Get Mystery Box with random crypto!

💻 Barannoo Tech 💻

Logo of telegram channel barataadhaaf — 💻 Barannoo Tech 💻 B
Logo of telegram channel barataadhaaf — 💻 Barannoo Tech 💻
Channel address: @barataadhaaf
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 5.77K
Description from channel

ꨄ︎ beekuun gaariidha, waan beekan nama barsiisuun ammoo gaarummaadha.

Ratings & Reviews

2.50

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 5

2021-10-11 09:34:26
oroict.com dhaabbata teeknoolojii heddu Afaan Oromootiin dhaabbilee adda addaatiif dhiyeessudha.

Dhabbatichi hojiilee Afaan Oromoo heddu adda duurummaan xiyyeeffatee dursuu fi qindeessuun hojjataa kan jiruudha.

Isaan keessaa qindeessummaa oroict.com; hiikkaa Feesbuukii, hiikkaa Telegiraamaa, wikipedia Afaan Oromoo, hiikkaa Tarminoolojii Afaan Oromoo, Appi Mobaayilaa hedduu fi kkf dha.

oroict.com bara 2016 ALA dhabbatee hojii eegale. Afaan Oromoo afaanota gaanfa Afrikaatti bal’inaan dubbataman keessaa sadarkaa 3ffaa irraa jiraatuus Afaan Oromoo gara teeknooloojiitti jijjiruun Afaan Idil Addunyaa taasisuuf dhaabbanni oroict.com hojiilee boonsaa eegaleera.

Odeeffannoo adda addaatiif t.me/abdisabancha irraa hordofaa, ogummaa qabdaniin isinis gahee keessan Afaan keessaniif bahadhaa.

http://oroict.com daawwadhaa.
2.1K viewsedited  06:34
Open / Comment
2021-10-09 15:59:43 #chanaalonni gadii kunniin kan beeksisa waliin hojjennuudha, kan barbaaddan join godhaa.
1.8K views12:59
Open / Comment
2021-10-09 15:58:06
Turtii dhagaa bilbila keenyaa hamma tokko fooyyeessuuf.

Jalqaba appi chargi keessan hedduminaan fayyadamu adda baaftanii beekuun, kan hin barbaachifne, uninstall gochuu.

Appiilee akka, Twitter, instagram, fb,messanger,E-mail fa'a banttii dhiisuu dhabuu.

Bluetooth, WiFi, Gps/location bantanii dhiisuu dhabuu, keessattu gps.

wallpaper socho'aa fayyadamuu dhabuu.

Brightness bilbila hir'isuu.

Turtii bilbila waliin qabdan, keessattuu waan akka dataa, vidiyoo dhedheeroo, game fa'a hir'isaa fayyaadhaafi hir'isuun gaariidha.

Chargera filatamaa fayyadamaa.

Xumuura irrattii charge yeroo gootani irraa buqqiftan hamma 100 guutuu hin eeginaa, ammas yeroo charge irra keessan hamma 15 gadi dabree 0 ta'uu hin eeginaa.
2.3K views12:58
Open / Comment
2021-10-05 23:54:44
#Ethio_telecome.

#Tajaajila haaraa, kuufamaaleen bitattan yeroon irraa isin jalaa dabree akka hin gubbanne kan taasisuu fi hiriyyaa keessanii akka dabrsitan qarqaaru Telen ifoomse.

#hammi xaqqaan guyyatti irraa namaaf qooduun danda'amu,

kuufama sagalee daqiiqaa 3 hanga 100.

Kuufama data 30 Mb hanga 1 Gb.

Kuufama sms 5 hanga 500

#Akkuma isa ergaawwan biroo yeroo namaaf dabrsitan yeroo tokkotti Telen saantima 20 murata.

#itti fayyadamni *999# itti aanse filannoo 5ffaa, boodarra filannoo 2ffaa achi boodaan akka kuufama keessaniitiin filattu.

#Note : yeroon hanguma isa kaan irraa hafe malee haaraa miti.
1.1K viewsedited  20:54
Open / Comment
2021-10-05 23:52:14
Sababaa cufamuu Facebook, WhatsApp fi Instagram naannoo sa'aa jahaatiin dhaabbanni Telegram maamilli haaraan guyyatti Telegramitti seenu akkaan dabalee jedha.

Durov's hogganaa fi bu'ureessaan Telegraam akka jedhetti guyyaa sana maamila haaraa Miiliyoon 70 ol simannee jirra jedha.
957 views20:52
Open / Comment
2021-10-05 09:54:36 Dhaabbatichi jijjiirama sirnaa/tarreeffamaa sirrii hin taanetu rakkoo kana uume jedhe.
1.2K views06:54
Open / Comment
2021-10-04 08:22:42
Botiwwan sadeen Abdurazak Isihakin walbaraa, Medical student following Doctor of medicine program at Ambo University.
━━━━━━━━━━
➦Bots Name: Entrance Exam preparation bot
@AceExambot

#Barattoota qormaata Entransiif qophii irra jiran gargaara.

