🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Getu Official

Logo of telegram channel getu_official — Getu Official G
Logo of telegram channel getu_official — Getu Official
Channel address: @getu_official
Categories: Psychology
Language: English
Subscribers: 3.93K
Description from channel

WE ARE HERE
to love!
to serve!
to inspire!
to support!
to live truth!
https://www.youtube.com/@Grace_Media24
✍️ @Getpostbot
✍ @Getu_Abera

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


The latest Messages 15

2021-05-02 12:34:56 Ani KRISTOOS keessatti
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➛ ️Qajeelaa ta'eera!
➛ ️️Qulqullaa'eera!
➛ ️️Haareffameera!
➛ ️️Geeddarameera!
➛ ️️Jaallatameera!
➛ ️️Filatameera!
➛ ️️Jireenya argadheera!
➛ ️️Afaan Kristoos ta'eera
➛ ️️Ifatti baheera!
➛ ️️Dhaaltuu Mootummaa ta'eera!
➛ ️️Mucaa ta'eera!
➛ ️️Ayyaana argadheera!
➛ ️️Mirga abbaa taa'eera!
➛ ️️Lammii Waaqarraa ta'eera!
➛ ️️Guutuu ta'eera!
➛ ️️Fudhatama argadheera!
➛ ️️Obboleessasaa ta'eera!
➛ ️️Mana qulqullummaasaa ta'eera!
➛ ️️Eebbifameera!
➛ ️️Murtoo irraa bilisa ba'eera!
➛ ️️Aboo (aangoo) Mucummaa Argadheera!

■ KARAA KRISTOOS AYYAANA KANNEEN KANA HUNDAAN EEBBIFAMEERA!

JoinUsNow

sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
777 viewsGetu Abera✟, 09:34
Open / Comment
2021-05-02 12:34:56 ➜ Inni garuu jaalala guddaa nu argisiise. Utuu isa hin jaalatin nu jaalate. Qooda gaddaa gammachuu, qooda booyichaa kolfa nuuf filate. Aangoo du'aa burkuteessee jireenya bara baraa nuuf qopheesse!

Inni gatii guddaadhaan nu bitate. Aarsaa qalmaaf dhihaatu ta'ee bilisa nu baase.
— Ibroota 9:12

"...Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan."
— 1Phe. 2:24

"Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu? Innoo as hin jiru, ka'eera."
— Luqaas. 24:5


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
632 viewsGetu Abera✟, 09:34
Open / Comment
2021-05-02 07:51:32 YESUUS MOO'ERA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
"...Yaa Du'aa Meerree Aangoon Kee? Yaa Si'ool Meerree Arfiin Kee? Duuni badduu Bahee Moo'ichi Argameera!"
— 1Qor. 15:55

Yesuus:-
➛ Qooda keenya du'uuf dhalate!
➛️ Jiraachisuuf Du'e!
➛️ Qajeelota taasisuuf immoo du'aa ka’eera!

"Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname, sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame; nuyi nagaa akka argannuuf inni in adabame, madaa'uu isaatiinis fayyinni nuuf in argame."
— Isaayaas. 53:5

Namni maqaa isaatti amanu kamiyyuu akka jiraatuuf ofii isaa dabarsee nuuf kennuudhaan jaalala du'aa garas jiru nutti argisiise!

"Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti!"
— Yohaannis. 3:16

BAGA GEESSAN
BAGA GAMMADDAN!

@Getu_Official
@Getu_Official
661 viewsGetu Abera✟, 04:51
Open / Comment
2021-04-25 11:30:45 ➨ Waan gaarii ofiif hawwi! Waanuma gaarii ofiif hawwite sana taata.

➨ Ani nan jiraadha jedhii ofirratti labsi! waanuma afaan kee keessaa bahetu si irratti ta'a.

➨ Waanuma irratti cimaa ta'uu barbaadde irratti cimaa ta'uu dandeessa.

➨ Hawwii kee qajeelfadhu! Bu'aa siif qaba moo si miidha? Ani hin danda'u jettee of amansiifnan eeyyee hin dandeessu! Dandeettii kee qoradhu!

➨ Yaada sammuu kee amansiifnan wanti dadhabdu tokko hin jiru.

sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.2K viewsGetu Abera✟, 08:30
Open / Comment
2021-04-23 00:31:30 Interview Question (Afgaaffii, gaafannoo qacarrii hojiif taasifaman)
Getu Abera

April, 2021

ᴀꜰᴀᴀɴ ᴏʀᴏᴍᴏᴏ ᴘᴅꜰ
1.0MB
sʜᴀʀᴇ sʜᴀʀᴇ sʜᴀʀᴇ
@Reading_PDF
@Reading_PDF
673 viewsGetu Abera✟, 21:31
Open / Comment
2021-04-15 22:37:16 ❏ Namni jal'aan hojii hamaa hojjatetti in gala. Funyoo cubbuu isaatiinis in qabama. Inni gorsa waan dhabeef in du'a. Guddinni gowwummaa isaatis karaa irraa isa in kaachisa.
Fakk.6:20-35 "Yaa ilma koo abboommii abbaa keetii eegi! Barsiisa haadha keetiis hin tuffatin! Garaa kee keessa kaa'adhu! Morma keettis hidhadhu! Yommuu ati deemtu karaa si agarsiisa. Yommuu raftu si eega! Yommuu dammaqxu si haasofsiisa.

