🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Getu Official

Logo of telegram channel getu_official — Getu Official G
Logo of telegram channel getu_official — Getu Official
Channel address: @getu_official
Categories: Psychology
Language: English
Subscribers: 3.93K
Description from channel

WE ARE HERE
to love!
to serve!
to inspire!
to support!
to live truth!
https://www.youtube.com/@Grace_Media24
✍️ @Getpostbot
✍ @Getu_Abera

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


The latest Messages 9

2021-07-05 13:47:16Online Jirtaa? Yoo akkas ta'e fayyina kana fudhadhu! Ani siifan kadhadha hafuurri qulqulluun Waaqayyoo jireenya kee keessaa wantoota akka ati yeroo kee Waaqa wajjiniin hin dabarsine si godhu!

➧ Guddummaa Waaqayyo jireenya kee irratti mul'isuu dhoorku si keessaa akka buqqisee baasu kadhadheera. Maqaa Yesusin ajajeera akka si gadhiisuuf! Hafuurri qulqulluun si keessa akka buufatu kadhadheera.
Ameen!

sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
16 viewsGetbot, 10:47
Open / Comment
2021-07-05 13:45:41
➧ Fayyina kana fudhadhu! Siifan kadhadha hafuurri qulqulluun Waaqayyoo jireenya kee keessaa wantoota akka ati yeroo kee Waaqa wajjin hin dabarsine godhan si keessaa haa baasuu!

@Getu_Official
17 viewsGetu Abera✟, 10:45
Open / Comment
2021-07-04 22:30:20 #Maazar_Terezaa_Afrikaa, Dr. Abbabach Goobanaa (1928-2013)

➱ Kan dhalatanii guddatan Godina Shawaa Kaabaa naannoo Salaalee bakka Shabal jedhamtutti bara ALA 1935 kan dhalatan yommuu ta'u, abbaan isaanii waraana yeroo Xaaliyaaniin ajjeefamuu himama.

➱ Aadde Ababach hojii daa'ima guddisuu kan eegalan xabalaaf gara Kaaba Itoophiyaa imalanii yoo deebi'an hongee yeroos tureen mucaa haati jalaa duutee harma hootu erga arganii boodadha.

➱ Akka seenaan jireenyaa isaanii agarsiisutti maatiin ijoollummaa isaanii ganna 10tti fedhii malee erga heerumsiisanii booda, gaa'ela dhiisuun gara magaalaa Finfinneetti baqatan.

➱ Haati ijoollee isaanii hedduun maqaa masoo 'Iddaayyee' jedhamuun waamaman kun, hojiin har'a akkaan maqaa itti horatan kun kan madde amantaa isaaniirraati jedhama.

➱ ALA baroota 1980'ta keessa biyya Itoophiyaatti hongeen hammaatee, keessattuu naannoo Wallootti wayita namni hedduun beelaan wayita dhumaa turetti, haati kun bataskaana Gishan Maariyaam jedhamutti kadhannaaf imalan.

Wayita achii deebi'anittis daa'ima haalaan miidhamtee fi haadha duute cinaa turte arguun bira darbuu hin dandeenye - kaasanii dhoksaan baatanii gara manaa fidan.

➱ Boodarras daa'ima tokko biraa itti ida'uun, maatiin Abbabach akkasiin guddachuun, waggaa tokko keessa daa'imman 21 ga'an.

➱ Hojiin akkasiin eegalame kun barkurnee afuriif itti fufuun, daa'immanii fi qaamolee hawaasaa saaxilamoodha jedhaman kumaatama hedduuf qarqaarsa gochuu AGOHELMA'n ni ibsa.

➱ Dhaabni isaan wayita sanatti hundeessan Itoophiyaa keessatti bakka da'oo/guddifachaa daa'imman abbaa fi haadha hin qabnee yookin yatiima isaan jalqabaa keessatti jedhama.

➱ Hojii tola ooltummaa isaanii kanaaf Abbabach Goobanaa Yunivarsiitii Jimmaa irraa doktireetii kabajaa kan argatan yommuu ta'u, waggoota keessatti badhaasota hedduus biyya keessaa fi alaa irraa argataniiru.

