🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Getu Official

Logo of telegram channel getu_official — Getu Official G
Logo of telegram channel getu_official — Getu Official
Channel address: @getu_official
Categories: Psychology
Language: English
Subscribers: 3.93K
Description from channel

WE ARE HERE
to love!
to serve!
to inspire!
to support!
to live truth!
https://www.youtube.com/@Grace_Media24
✍️ @Getpostbot
✍ @Getu_Abera

Ratings & Reviews

2.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


The latest Messages 16

2021-04-08 09:23:07 SITU NAGAA DHA!

Osoo siin walii hingalin
Eessa jiraree nagaani
Ati jaalalaan moote
Sibira hin jiru hammeenyi


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Cabaan sibiratti fayya
Ati hin miitu dhaloota
Dadhabaan jooraa ta'e
Barruu keetti boqota


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Situ nagaadha hundaaf
Hin jiru qixxeen kan kee
Dhaadannoo amansiisaa
Hundaan oli teessoon kee
Ati nagaa buusuudhaaf
Itti dhiifte ulfina kee
Ajjeeftee osoo hin ta'iin
Lubbuukee laatte ofiikee


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Toorri nagaa simalee
Hin jiru bara kamuu
Ogeessi isaaf gale
Barruukeetti of haakennu


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Beekaan waltumsee ka'ee
Yoo qorate waamara
Osoo siin walii hin galiin
Nagaan eessuma jiraa


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Qaroominni ammayyaa
Yoo baayyatee ol ka'e
Nagaa fiduu hindanda'u
Siin ala fala ta'ee


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Ati nagaa dhalootaati
Nagaa isa barabaraa
Dhaloota sitti of kenne
Situ du'a baraara!


Nagaadha ati Yesuus!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.3K viewsGetbot, 06:23
Open / Comment
2021-04-06 08:02:14 Ijji gara Waaqayyoo ilaalu saalfidhaan deebi'ee lafa hin ilaalu. Dhugaadha obboleessa koo (obboleettii koo) ati dhalootaaf eebba taata malee hin saalfattu. Ni eebbifamta. Ofirra darbitee dhalootaaf taata.

⁃ Ati garuu cimi! Abdii kutuun gonkumaa yaada kee keessatti hin argamin!
Wanti har'a mul'atu bitaa namatti kan galu yoo ta'e illee, taatee haala yeroo ilaaltee hin raafamin! Haala hundumaa keessatti jabaatee kan dhaabatu galma ni gaha.

⁃ Wanti gaariin siif ta'u yeroo isaatti wal guuree dhufa.
Maaliree yaaddoon?
Maaliree dhiphachuun?

⁃ Yeroo hundumaa haala kamiyyuu keessatti gammadaa ta'i! Yeroon milkaa'ina keetii dhihoo dha.

⁃ Karaan qajeelaan siif ta'u, namni kamiyyuu si jalaa fudhachuu hin dandeenye jira.

"Ati si'achi hin qaanoftuutii hin sodaatin! Ati si'achi yeellaasifamtee lafa hin ilaaltuutii hin na'in!"
— Isaayas. 54:4

Guyyaan kuni guyyaa moo'ichaa siif haa ta'u!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.5K viewsGetu Abera✟, 05:02
Open / Comment
2021-04-05 12:10:44 Gosoota Nyaata Madaalamaa fi Faayidaalee Isaanii
Getu Abera

April, 2021

ᴀꜰᴀᴀɴ ᴏʀᴏᴍᴏᴏ ᴘᴅꜰ
Fuula-14║Hanga-1.0MB
sʜᴀʀᴇ sʜᴀʀᴇ sʜᴀʀᴇ
@Reading_pdf
@Reading_pdf
ᴊᴏɪɴ
659 viewsGetu Abera✟, 09:10
Open / Comment
2021-04-02 07:24:19 GUYYAA KEE BAREECHUUDHAAF GANAMA YEROO HUNDUMAA WAAN 3 GOCHUU QABDA.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➦ Ilaalchi gaariinii fi dubbiin gaariin milkaa'ina guyyaa keetiif murteessoodha. Jireenya kee, yaada sammuu kee fi hafuura kee irratti dhiibbaa qabu. Kanaafuu, dubbii hin taane ganamaan ofirratti dubbattee ilaalcha kee fi guyyaa kee dukkaneessuu irra, qabxiilee 3 kanneen mee of irratti dubbadhuutii hojii keetti bahi! Oolmaa kee siif bareechuuf guddaa si gargaaru!

➊. Har'i Guyyaa Haaraadha, Guyyaa Dansaadha/Gaariidha!

➦ Kaleessi darbeera, har'immoo akka kennaatti siif kennameera. Kennaa haaraa kanammoo gammachuudhaan simadhuu itti fayyadami.

Faarf. 118:24 "Guyyaan  Waaqayyo dhaabe isa kana, kottaa isatti gammannaa, itti gammaduu keenyas dhageessifnaa!"

➋. Guyyaa Haaraa Kanaaf Sigalateeffadha!

➦ Waan hin qabne irratti xiyyeeffatta taanaan nama gumgumu taata, eebba qabdu lakkoofta taanaan immoo galateeffachuun guutamta. Kanaafuu, eebba Waaqayyo siif kenne yaadaa galateeffadhu! guyyaa addaa, guyyaa haaraa siif kenname kanaafis galateeffadhu!

Farf. 69:30 "Weedduudhaan  maqaa Waaqayyoo nan jajadha, galataanis guddina Isaa nan hima."

➌. Mul'ata Kiyya Milkeessuu Nidanda'a!