❏ Abboommiin kun ibsaadha. Barsiifni kunis ifa. Ifni adaba karaa jireenyati. Inni dubartii
hamtuu irraa dubartii ejjituu ishee afaanin namatti kuultu irraas si eega. Garaan kee miidhagummaa ishee hin hawwin! Ijji ishees si hin booji'in! Dubartii halaleen buddeena tokkoon qacaramti. Isheen abbaa manaa qabdu
garuu nama qabeenya qabu in adamsiti. Namni dachaa wayyaa isaatii keessa ibidda in
kaa'ataa ree? wayyaan isaas utuu hin gubatin hafuu danda'aree? Yookiin namni barbadaa giimii irra yoo ejjate miilli isaa utuu hin gubatin hafuu danda'aree? Namni haadha manaa nama biraa dhaqu akkasuma ta'a. Namni ishee bira ga'es utuu hin
adabamin hin hafu. Hattuun yommuu beeloftu beela ba'uuf yoo hatte, namni ishee hin tuffatuu laata? Yoo qabamte garuu wanta isheen manaa qabdu hundumaa yoo gaaga'e iyyuu dachaa torba baasutu isheedhaaf ta'a mitii ree? Namni ejju qalbii hin qabu. Namni kana godhu of in
balleessa. Madaa'unii fi salphachuun isa in argata. Ga'oonis raawwatee isa irraa hin badu. Hinaaffan abbaa manaa in aarsa. Gaafa ija
baafatus hin oo'uf. Fureen tokko illee isatti hin
tolu. Gabbarri hammamii iyyuu isa hin gammachiisu.

❏ Egaa Waaqayyo nu haa gargaaru. Dhaga'uu qofa
osoo hin taane ittiin jiraachuf.
Wanti yeroo muraasaf biyya lafaa irratti nu gammachiisu, mana keenya isa olii isa umurii
guutuu itti jiraannu isa qulqullummaan guute akka
nu hin dhabsiifneef foon keenya moo'un gahee keenya haa baanu!

Eebbifamaa obsaan dubbisuu keessaniif isinan jaaladha!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.6K viewsGetu Abera✟, 19:37
Open / Comment
2021-04-15 22:37:14 Ejjummaan Maali? Waa'ee Ejjaa Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?

❏ Egaa akkuma beekamu "hin ejjin!" kan jedhu abboommii Waaqayyoo keessaa isa tokkodha. Garuu baay'een namootaa abboommii kana eegun baay'ee itti ulfaachuun yeroo abboommii kana cabsan ni jira. Inni kun immoo gurraan dhaga'anii garuu gonkumaa abboommichatti hin fayyadamne jechudha.

❏ Ejjuu jechuun fedhii ofiitiif bakka kennanii wanta xuraa'ummaa, akkasumas waaqayyoon kan hin gammachiisne raawwachuu jechuudha. Ejjuun waaqayyoon duwwaa gaddisiisuu qofa osoo hin taane namoota biroo illee gaddisiisuunis ni jira. Fakkeenyaaf dhiirri tokko yookiin shamarri tokko abbaa manaa yookiin jaalallee amanamaa tokko osoo
qabduu/qabuu dhoksaadhan ija wal laguudhan kan biraa faana gocha xuraa'ummaa
raawwachuu jechuudha.
Yeroo sanatti abbaa manaa ishee yookiin haadha manaa isaa gaddisiisuu danda'a.

❏ Mee macaafni qulqulluun maal jedha?
Fakk. 5:1-23 "Yaa ilma koo dubbii ogummaa kootii dhaggeeffadhu! Gurra kee gara wanta ani hubannaadhan dubbadhuutti qabi! Yommuus dubbii gargar baasuu ni dandeessa dubbiin afaan kees beekumsa in ta'a. Hidhiin dubartii ejjituu damma coccobsa. Haasan afaan isheetii akkuma dhadhaati. Namas hin quuqu. Dhuma irratti garuu akka hadhooftuu akka billaa gara lamaan qaramees in taati. Miilli ishee gara du'aatti gadi bu'a. Ejjannaan ishees gara iddoo lafa jalaatti in geessa. Ati akka waa'ee karaa jireenyaa akka hin beeknetti daandiin ishee geggeedaramaa adeema.

