Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 5

2022-05-04 00:17:34
Jecha Hayyoota islaamaa.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Qur'anni kan buufameef akka itti dalaganiifi, garuu namni hedduun Qur'aanuma qara'uu qofa dalagaa godhate, itti dalaguu irraanfatee.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Yeroo garii hin beeku jechaas bari, yoo ni beeka ni beeka baay'ifte gaaffiin sitti heddummaatti hamma wallaale jettu takkaa, Laakin ammo hin beeku jechaas yoo beeyte, si barsiisu fa'a taya hamma beektutti.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

Dubbiin faallaadha! Gaafa garaan nyaate quufu, qaamni biraa ni beelaya, Arrabni hamatti jarjara, gurri badii dhaggeeffata waan akka muuziqaa fa'a, ijjis haraaama obsuu dadhabdee laaluuf jarjarti.

﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
149 views21:17
Open / Comment
2022-05-03 00:44:52 Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal.
――――――――――――――――――
① Hukmiin isaa maali? sunnaa jaalatamaadha.

② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha.

③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan.

④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun.

⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura.

⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan,
~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.
~bakka hanqinni waajibaa keessatti jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf.

※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati.

"Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya".

※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin.

∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹ https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال
² https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال
180 views21:44
Open / Comment
2022-05-01 18:12:01
Baga rabbiin iid Al-fitr kan bara 1443ffaatiin isin gahe.

Islaamni bahaa dhihaa, kaabaa kibba jirtan hundi rabbiin keeyrii ramadaana dabree nurraa qeebalee, kan bara dhufuu gammachuuf jaalalaan nuun haa gahu.

عيد مبارك!

تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال كل عام وأنتم بخير
674 views15:12
Open / Comment
2022-04-30 20:19:52 Dhaamsa Iidaa Shk Amin Ibro

TvIslaamaa | YouTube link




#iida Ramadaan dabrsine nu jalaa balleessu osoo hin taanee, iida sunnaa rasuulaa hordofe gaggeeffachuuf.
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 23.8 MB
Daqiiqaa 51:47
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
656 views17:19
Open / Comment
2022-04-30 19:51:52 BREAKING

Baatiin Shawwaal guyyaa harraa waan hin mul'atiniif ayyaanni iidal fixr guyyaa wiixataa ykn isniinaa ta'a.

www.nuuralhudaa.com
708 views16:51
Open / Comment
2022-04-30 17:06:24 Ustaaz Abdul-mannaan waa'ee zakaa fixrii gabaabinaa yoo ibsan.

MB 1 gadi. 2:30
841 views14:06
Open / Comment
2022-04-29 22:22:37
#Halkan 29ffaa har'aa kuni, Halkan Kaayyoo Guddaa niyyaa gaariin dabarsani, Isiin halkan Witrii(Qeenxee) Kurnaan boodaa keessaa kan irraa boodaati.

#hayyuun islaamaa akki jedhan:

"Dalagaa halkan kana keessaa Bareechaa(tolchaa); Halkan kana keessaa takkaa leeylatul qadrii Qunnamtu, yookiin immoo Dhuma ji'a keessanii keessatti Toltuu baay'ifattu"

#Rabbiin keeyrii halkan kana keessaa nu haa waffaqu.
599 views19:22
Open / Comment
2022-04-28 00:01:07
Qur'aanni halkan murtii( halkan leeylatal qadrii) keessa buufame jechuun: akkami?
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

1• Qur'aanni halkan leeylatul qadrii sana keessa yeroo jalqabaaf buufame.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

2• Qur'aanni kun waliigala/hunduma isaa loowhal-mahfuuz irraa fuudhamee halkan darajaa/gatii guddoo qabdu keessa samii lafatti gadi aantutti buufmee, achirraa hanga amata 23 keessatti ergamaa keenya muhaamad (salallaahu aleeyhi wa sallam) irratti xiqqo xiqqoon buufme.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
【ﻭﻗﺎﻝ ﺍﺑﻦ ﻋﺒﺎﺱ (r.a) ﻭﺟﻤﺎﻋﺔ : ﺇﻧﻪ ﺃﻧﺰﻝ ﺇﻟﻰ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻓﻲ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﻓﻲ ﻟﻴﻠﺔ ﺍﻟﻘﺪﺭ، ﺇﻟﻰ ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﻘﺎﻝ ﻟﻪ : ﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ، ﻭﻛﻞ ﺳﻤﺎﺀ ﻓﻴﻬﺎ ﺑﻴﺖ ﻟﻠﻤﻼﺋﻜﺔ ﻳﺘﻌﺒﺪﻭﻥ ﻓﻴﻪ، ﻭﺑﻴﺖ ﺍﻟﻌﺰﺓ ﺑﻴﺖ ﻓﻲ ﺍﻟﺴﻤﺎﺀ ﺍﻟﺪﻧﻴﺎ ﻳﺘﻌﺒﺪ ﻓﻴﻪ ﺍﻟﻤﻼﺋﻜﺔ،.......】
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Dabalataaf:- https://binbaz.org.sa/fatwas/15369/تفسير-قوله-تعالى-انا-انزلناه-في-ليلة-القدر
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Yaa rabbii keenna ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra nuu darbi.
207 views21:01
Open / Comment
2022-04-25 22:24:32 #Hiikkaa Qur’aanaa Suuraa Al Qadr

Sh/Rashaad 1.5 MB 6:11

【BOQONNAA MURTEE】

० بسم الله الرحمن الرحيم

#Maqaa Rabbii Arrahmaan, Arrahiim ta'eenin (jalqaba)

1 ) إِنَّا أَنزَلْنَاهُ فِي لَيْلَةِ الْقَدْر
①#Nuti halkan murtii keessa isa(qur'aana) buufne.}

2) وَمَا أَدْرَاكَ مَا لَيْلَةُ الْقَدْرِ

②#halkan murtii maal akka ta'e maaltu si beeksise? }

3) لَيْلَةُ الْقَدْرِ خَيْرٌ مِّنْ أَلْفِ شَهْرٍ

③#halkan murtii ji'oota kuma irra caalti.

4) تَنَزَّلُ الْمَلائِكَةُ وَالرُّوحُ فِيهَا بِإِذْن
ِ رَبِّهِم مِّن كُلِّ أَمْرٍ

④#Maleeykonnii fi Hafuurichi (Jibriil) isii keessa hayyama Gooftaa isaanitiin ajaja hunda irraa (qabatanii) bu'u.}

5) سَلامٌ هِيَ حَتَّى مَطْلَعِ الْفَجْرِ

⑤#isiin (halkan murtii) hanga ifti barii (fajriin) ba'utti nagaa taati (sheeyxaanni isii keessatti sharrii (miidhaa) dalaguu hin danda'u. }

#Ji'oota kuma caalti: kana jechuun ibaadaan halkan sana keessa hojjatamu ibaadaa ji'oota kuma yookaan waggoota 83 ol hojjatamu irra caalmaa qaba jechuudha. rabbi nu haa milkeessu.
396 views19:24
Open / Comment
2022-04-23 18:27:38
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee.

#Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!

#Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus.

#Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata!

#Halkan kana maaltu hojjatama?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees)
#Qur'aaana qara'uu
#Zikrii heddummeessuu.
#Sadaqaa kennachuu.

#wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha!

Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.

Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii.

Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naa darbi.
512 views15:27
Open / Comment