Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 6

2022-04-21 12:57:28
#Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu.


Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha.

#Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha.

#Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa.

Yaa allaah nu waffaqi.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
1.2K views09:57
Open / Comment
2022-04-19 22:03:51
#Ramadaanni keessummaa Ariifataadhaa.

#Baga geessan osoo jennee hin fixatin, walakkaan geenyee, hirdhachaa dhufee amma xumuuruuf deemaa jirra.

#Nuti hoo ibaadaan dabalaa jirra moo akkami?

#Buliiwwan muraasa hafte tana, dalagaa keeyrii keessatti dabalaachaa haa deemnu."

Ramadaanni Ji'a Araaramaati.

#ﺭﻏِﻢَ ﺃَﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺫُﻛِﺮﺕُ ﻋﻨﺪَﻩُ ﻓﻠﻢ ﻳﺼﻞِّ ﻋﻠﻲَّ ،ﻭﺭَﻏِﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺩﺧﻞَ ﻋﻠَﻴﻪِ ﺭﻣﻀﺎﻥُ ﺛﻢَّ ﺍﻧﺴﻠﺦَ ﻗﺒﻞَ ﺃﻥ ﻳُﻐﻔَﺮَ ﻟَﻪُ ، ﻭﺭﻏﻢَ ﺃﻧﻒُ ﺭﺟﻞٍ ﺃﺩﺭَﻙَ ﻋﻨﺪَﻩُ ﺃﺑﻮﺍﻩُ ﺍﻟﻜﺒﺮَ ﻓﻠﻢ ﻳُﺪْﺧِﻼﻩُ ﺍﻟﺠﻨَّﺔَ . ﺍﻟﺮﺍﻭﻱ : ﺃﺑﻮ ﻫﺮﻳﺮﺓ

Hadiissati "...Nama ramadaanni isarra dhufee osoo dilii isaatiif araarama hin argatin irra lufe/darbe abaarsi/salphinni isaa sabate..."

#Yaa rabbi warra salphinnii fi abaarsi isaa sabatuu mitii, warra milkiin isaaniif sabattu nu taasisi. Amiin
642 views19:03
Open / Comment
2022-04-17 18:16:47
#Sujuuda Tilaawaa/Sajadaa.

#sajdaan, Qur'aana keessa iddoo 15 jira. Isiin sujuuduun sunnaadha.

#Sajadaan gosa lama

#Gosti tokko kan Rabbiin waa'ee sujuuda Umamtootaa isaa dimshaashaafi kophaan ibsuudha, kanaaf ammoo namni qara'aa jiru kunis isaanitti fakkaachuuf jecha sujuuda gochuu qaba. #Fkn:
‏( ﻭَﻟِﻠَّﻪِ ﻳَﺴﺠُﺪُ ﻣَﻦ ﻓِﻲ ﺍﻟﺴَّﻤﺎﻭﺍﺕِ ﻭَﺍﻷَﺭﺽ

#Gosti lammaffaa ammoo Aayaata Akka Rabbiif sujuudan ajajjuudha, Namni qara'u kunis Rabbii isaatiif ajajameera jechuun sujuuda. #Fkn:
( ﻳَﺎ ﺃَﻳُّﻬَﺎ ﺍﻟَّﺬِﻳﻦَ ﺁﻣَﻨُﻮﺍ ﺍﺭْﻛَﻌُﻮﺍ ﻭَﺍﺳْﺠُﺪُﻭﺍ

#Hoggaa imaamni salaata keessa sajadaa bu'e, namni duubaan itti hidhatee salaatu sunis imaamicha hordofuu qaba.

#Yoo kan imaamni salaata keessa sujuuda tilaawaa/sajadaa bu'e, namni itti hidhatee salaatu sun ammoo rukuu'a sehee bu'e, hogguma imaamni "Allaahu akbar" jedhu dhagahe. maal gochuu qaba?

#iddoma jiru irraa imaamticha hordofuu qaba, yoo rukuu'a irra ture ol deebi'ee bakkuma imaamni jiruu itti fufuu qaba, sujuuda sahwii wanni bu'uufis hin jiru.

Maddi keenya.
1 , 2
183 views15:16
Open / Comment
2022-04-14 13:59:49
Soomana Arrabaa.

#Qaamman Ramadaana keessaa haalaan soomanu qaban keessaa tokko Arraba teenya.

Ergamaan Rabbii ﷺ namoonni heddu sababa Arrabaatiin ibidda seenuu isaanii nutti himanii jiran.

#Kanaafuu Arrabni keenya hammeenya akka hin dubbinne eeguu qabna.

#Namni Arraba isaatiin Rabbii isaa yaadatee, zikrii ittiin godhee, tola Rabbi isatti oole ittiin galatoomfatee, toltuu namaa haasawe, nama karaa qajeelatti waame, ee waa milkaaye.

Namni Arraba isaatiin hammeenya dubbatee, kijibee, ittiin hamate, kasaaraa guddoo kasaare.

#Kanaafuu Arraba keenya bishaan dhabuun goggoge daran
dubbii jibbima ittiin dubbannee isa goggossuu irraa haa fagaannu.