❏ Egaa yaa ilmaan koo mee na ga'aa wantan afaan kootin dubbadhu irraa hin jal'atinaa! Karaa kee ishee irraa fageessi! Balbala mana isheettiyyuu hin dhiyaatin! Yoo kana eeggachuudhaa baatte ulfina kee namoota biraatif, bara jireenya kees nama gara jabeessaf kennuu keeti.
Qabeenya kee ormatu nyaata dadhabbiin kees mana alagaa in sooromsa.

❏ Dhuma bara jireenya keetii foon kee fi dhagni kee yommuu gadi dhumu in aadda. Ati ani attamittan gorsa jibbe, garaan koos attamitti adabamuu tuffate! Ani barsiisa kootiif hin
abboomamne, gurra koos gara warra na gorsaniitti hin qabne.
Guutummaa walga'ii waldaa keessatti hamma xinnoofan wanta hamaa hundumaa keessa lixee oole in jetta. Boolla bishaanii kee keessa bishaan boolla ija bishaanii kee keessas bishaan yaa'u akka dhugdu (haadha manaa kee ishee jaalala siif burqisiiftutti gammadi) burqituun kee
bakkee keessa bishaan lagaa kees karaa keessa haa tamsa'anii ree? Isaan si duwwaadhaf malee orma warra si wajjin jiraniif hin ta'an!

❏ Burqaan kee ebbifamaa haa ta'u! Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi! Isheen jaallatamtuu akka borofaa simbo qabeettii akka kurupheetis, harmi ishee yeroo hundumaa si haa gammachiisu! Jaalalli ishees laphee si haa coru! Yaa ilma koo maalif dubartiin dubartii ormaa laphee si corti? Maalifis haadha manaa namaa hammattaa? Karaan namaa guutummaatti Waaqayyo dura jira. Inni daandii nama hundumaa in ilaala.


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.4K viewsGetu Abera✟, 19:37
Open / Comment
2021-04-15 13:01:08 Watch "MUDANNOO AJAA'IBAA ||WAAN GAARII NAMAAF GODHEEN SAAMAME -ANIMMOO WAAN GAARII NAMAAF GODHEEN BUUFADHE" on YouTube


1.2K viewsGetu Abera✟, 10:01
Open / Comment
2021-04-11 12:57:44 WAA'EE MACAAFA QULQULLUUF BEEKTONNI WAAN JEDHAN:
════❖• •❖════
➊. "Macaafni qulqulluun cubbuu irraa si eega yookiin cubbuun macaafa qulqulluu irraa si eega."
— Lallabaa Wangeelaa Dwight L.Moody

➋. "Ani kanan hubadhe kennaa guddaan Waaqayyoo namootaf kenne macaafa qulqulluudha."
— Peresendaanti Ameerikaa 16ffaa Abirahaam Liinkon

➌. "Addunyaa kana irraa warra faallaa Waaqayyoo haasa'an kan amansiisu dhugaa macaafa qulqulluu keessa jirudha."
— Fiizistii Ayizaak Niwutoon

➍. "Jijjiirama keenyaaf, saffisa qaroomina keenyaaf, bilisummaa keenyaaf bu'uura kan ta'e macaafa qulqulluudha."
— Perezedaantii Ameerikaa 18ffaa Yuulises S.Giraanet

➎. "Waaqayyoo fi Macaafa qulqulluu malee Addunyaa kana sirriitti gaggeessuun hin
danda'amu."
— Perezedaantii Ameerikaa 1ffaa Joorji Washington

➏. "Furtuun jireenya biyya lafaa fi waraqaan eenyummeessaa jireenya bara baraatti galchuu
qajeelfamoota macaafa qulqulluu eegudha."
— S.Mark

➐. "Kanan yaadu, kanan barreessu, kanan dubbadhu akka qajeelfama macaafa
qulqulluutti ta'uu qaba."
— Muummee Ministeera
Ingiliz Wiliyaam Gilaadiston

➑. "Tv irraa fiilmota ilaaluuf sa'aatii 3:00-5:00 yeroo qabaannee, garuu macaafa qulqulluu dubbisuuf daqiiqaa sadii hanga shanii waan hin qabneef guddachuu dhiisuu keenya nama hin ajaa'ibu."
— Barsiisaa fi barreessaa Marqoos Yaadataa

➒. "Macaafa qulqulluu gara ofii keetti galchuu irra, ofii keetii gara macaafa qulqulluutti gali!"
— Paster Girmaa Hayiluu

➓. "Macaafa qulqulluu akka buddeenaatti, kadhannaa akka ittootti yookiin waxiitti itti fayyadamuun jireenya keef bu'uura guddaadha."
.
.
.
Eebbifamaa


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.5K viewsGetu Abera✟, 09:57
Open / Comment
2021-04-11 12:54:31 WAAN MACAAFNI QULQULLUUN HIN JENNE HIN JECHISIISIN!
════❖• •❖════
➥ "Waanuma ani si abboome of eeggadhuutii godhi malee, isa irratti hin dabalin, irraas hin
hir'isin!" Kes. 12:32.