➱ Wayita Dr. kabajaa kennuuf Yunivarsiitiin Jimmaa ''Abbabach Goobanaa ijoollee ofii isaanii dahan qabaachuu haa baataniyyuu malee, maatii kumaatamatti lakkaa'amu qabu,'' jedheera.

➱ Waggoota 40 dura daa'imman muraasa hongeen miidhaman gargaaruun hojii kan eegale waldaan kun, waajjira muummee isaa Finfinneetti argamu dabalatee iddoowwan garagaraatti hojii qarqaarsaa hojjeta.

➱ Bulchiinsi magaalaa Finfinnees dhiyeenya kana Hospitaala Wal'aansa Dubartootaa fi Daa'immanii maqaa isaaniitiin moggaasee fi tajaajila gosa garaagaraa kennu eebbisiiseera.

➱ Aadde Abbaabach baatii tokko dura koronaavaayirasiidhaan qabamanii hospitaala Phaawuloos seenanii turan. Ergasii yaala argataa akka jiranii fi itti wayyaa'aa akka jiru gabaafamee ture.

Har'a ganama dhaabbanni isaan hundeessan akka beeksisetti 'harmee kumaatamtootaa' jedhamuun kan beekaman Aadde Abbaabach ganama kana du'aan boqotaniiru.

(Madda: BBC Afaan Oromoo)

#Isaan nama guddaa akeeka guddaaf dhalatanii, akeeka sanammoo jiraatanii darbaniidha. Nuutis bara keenyatti kaayoo addaa uumamneef jiraannee akka darbinu WAAQAYYO nu haa gargaaru!

@Getu_Official
@Getu_Official
373 viewsGetu Abera✟, 19:30
Open / Comment
2021-07-02 18:35:24 Follow service with supportive picture on Facebook:
.
https://m.facebook.com/geetuu.abarraa.5
520 viewsGetu Abera✟, edited  15:35
Open / Comment
2021-06-30 16:43:51 Jireenya keetiif yoo yaadde eeggannoodhaan jiraadhu!
Dirqama kee bahachaa, mirga keetiin jiraadhu! Dursa daandii si baaftu gaarummaa ishee xiinxalii ilaali! Itti seente taanan karaan ittiin keessaa baatu jiraachuu dhabuu mala. Yookiin immoo gatii guddaa si baasisa. Jireenya ofiitiin taphachuu akka hin taaneef, murteessii wanta gochuun sirraa eegamu hundumaa godhi! Akeekkadhu! Namni biraa jireenya mataa keetii siif jiraachuu hin danda'u. Mataa keetti amanii waan gaarummaa siif qabu filadhu! Gorsi namaa hamma fedhe yoo si gargaare illee waan siif ta'uu fi karaa si baasu eenyuma caalaa situ beeka; situ ofharkaa qabas.

1. Amantii kee eeggadhuu jiraadhu:- Wanti hunduma caalaa iddoo kennituuf maali laata?
Gadda keessatti gammachuu, kophummaa kee keessatti siif jira kan jedhu, iddoo namni siif birmatu dhabamutti, amantiidhaan gara uumaa keetti iyyattee jajjabeessaa kee waliin haasofta. Kanaaf amantii kee eegi! Jabeessii qabadhu!

Ammas dhuma irratti wantin siif barreessee xumuruu barbaadu yoo jiraate, filannoo kee si qofatu beeka, namni hiree kee siif murteessuu hin danda'u. Ofiin mari'adhuu dandeettii fi yaada, karoora kees itti dabalii galmeeffadhuu adeemsa jalqabi! Milkaa'inni komii hin qabne inni si qofaan mul'achuu danda'u harka kee keessa.
Eebbifamaa #share


@Getu_Official
@Getu_Official
231 viewsGetu Abera✟, 13:43
Open / Comment
2021-06-29 11:25:56 Seenaa Oromoo, aadaa saba guddaa bifa miidhakfameen argattu.
Kitaabilee (Seenaalee) Walaloo, qoosaa (meme) hiika qabaniif koottaa nooraa.