Sanirra zikrii Rabbii ittiin goonee isa haa jiisnu.

#Allaahumma salli wa sallim Alaa sayyidinaa Muhammed.

#Yaa Rabbi Arraba gaarii dubbatu
Qalbii gaarii yaaddu Nuu badhaasi.
105 views10:59
Open / Comment
2022-04-13 08:14:43 Copha Surrii: RAKKOO FI FURMAATA

෴෴෴෴෴෴෴෴෴
Hammi 1.2 MB
Daqiiqaa 5:09
෴෴෴෴෴෴෴෴෴
631 views05:14
Open / Comment
2022-04-10 03:04:32
#Abu Hureeyran (RA) akka gabaasanitti Ergamaan Rabbii (Salallahu Aleyh wasallam) akkana jedhu:

ﺍﻟﺼَّﻠَﻮَﺍﺕُ ﺍﻟْﺨَﻤْﺲُ ﻭَﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔُ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟْﺠُﻤُﻌَﺔِ ﻭَﺭَﻣَﻀَﺎﻥُ ﺇِﻟَﻰ ﺭَﻣَﻀَﺎﻥَ ﻣُﻜَﻔِّﺮَﺍﺕٌ ﻣَﺎ ﺑَﻴْﻨَﻬُﻦَّ ﺇِﺫَﺍ ﺍﺟْﺘَﻨَﺐَ ﺍﻟْﻜَﺒَﺎﺋِﺮَ

“ Salaanni shanan, Jum’aa irraa jum’atti, Ramadaana irraa Ramadaanatti wanta(cubbuu) isaan jiddu raawwatamaniif kaffaaradha yoo namtichi badii gurguddoo irraa fagaate .” (Sahih Musliim)

#Kaffaara-jechuun cubbuu/badii namarraa harcaasu.

#Ramadaanni carraa guddaa hojii gaarii itti sassaabatanii fi hojii badaaf araarama Rabbirraa itti kadhataniidha.


#Rabbiin! Warra keeyrii ramadaanaa keessaa argatu, nuu haa tasisu.
1.8K views00:04
Open / Comment
2022-04-07 15:13:33
#Ibaadaawwan Ramadaana keessaa.

#Muslimoota hundaafuu ji'a kana keessa gosoota ibaadaa kan akka salaata sunnaa, Qur'aana xinxalaafi hubannoo waliin qara'uu, tasbiiha, tahliila, tahmiida, takbiiraa, istighfaara, du'aa'ii sharii'aa.

Gaariitti ajajuu, hamtuu irraa dhorguu, gara Rabbiitti waamuu, dhabeeyyiifi hiyyeeyyii irratti ballisuu.

Haadhaafi Abbaatti tola ooluu
keessatti qabsaa'uu, firooma fufuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuufi wantoota biroo gosa khayrii irraa ta'e keessatti qabsaa'uun karaa godhameera.
2.6K views12:13
Open / Comment
2022-04-03 13:48:11
{ Salaata taraawiihaa }

#Salaanni taraawiiha salaata halkan ramadaanaa hunda salaata ishaa'iidhaa booda, witrii dura salaatamu salaanni taraawiihaa dhiirafii dhala'aaf ni barbaadama, nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akkaan salaatuu ture.

Ammalle nama itti kaasuu ture asaabotaafii warri Sahaaba dhaqqabe hundi jabeessanii salaatuu turan.

Taraawiihni asxaa ramadaana barakaa qabuuti. Isiin nama biratti kabajaa qabdi Rabbi biratti sawaaba guddaa qabdi.

halkan Ramadaanaa maaliin dabarsan.

salaatafii zikri'iin qur'aana qara'uudhan jiraachisudha.

waan Rabbiin je'u dhugo'oomsanii sawaaba Rabbii argatu'uu jecha waan kanniin yoo dalagan diliin cubbuun dabarte namaaf dhiifamti. Akkuma Hadiisaan dabre

"ﻣﻦ ﻗﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺍﻳﻤﺎﻧﺎ ﻭﺍﺣﺘﺴﺒﺎ ، ﻏﻔﺮ ﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻘﺪﻡ ﻣﻦ ﺫﻧﺒﻪ"
“Namni Ramadaana dhaabbate dhugo'oomsaa abdachaa badiin isaa ta dabarte araarama godhamtiif.’’
3.3K views10:48
Open / Comment
2022-04-02 00:11:25
Salaata halkanii salaatuu.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

قال رسول الله || ًمن قام رمضان إميانا ً واحتسابا، غفر له ما تقدم من ذنبه. متفق عليه.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
Hadisatti “Namni Ramadaana dhaabbate (salaate) dhugo'oomsaa abdachaa badiin isaa tadabarte araarama godhamtiif.’’
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
(bukhaarii fi muslim)
2.4K views21:11
Open / Comment
2022-03-24 17:31:56 SIMANNAA RAMADAANA SHEIKH AMIN IBRO

daqiiqaa 33:54

size MB 7.7
3.4K views14:31
Open / Comment