➦ Guyyaan har'aa akka ani mul'ata kiyyarratti hojjadhee milkaa'uuf kennaa naaf kennameedha.
◎ Nan hojjadha,
◎ Nan milkaa'as!

Filiphisiyus, "Humna/jabina Gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a."

➦ Guyyaa Dansaa fi Bu'a-qabeessa Siif Haa Ta'u! Nuuf Haa Ta'u!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.4K viewsGetu Abera✟, 04:24
Open / Comment
2021-04-01 10:41:56 ➞ Obboleessa kee, hiriyaa kee hin tuffatin! Amalli isaa gaariis haa ta'u haa dhiisus. Yaada gaarummaatiin ofitti qabii gorsi! Kophaa fiiguun tarii milkaa'ina dhihootti bira gahuu dandeessu achi fageessa.

➞ Obboleessi(obboleettiin koo) yookiin hiriyaan koo hanqina kana qaba jettee irraa fagaachuu dhiiftee qooda kanaa immoo yoo maal waliin hojjenne waliin guddanna? jettee itti yaadudhaan jireenya ofirra darbee carraa namoota biroof fakkeenya ta'u irra gahuu dandeessa.


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.3K viewsGetu Abera✟, 07:41
Open / Comment
2021-03-25 20:46:11 ➊. Hafuurri Waaqayyoo ija jabina siif kenna.
➋. Waa dubbachuuf ofitti amanamummaa sitti hora.
➌. Jireenya keetti simboo godha.
➍. Ayyaana Waaqayyoo keessa turuuf si gargaara.
➎. Haala rakkisaa keessatti gammachuu siif kenna.
➏. Ilaalcha sirrii akka qabaattuuf si qajeelcha.
➐. Namootaaf dukkana yoo ta'e siif ifa.
➑. Dubbii keetti humna godha.
➒. Ogummaa si barsiisa.
➓. Hafuurri qulqulluun gaachana keeti!
Namni Waaqayyoo karaa hafuura waaqayyoo IJA JABINA qaba.

"Nuyi Kristositti amanuudhaan karaa isaa amanannee dhi'aachuudhaaf ija jabina qabna."
— Efe. 3:12

sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.6K viewsGetu Abera✟, 17:46
Open / Comment
2021-03-24 18:54:11 Waan hundumaa qorii ilaali! Wanta gaarummaa isaa itti amantu jabeessii qabadhu!

◉ Namni Waaqayyoon qabu waan hundumaa qoree ilaala. Hafuura qulqulluu of keessaa waan qabuuf diinaa fi biyya lafaatiin qoramuun yoo dhufe iyyuu mo'atee darba.

◉ Hafuurichaan kan gaggeeffamu hundinuu ifa keessa waan jiraatuuf gufuun tasaa isa hin argatu.

"Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'e, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti tolu, waanuma gaarii ta'e, waanuma galata qabu yaadaa!"
— Filp. 4:8


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.5K viewsGetu Abera✟, 15:54
Open / Comment
2021-03-23 19:55:22 Warri Waaqayyoon qaban xiqqoo kennanii guddaa fudhatu. Eebbisanii eebbifamu.

Namni waanuma facaase haammata. Qajeelonni Gaarummaa harka guuttatanii facaasu, gatii isaa immoo dachaadhaan irraa galfatu. Yoo gadi bahan ni eebbifamu. Yoo galan ni eebbifamu. Nama hundumaaf akka namummaa isaatti gaarii yaadufi. Gaarummaanis isaaniif ta'a.

"Waan ati facaafte keessaa inni kam akka tolu waan hin beekneef, sanyii midhaanii kee ganamaan facaasi, galgalas harki kee facaasuuttii hin boqotin! Inni kun yookiis inni sun yookiis immoo lachanuu in tolu ta'a."
— Lal. 11:6


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
1.4K viewsGetu Abera✟, 16:55
Open / Comment
2021-03-20 16:21:13 WAAQAYYOON KADHADHU!

Yeroon keessa jirru kuni baay'ee waldha'ee jira. Hamminnis baay'atee gaarummaa irra caalee jira.

Bara kana keessa Amantii ofiitti cimanii Waaqayyoon kadhachuun dhimma filannoo hin qabne dha.

Jireenya kee karaa qajeelaa irra gaggeeffachuuf Waaqayyoon Kadhadhu!
➠ Ofiif kadhadhu!
➠ Maatii fi ollaa keetiif
➠ Waaqayyoon kadhadhu!
➠ Biyyaaf waaqayyoon kadhadhu!

"Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama."
— Mat. 7:7


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ
4.7K viewsGetu Abera✟, 13:21
Open / Comment
2021-03-18 22:15:11 ABDII HIN KUTIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Ofitti hin gaddin! Abdii hin kutin! Wanta addaa karaa keetiin qofa raawwatamutu si harka jiraatii ka'ii ammuma hojii eegali!

Dhuguman siin jedha na amani wanti adda ta'e kan karaa keetiin qofa danda'amu jira. si jechuun suma malee namni biraa bakka si hin bu'u.

Hir'ina kee lakkaa'uu dhiisi! Cimina kee lakkaawwadhu! Daangaa ofiif keesse keessaa cabsii bahi! Ni dandeessa. Eeyyeen ni dandeessa.

Yaaltee dadhabdee? Ammas irra deebi'ii yaali!
Hir'ina kee sitti mul'atee abdii kuttee? Ati nama gahaa dha. Sammuu keetti himi! Karoorsii ammuma itti adeemi! Galma gahiinsi sitti dhihoodha.


Share◈Share◈Share
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
JOIN
1.1K viewsGetu Abera✟, 19:15
Open / Comment