JOIN ALL CHANNEL HERE!
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███
███▓▒►JOIN ►▒▓███

❏ Enjoy & Stay Connected!
155 viewsGetu Abera✟, 08:25
Open / Comment
2021-06-29 08:50:34 Barnoota barachuun marzii jireenya namaa jeequ irraa nama oolcha. Sammuu qaroomsa. Summiin jireenya namaa balleessu barnoota dhabuu fi jireenya ofii gatii maleetti lakkaa'uu irraa madda. Yeroo keetti fayyadami! Dubbisi yookiin ogeessa irraa bari! Yeroo tokko tokko sammuu ofii boqochiisuuf gara dirree deemuun uumama waaqni uume daawwachuun haaromsa sammuuf iddoo guddaa qaba. Ilmi namaa nyaata qofaan hin jiraatu yaada qajeelaa fi akka sagalee Waaqayyootti jiraachuudhaan malee.


@Getu_Official
@Getu_Official
391 viewsGetu Abera✟, 05:50
Open / Comment
2021-06-28 19:10:50 Dhokataa jireenya namaa, iccitii gola sammuu, miidhama namaa hundumaa kan namaaf hubatu, Yesus qofadha. Lubbuun kee isatti yoo maxxante bara baraaf gabiitti jiraatti. Lafa kana irratti wanti si yaaddessu, bu'aa bahiin jireenyaa dhukkubbii sammuu sitti ta'u hundinuu akkasumaanidha. Ati yaa isa Waaqayyotti hirkattee gammadi! Wanti inni siif yaade si quubsa. Obsaan eeggadhu waaqni kee si hin daganne.


@Getu_Official
@Getu_Official
570 viewsGetu Abera✟, 16:10
Open / Comment
2021-06-27 18:01:30 Watch "New_Oromo_Gospel_Song_by_Firaol_Mabiruk_Araara_Kee_2021" on YouTube


276 viewsGetu Abera✟, 15:01
Open / Comment
2021-06-26 19:53:49 Jιʀααттєє нαʀ'α Gαнυυ kєєтιιf Gαℓαтєєffαᴅнυ!

➦ Namoonni gaaffiin kuni gααffιι isinitti ta'e, kunooti itti dhihaadhaa! Нαиgα ᴅнυмααттι ᴅυввιѕαα!

Waaqayyoon galateeffachuun maaliif barbaachise?
Waaqayyoon kadhachuunis maaliif barbaachise?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➢ Kadhachuun jireenya ofii waaqayyotti kennachuudha.
— Fak. 16:3
➢ Waaqayyo jireenya kee keessatti akka qooda qabaatu affeeruu jechuu dha.
Far. 4:3 irratti "Garuu Waaqayyo warra kan isaa ta'an, addaan akka baafate beekaa! Waaqayyo yeroo ani isa waammadhutti anaaf in dhaga'a;"
— Far. 4:3

➢ Waaqayyo yoo kadhatte siif dhaga'a.
➢ Waan barbaadde yoo kadhatte siif kenna. Garuu jireenya kee keessatti gooftaa Yesus affeeruu fi garaa kee guutuu jaalachuun siif ta'a.

Yohaannis. 15:7 irratti
"Isin anatti qabattanii yoo jiraattan, dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, waan feetan in kadhattu, isiniif in ta'as."

Ermiyas 33:3 irratti: "Na kadhadhu! Anis siif nan dhaga'a; wanta guddaa ati qortee bira ga'uu hin dandeenye sitti nan hima."

➢ Waaqni lafaa fi samii uume yoo si gargaare malee jireenya hiika qabu jiraachuu hin dandeessu. Dhumni warra gooftaa Yesuus fayyisaa lubbuu isaanii godhatanii hin fudhannee ibidda bara baraati.

Obbolee koo sittan hima,
➢ Carraan waan hundumaa yoo si darbe illee Carraan mana Waaqayyoo keessa jiraachuu si hin darbin!

➢ Biyyi lafaa yeroodhumaaf nama gowwoomsiti! Beekumsi biyya lafaas ogummaa fi hubannaa waaqni namaaf kennu irra hin caalu!
"Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna. Karaa kee waaqayyotti kennadhu! Isa amanadhu!" (Far. 37:4-5) Inni kadhata kee siif dhaga'a.

"Waaqayyo gaarii waan ta'eef, gaarummaan isaas bara baraan waan jiraatuuf, isaaf galata galchaa!
— Far. 118:1

sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
323 viewsGetu Abera✟, 16:53
Open / Comment