Get Mystery Box with random crypto!

Al-risala-tube

Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube A
Logo of telegram channel risalatube — Al-risala-tube
Channel address: @risalatube
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.01K
Description from channel

..........╔╦╦═╦═╦═╗.....…

Al-risala-tube
•°•Gaarommina qalbii •°•
𖣔 As gubbatti inshaa'allaah 𖣔
🎙Da'awaalee fi ergaawwan
miidiyaalee Islaamaa argattu.
🌐Website: https://alrisalatube.blogspot.com
📩 @qilqil_bot

Ratings & Reviews

4.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

2

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


The latest Messages 7

2022-03-18 14:44:48 #Soomanarraa kan beekuu qabnu.

Barruun gabaabduun dhimma soomanaa ibsitu tuni kennaa obboleeysi iimaanaa isiniif kenne.
Ramadaana hubannoon beekkumsarratti, iimaanaa fii taqwaan soomannee akka
milkiin galluuf qopheeyse.

Jafar Bayan
4.1K views11:44
Open / Comment
2022-03-10 11:47:12
Ramadaanni Waggaa dabree yeroo sirraa xumuramu wantoota itti gaabbite heddduutu jira. Isaan keessaa....

Qur'aana kan fixxee yeroo xiqqaa ta'uun

salaata haalkanii irratti hirdhina sirra jiruun

sadaqaan keennite xiqqaa ta'uun

namoota lulluuqqachiisuu dhabuu keetin

wantoota hin eyyamamiin laaluufi dhageefachuu keetin

walitti dhufeenya hiriyootaa fi maatii kee wajjiin qabdu gaarii ta'uu dhabuun

dadhabina zikrii irratti qabduun

salaata jama'aadhaan salaatuu dhabuu keetin ta'uu danda'a.

eeganaa Rabbiin si milkeessee ramadaan kanaan yoo siin gahe, ramadaan baranaa ka bara tareetin maalin addaan baasuu yaadde? Moo yaadni kee haalu walfakkaatun dabarsuu dha?
5.4K views08:47
Open / Comment
2022-02-21 07:50:55 NuuralHudaa: Wantoota Ajaa’ibaa kan Bishaaniin wal qabatan
429 views04:50
Open / Comment
2022-02-13 19:18:11 NuuralHudaa: Addeessa
741 views16:18
Open / Comment
2022-02-11 18:05:54 Dhaamsa gabaabaa sheeka keenya irraa.
तततततततततततततत

Ibaadaan waan isiif jecha rabbiin nu uumeedha. Ibaadaan maali?
तततततततततततततत

Daqiiqa 2 gadi fi MB 1 gadi.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩
1.1K views15:05
Open / Comment
2022-02-07 18:01:51
Adda Addummaan Shirkii Guddaa fi Xiqqaa gidduu jiru Maali?

Adda addummaa gidduu isaanii jiran keessaa: Shirkii Guddaan namni isa raawwate duniyaa keessatti Islaaman ala akka ta’e itti murtaa’a; aakhiratti ammoo ibidda keessa bara baraan jiraata.

Shirkii Xiqqaan garuu namni isa raawwate duniyaa keessatti kaafirummaan itti hin murtaa’u; aakhirattis ibidda keessa bara baraan hin jiraatu. Gara biraatiin shirkii guddaan dalagaa hunda kan balleessu yoo
ta’u, shirkiin xiqqaan garuu dalagaa irratti argame sana qofa balleessa.

Ammas qabxiin irratti wal dhabame kan biraa namni shirkii xiqqaa hojjate akkuma
nama isa guddaa hojjatee tawbaa malee araara hin argatu moo ni argata?
yookan akkuma cubbuu gugurdaa biraatiinis fedha Rabbii irratti hundaa’a?
kan jedhu. Kamii isaanillee yoo ta’e garuu lamaanuu garmalee hammaatoodha.
331 views15:01
Open / Comment
2022-02-04 14:19:46 Kuxbaa Sheikh Mohammed Arroolee .

daqiiqaa 11:50

size MB 3.
1
426 views11:19
Open / Comment
2022-02-04 08:19:53 Daandii Jijjiramaa-kutaa 3ffaa

Daandii jijjiramaa itti fufuun har’as imala keenya karaa sirri qabanne deemna.

https://telegra.ph/Daandii-Jijjiramaa-kutaa-3ffaa-02-04
492 views05:19
Open / Comment
2022-02-03 08:52:00
Qur’aana Qofarratti hundoofnee Sunnaa Nabiyyichaa [s.a.w] Irraa Duroomuu ni Dandeenyaa?

