🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Getu Official

Logo of telegram channel getu_official — Getu Official G
Logo of telegram channel getu_official — Getu Official
Channel address: @getu_official
Categories: Psychology
Language: English
Subscribers: 3.93K
Description from channel

WE ARE HERE
to love!
to serve!
to inspire!
to support!
to live truth!
https://www.youtube.com/@Grace_Media24
✍️ @Getpostbot
✍ @Getu_Abera

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


The latest Messages 2

2022-08-25 06:24:30
228 viewsSOLA , 03:24
Open / Comment
2022-08-25 06:24:29
239 viewsSOLA , 03:24
Open / Comment
2022-08-25 06:24:29
237 viewsSOLA , 03:24
Open / Comment
2022-08-24 20:51:19
ergaa bara 2015 kana ameen jedhi fudhadha

Join Godhaa


https://t.me/solabedasaa
https://t.me/solabedasaa
https://t.me/solabedasaa
299 viewsSOLA , 17:51
Open / Comment
2022-08-24 19:59:55 ATI ISA KAMI OL GALCHITE?
@Getu_Official
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Mandara tokko keessa Abbaa manaa, haadha manaa fi mucaa isaanii tokkotu jiraata ture.

➥ Galgala tokko balballi maatii kana rurrukutama. Haati manaas balbalicha yeroo bantu jaarsolii mataan isaanii haarrii baay'ee babbareedan 3
balbala irra dhaabbatan argite.
Isheenis "maal isin gargaaru koottaa seenaa" jetten. Jaarsolin kunis deebisanii "lakki hin seennu. Jalqaba Ofii keenya si barsiisna" jedhani
ofii isaanii barsiisuu jalqaban.
➥ Inni 1ffaan" ani Milkaa'inan jedhama ani mana kee yoon seene abjuun kee hundi galma
siif ga'a" jedhen.
➥ Inni 2ffaan "Maallaqan jedhama ani mana kee yoon seene rakkinaa fi Hiyyummaa kan jedhamu tokkallee hin argitu" jedheen.
➥ Inni 3ffaan "Ani Jaalalan jedhama jaalalaaf immoo ibsi hin barbaachisu" jedheen.
➥ Sana booda Haati manaas "altakka na eegaa abbaa manaa koon mariisisa" jetteen.
Gara manaattis olgaltee abbaa manaa isheetti waa'ee jaraa yeroo himtu baay'ee dinqisiifatee, "yaa haadha manaa koo kun carraa hin
argamnee dha maallaqa argachuf jedhee kunoo
halkaniif guyyaan hojjedha garuu akkan yaade hin taane hiyyummaa keessaa ba'uu hin
dandeenye. Amma immoo Maallaqni ani dafqaafii ture balbala keenya irra dhaabbatee nu kadhachaa jira. Amma ariifadhuutii warra kaan
dhiisitii Maallaqicha ol nuuf seensisi" jedhen.
➥ Haati manaas Yaadasaa kanatti walii galtee maallaqa ol galchuuf yeroo deemtu mucaan
ishee "Haadha koo Maallaqa ol seensistee abbaan koo akkuma amala isaa sireebaa
jiraachuu kee irra guyyaa hundumaa lola isaaf
jettee dhiphachaa jiraachuu kee irra JAALALA ol galchitee nagaa dhaan jiraachuu siif hin wayyuu?" Jedheen.
➥ Isheenis takka dhaabattee itti yaaddetu dhuguma jette yaa ilma koo nagaa naaf wayya
boqochuun qaba" jettee yaada mucaa isheetti gammaddee, abbaa manaa isheetin," jaalalli ol galuu qaba" jettee wal mormii baay'ee booddee
jaalalli akka olseenu murteessan.

➥ Gara Jaarsolii kanaas dhufanii" JAALALA kan jedhamtu koottuu seeni" jedhaniin. Jaalallis isaan hordofee gara manaatti olseene. Takka
turanii abbaa manaa fi haati manaa gaafa of duuba garagalanii ilaalan jarri sadanuu olseenani dhaabbachaa jiru.
➥ Abbaan manaas na'ee" Nuti akka olgalu kan heeyyamneef JAALALA qofa dha isin maaf
olgaltan?" jedhee gaafate.

➥ Jaalallis deebisee "Ani Jiraannan Maallaqnis
Milkaa'innis jira isaan kun ana biraa hafuu hin danda'an. Isin Anaan filattanii olgalchuu
keessaniin Milkaa'innis, Maallaqnis mana keessan
seenaniiru. Kana booda nagaatti jiraattu hiyyummaa hin argitan waan yaaddan
hundumaattis ni milkooftu. Isin carra qabeessa dha baga gammaddan" Jedheen.
➥ Guyyaa Jaalalli mana isaanii lixe sanaa jalqabee manni Maatii sanaa Nagaa fi waan hundumaan guutuu ta'e jedhama.

❍ Obbolessa koo obboleetti koo ati hoo har'a maaltu mana kee fi keessa kee guutee jira? Bara kana namni maallaqaaf gaggaba. Asis achis jedhee milkaa'uu fedha malee burqaa warra kanaa dagatee jira. Madda jara kanaa gatanii dachaaf gaara baay'ee ba'uu dhaan baay'ee of dadhabsuun
kisaaraa guddaa dha.

❍ Soorummaan funyaan
si ga'ee mana kee fi keessa kee jaalalli hin jiru taanan akkasumaan qisaasa'aa jirta. Onneen jaalala of keessaa hin qabne akka midhaan
waagii dha'eeti. Coolagee barbada'a.