■ Macaafa qulqulluu namoonni tokko tokko gatii xiqqootti ilaalu. Kun immoo amma macaaficha hubachuu dhabuu irraa waan dhufudha. Sarara
dubbichaatti galuu osoo hin taane, macaaficha sarara mataa isaanitti "edit" gochuu
barbaadu. Dhugaan jiru akkas miti.
➛ Macaaficha "edit" godhuu osoo hin taane, macaaficha ittiin jireenya ofii "edit" godhachuutu irra ture.

■ Macaafni kun waan akka salphaatti dhaloota amma kana harkaa waan gahe
fakkaata. Garuu akkas miti.
➛ Ibidda meeqa, galaana meeqa qaxxamuree dhufe dhaloota jaarraa 21ffaa kana harka gaheera. Nuti dhaloonni isa nu harka gahe kana amma isaa waan hubanne natti hin fakkaatu.
➛ Baay'een waan macaafichi hin jenne jechisiisee ittiin daldala mataa isaa gaggeeffachuuf wixirfataa
jira. Isa macaafni "mirga" jedhu "bitaa" jedha osoo hin qaanfatin.

■ Macaafni kun yoomiyyuu
caalaa waan dhaloota amma jiran harkatti gatiin isaa waan gadi bu'e natti fakkaata. Osoo gatiin macaafichaa dhaloota kana harkatti gad hin buune ta'ee, waan macaafichi hin jenne hin jechisiisu ture dhaloonni kun.
➛ Jaallattus jibbitus Waaqayyoo nama akka mataa isaatti uume caalaatti sagalee isaaf iddoo guddaa qaba.

■ Kana qofa mitiyyuu, sagalichi matuma isaan Waaqayyoodha. Na dhageessaa maaloo, gaafa
macaaficha gara siif tahutti "edit" gochuuf yaaltu Waaqayyoo "edit" gochuuf yaaluu kee hin dagatin! Waaqayyoo immoo waaqa "edit" godhan osoo hin taane waaqa "edit" nama gochuuf humna guddaa qabudha.

➛ Waaqayyoo kophaa isaa waaqa of danda'adha. Ammas irra deebi'een jedha, macaafni qulqulluun macaafa jireenya ofii ittiin "edit" godhatan malee, macaafa "edit" godhan miti. sababni isaa immoo macaafni
qulqulluun matuma isaan 100% waan hundumaan guutudha.
Foon keenya kanaan jiraachuuf kan barbaachisu, nyaata nuti guyyaan soorannudha. Nyaata kana immoo akka malee nyaachuun, akka malee ta'uudha.

➛ Nyaanni hafuuraa inni dhugaan, kan sobni keessa hin jirre, kan dhugaan dhugaadha
jedhu, kan sobaan soba jedhu, macaafa qulqulluudha. Akkasumas macaafa qulqulluutti akka malee yoo itti fayyadamne miidhaa guddaa qaba. Akka malee jechisiisuun, akka malee tahuudha. Yoos maaliif waan macaafichi hin jenne jechisiifna ree?

➛ Galaanni guddaan waraabamee hin dhumne macaafa qulqulluudha. Galaana waraabamee hin dhumne kanatti waan daballus waan hir'ifnus hin qabnu. Macaafa qulqulluutti dubbii mataa ofii dabaluun kan nuuf hin taane keessaa hir'isuunis waan macaafni qulqulluun hin jenne jechisiisudha. Kuni immoo ulfina Waaqayyootti bu'uudha. Waaqayyoo immoo ulfina isaa eenyuf iyyuu hin kennu.

➛ Macaafni qulqulluun akka ilaalcha nama tokko tokkoo waanuma namni fedhii fi yaada mataa isaa achi keessa ka'ee miti.

■ Waa'ee barreeffama macaafa qulqulluu ilaalchisee waan lama hubachuun barbaachisadha.

➀. Macaafni qulqulluun waan Waaqayyoo afaan isaan dubbatee fi

➁. Macaafni qulqulluun waan Waaqayyoo akka barreeffamuuf fedhe of keessaa qaba. Kanaaf waan Waaqayyo dubbatee barreeffamee fi akka
barreeffamuuf fedhe alatti jechisiisuun ulfina Waaqayyootti bu'uudha.

"Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira."
— Mul. 22:19


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.3K viewsGetu Abera✟, 09:54
Open / Comment