Kun hin danda’amu. Waan Rabbiin sunnaatti dalaguu nu ajajeef. Innis jecha Isaa kan “waan ergamaan kiyya isinitti fide fudhaa, waan inni irraa isin dhorgerraa fagaadhaa” jedhu keessatti kana nu ajaje. Sunnaan kan dhufte qur’aana hiikuu qofaafi. Isaan malee tokko tokkoon waa’ee amantii kan akka sagadaa hin beekamu.

Ergamaan Rabbii [s.a.w] akkana jedhu:-

“Dhaga’aa! Ani kitaabni naaf kennameera; fakkaatan isaas waliin naaf kennameera. Dhaga’aa! namichi quufaan boraatitti (makaddatti) irkatee fi ‘qur’aana kana qofa qabadhaa, waan isa keessatti halaala ta’ee argitan halaala godhaa, waan isa keessatti haraama ta’ee argitan haraama godhaa jedhu ni dhufa. Innis sunnaa diduuf akkas godha.” (Abuu Daawud) 17
448 views05:52
Open / Comment
2022-02-02 14:02:00 #Gidiraan Guddaan Ilma Namaa Mudatu Kami?

Nabiyyiin [s.a.w] akkana jedhu:- “Uumama Aadam irraa jalqabee hanga guyyaa qiyaamaatti gidiraa guddaan
Dajjaaliin caalu hin jiru.” (Muslim)

Namichi kun ilma namaa kan dhiira irraa ta’e yoo ta’u, yeroo qiyaamaan dhihaatte bara maayessaa keessa dhufa.

Gidduu ija isaattis (kfr) ykn “kaafir” kan jedhu katabameera. Mu’uminni hundi kana ni qara’a. Ijji isaa kan mirgaa kalaamsuudha akka inabii coollibee fakkaatti.

Jalqaba nama waan gaarii hojjetu ta'ee dhiyaata. Ergasii nabiyyummaa himata. Ergasii Rabbummaa himata (ani rabbii natti amanaa jedha).

Namoota bira deemee waamicha godhaaf. Isaan garuu ni kijibsiisu. Jecha isaa fudhachuu didu. Isaanirraa deebi’a. Qabeenyi isaanii isa waliin deemee harka duwwaatti hafu.

Ergasii gara namoota biraa deeme waamicha isaanif godha. owwataniifii isa
dhugoomsu. Samii ajajee roobsisa, dachiis ajajee biqilchiisa. Yeroo gara
namootaa dhufu isaa wajjin bishaaniifi ibiddatu jira. Ibiddi isaa bishaan
qabbanaa'aadha, bishaan isaammoo ibidda. Mu’uminni hundi xumura sagada
isaa hunda irratti gidiraa isaa irraa Rabbitti maganfachuu qaba.

Yoo beeke keewwatoota jalqaba suuraa Kahaf irra jiran haa qara’u, ykn fitnaa isaa sodaatee isaan wal qunnamuu irraa haa maganfatu. Nabiyyiin [s.a.w] akkana jedhu:- “Namni Dajjaalin dhaga’e isarraa uf haa eegu. Rabbitti kakadhee! namichi mu’umina uf see'ee isatti dhufa, boodarra kanuma harka isaa keessa seene of arga.” (Abuu Daawud)

#Dachii gubbaa guyyoota afurtama jiraata. Guyyaan tokko akka waggaati,
guyyaan tokkommoo akka ji’aa ti, guyyaan tokko akka jum’aati, guyyoonni
hafan akkuma guyyaa amma jiraniiti. Makkaa fi Madiinaa malee biyya ykn
dachii tokkollee odoo hin seenne hin hafu, ergasii Iisaan (A.s) bu’ee isa ajjeesa.
899 views11:02
Open / Comment