❍ JAALALLI kun immoo isa Burqaa Waan hundumaa ta'e KIRISTOOS YESUS jedhama. Kan isa qabu...
⁃ Nagaa qaba.
⁃ Kolfaa jiraata.
⁃ Waan hundumatti milkaa'a.
⁃ Jireenya bara baraa qaba.
⁃ Jaalala qabda taanan Mootummaan waaqayyoo kan kee dha.

⁃ Dhuguman siin jedha Yesusin hin qabdu taanan Gatii hin qabdu. Maarree ati namni barreeffama kana dubbisaa
jirtu, amma kan teessee of goolaa jirtu bir'achaa
jiraattu, nagaan kan mana keetii dhibe. Dhamaatee kan milkaa'uu dadhabde. Kan jireenyi sitti hadhaa'ee lafa itti gortu dhabde Yesuusin gara gola keetti olgalchi. (Yoh 3:16,
Yoh 15:9-10, Rom 5:5, Rom 12:9-10, 1Qor
13:13, 1Qor 16:)
❍ Jireenyi Keessan:
⁃ Jaalalan,
⁃ Nagaa dhaan,
⁃ Milkaa'inaan,
⁃ Kolfaan haa badhaadhu!
Irraa yoo baratte hiriyoota keen gahi!

@Getu_Official
@Getu_Official
328 viewsGetu Abera✟, edited  16:59
Open / Comment
2022-08-24 07:15:56
𝐁𝐀𝐃𝐇𝐀𝐀𝐒𝐀
Badhaafamaa;500MB (daily package) ykn
130 voice package (weekly package)
fedhii keessan irratti hunda'a

Kamisa sa'atii guyyaa 6tti XUMURAMA (Bor)
Wanti isin gochuu qabdan

page kana seenun dubbisaati badhaafamaa


https://www.facebook.com/100079762574004/posts/pfbid02gxsquZomVNmwzGdz1L2xkCpPvywpaCTsKXFNvGnoX6virSmJAzzBYtkcLXxVMwa2l/?app=fbl
409 viewsSOLA , 04:15
Open / Comment
2022-08-23 22:22:54
Ergaa kee Bara 2015

Join Godhaa


https://t.me/solabedasaa
https://t.me/solabedasaa
https://t.me/solabedasaa
404 viewsSOLA , 19:22
Open / Comment
2022-08-23 07:57:12
Ergaakee 2015
Join Godhaa


https://t.me/solabedasaa
https://t.me/solabedasaa
https://t.me/solabedasaa
468 viewsSOLA , 04:57
Open / Comment
2022-08-22 21:14:32 HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬
❏ Guyyaatti umuriin namaa ni hir'ata. Namni garuu umuriin isaa hir'achuun kun isa hin yaachisu hin yaadatus. Qabeenyi isaa yoo hir'ate ni rifata. Qabeenyi ni argama kan deebi'ee hin argamne umurii ture.

❏ Mee Sirriitti Dubbisi!
➛ Yoo kubbaa miilaa ilaaluu ta'e, daqiiqaa 60 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo fiilmii ilaaluu ta'e, daqiiqaa 250 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo facebook goroggoruu
ta'es, sa'aatii 24 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo barreeffama waatsaappii ta'e, 60 ol dubbisuu danda'a.

❍ Garuu nama baay'eetti karaa jireenya bara baraa galuuf ittiin of qopheessu shaakaluun, qajeelinaaf jiraachuuf dhimmanii yaaduun, Waaqayyoon kadhachuun, Macaafa Qulqulluu dubbisuun baay'ee itti ulfaata.

❍ Mee akkuma jireenya foonii kee cimsachuuf fiigdu, jireenya hafuuraatiinis guddachuudhaaf of qopheessi!

"Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqopheessuun garuu, wanta baay'eedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira."
— 1Ximotewos. 4:8

➊. Kaleessa jiraannee dabarree jirra, hin deebi'u.
➋. Har'i ni darba; garuu seenaadhaaf ta'a.
➌. Boru itti gahuu keenya hin beeknu.

Anis, atis, isaanis karaa jirra! Deemutti jirra. Daandii irra adeemnu ammuma irraa jalqabnee bareechinee haa hubannu.

❏ Kanaafuu nama hundumaa waliin nagaa dhaan jiraadhu! Dhiifama namaa godhi! Waaqayyos dhiifama siif godha.

@Getu_Official
@Getu_Official
462 viewsGetu Abera✟, 18:14
Open / Comment
2022-08-22 11:15:37 Maalitti Gadditee Jirta laata? Maaltus Abdii si kutachiise?

Caaffata qulqullaa'aa keessaa kutaa Filp.4:4 yeroo hundumaa jireenya guyyaa guyyaa kee keessatti yaadadhu!

⁃ Lafa kana irratti nama taatee uumamuu keetti yeroo hundumaa gammadi!
Gammaduudhaaf sababa biraa in barbaadin! Lafa kana irratti argamuu kee qofaaf gammadi! Argachuu fi dhabuudhaan of hin madaalin! Maddi gammachuu dhugaa eessayyuu hin jiru. Onnee kee keessaa burqa waan ta’eef.

⁃ Gammachuun inni sirriin qabeenya baay’ee qabaachuu yookiin dhabuu irratti hin hundaa'u. Waanuma nama taatee argamteef gammadi! Waaqa isa waan hundumaa uumee jiraachisutti gammadi!
Yeroo hundumaa gammachuu qabaachuu keetiin Abdiin kee ni haara'a!


@Getu_Official
@Getu_Official
484 viewsGetu Abera✟, edited  08:15
Open / Comment