ilmaan torba waan horeef Torban Kuttaayee jedhamanii beekamu.
Erga ijoolleen Raayyaa Walaabuu Odaa lamaan, jechuun: Tuulamni fi Macci walitti booyaa nagaan addaan bayanii, Macci naannoo Odaa Nabee irraa ka’uun, Korma Araaraa san ordofee gara baha biiftuutti qajeeluun dursee, naannoo amma Macca jedhamuu, jechuun naannoo magaalaa Giincii qubate. Naannoo mataa Laga Awaash (naannoo lagni kun irraa ka’u) jechaa dha. Achi irraa ka’uun Macci babaldhatee lafa hin qabatamne qabachaa, karaa lixaatiin Beegii fi Muggii irraan dabree hamma daangaa Sudaanitti, karaa kabaatiin hamma Goojjam (“biyya goojamaa”) walakkaatti, karaa kibbaatiin hamma Laga Gojobitti qubate. Akka aadaa Oromootti ilmi angafni qeyee abbaa fi naannoo sanitti hafa. Qixisuun immoo dabreeti, laga ceyeeti biyya hin qabatamne, dachee adiyyoo taate irra qubata. Kanaaf, ilmaan Maccaa keessaa angaftichi jechuun Liiban naannoo-dhuma obboleessa Maccaa, naannoo Tuulamaatti hafe. Egaayyis, harra Macca hundumaa keessaa Sadan Liiban kun, ilmaan Sadeen Tuulamaa keessaa: Sooddo, Bacho, Ada’a Bargaa fi Ada’a Waayyuu wajjin wal-daangessa.
Biyyi Sadan Liiban kun Laga Abbayaa irraa hamma daangaa Biyya Guraageetti, magaalaa Barooddoo ishii Olonkomii fi Giincii jidduu jirtuu irraa hamma lagattii fi magaalaattii Baabbichaa kan naannoo Geedoo fi hamma Tulluu Jibaatitti argama. Bakka dur yaa’iin Sadan Liiban haramee bayuun itti walgawu, kana irraa ka’een kan Haroo Hara Liiban jedhamuuyyu, kan amma Haroo Wancii jedhamu irra gara kaabaatti hamma Laga Abbayaatti kan qubate Torban Kuttaayee-ti. Karaa kibba-lixaatiin Ammayyatu qubate. Karaa bahaa fi kibbaatiin Afran Walisootu qubate. Lafa hedduu xiqqoo takka irra Haroo Hara Liiban kana irraa, karaa kibbaatiin gosni Oromoo kan Caboo jedhamu qubatee argama.
Caboon karaa kaabatiin Torban Kuttaayeetiin, karaa lixaatiin Jahan Ammayyaatiin, karaa bahaa fi kibbaatiin immoo Afran Walisootiin daangeffama. Lafti xiqqoon Biyya Caboo jedhamtu tun, kan uummataan gobbuu taate. Qeeyeen Caboo inni walitti maxxanee jiru, baadiyaa mitii magaalaa isa fakkeessa. Sanitti dabalee qulqullinni qeeyee, qulqullinni uffataa, bareedinaan
64 views000, 18:58
Open / Comment
2021-03-22 19:43:49 Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.
93 viewsRobI A, 16:43
Open / Comment
2021-03-22 19:06:55 Wal dorgommii suuraa Fb irratti hirmaachun Oromiyaa beeksisaa.

https://www.facebook.com/groups/363696794894034/
100 views¥dnk Kachu, 16:06
Open / Comment
2021-03-20 20:35:21
kan sabaaf dhabatanii
60 views000, 17:35
Open / Comment
2021-03-19 20:12:28 Filmii Afaan Oromoo "Silent movie" haaraa Halkan Tokko Tokko jedhu kana daawwadhaa Subscribe gochuu hin dagatinaa.



55 views¥dnk Kachu, 17:12
Open / Comment
2021-03-18 22:09:58 Odeeffannoo dhugaa Afaan Oromoon argachuuf chanaalaa armaan gadii #cuqasuun itti dabalamaa.
124 viewsRobI A, 19:09
Open / Comment