➦Bots Name :Convert images to pdf @Imagepdfmakerbot

#suuraa gara pdf geeddaruuf gargaara.

➦Bots Name :Dictionary @ABIYO_BOT

Hiikkaa jechoota ingliffaa ibsa waliin.

The largest and most trusted free Telegram dictionary.


https://t.me/ABDURAZAK_I
1.8K views05:22
Open / Comment
2021-08-28 16:30:17 - Lakkoofsi IMEI maali?
- Bilbila bade argachuuf nu gargaaraa?

Lakkoofsi IMEI (International Mobile Equipment Identity) jedhamu lakkoofsa addaa bilbila hundaan wal qabateedha. Lakkoosfi kun baay'inni isaa dijitii 15 yoo ta'u, yeroo ariifachiisaa keessatti baay'ee barbaachisaadha.

Lakkoofsi IMEI lakkoofsa MEID jedhamuunis ni beekama. Lakkoofsi IMEI ykn MEID wal fakkaataan hin jiru. kuni immoo bilbila badu/hatamu irra gahuuf mala dhumaa ta'ee jira.

Lakkoofsi addaa kun bilbila haaraa hundaaf muudameera. akkasumas SIM card waliin wal qabatee jira. Kanaafuu, yoo bilbila dual-SIM (kan siimii lama fudhatu) faayyadamta ta'e, bilbilli kee lakkoofsa IMEI lama qaba jechuudha.

Bilbilli kee yoo bade/hatame karaalee adda addaa gargaaramuun carraan bilbila sana argachuu ni jiraata. Fkn; kaampaanii bilbila kee oomishe yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. akkasuma, poolisoota naannoo keetii yoo quunnamte si gargaaruu danda'u. kan si gargaaran immoo yoo ati lakkoofsa IMEI qabaattedha. Biyyoota gurguddatan tokko tokko keessatti website lakkoofsa IMEI report irratti godhamu ni jira.

Lakkoofsa IMEI qofaan bilbila na jalaa bade irra gahuun danda'aa?

Ati lakkkoofsa IMEI qofa beektef bilbila tokko irra gahuu hin dandeessu. Qaamota olitti jenne gargaarsa gaafachuu si barbaachisa. qaamonni kun si gargaaruf haal-duree adda addaa si gaafachuu danda'u. Fkn; Abbummaa bilbila sanaa nuuf mirkaneessi jechuu, akkasuma; maalif bilbila sana argachuu akka barbaaddes si gaafachuu danda'u. Sababni; dogoggora ati dalagdeef bilbilli kee si jalaa bade/hatame waan ta'eef yeroo siif kennuu hin barbaadan.

Garuu; poolisoonni yakki hamaan bilbila keetin wal qabatu yoo raawwatame bilbilaaf jecha osoo hin taane namicha yakka raawwate adamsuuf mala kana gargaaramuu danda'u. isaanis kana gochuuf lakkoofsa IMEI sihirraa fedhu.

Amma barbaachisummaa lakkoofsa IMEI hubanne fakkaata. sababa kanaafis ta'ee kan birootif yeroon itti si barbaachisu dhufuu danda'a. kanaafuu; har'uma beekii ol kaayadhuu siif dhaamna.

Qabxiilee sadi lakkoofsa addaa kana argachuuf nu gargaaran haa ilaalluu. yoo bilbilli kee badellee argachuu ni dandeessa. (+screenshot)
https://oromiasamsung.com/lakkoofsi-imei-maali-bilbila-bade-argachuuf-nu-gargaaraa/
1.8K views13:30
Open / Comment
2021-08-21 07:07:28 #Ethiotel

#dhaabanni itiyoo telekom tajaajiloota kuufama haraa fi isa duraan ture irratti 20% fooyya'iinsa taasisee jirachuu ibse. Dabalataanis #telebirr yoo fayyadamtan fooyya'insa 10% ni qaba.

#Appii olii kanaa fi *999# irratti bilbiluun kuufamoota jiran kessa bitachuun fayyadamaa.

Version: 1.4.2(142)
Updated: Aug 15, 2021
Size: 23.03MB
584 viewsedited  04:07
Open / Comment
2021-07-31 08:41:44
#Barattootaaf

#Vidiyoolee/suur-saglee fi kitaabota dabalatee, barattoota ni qarqaara jedhamee website biiroo barnootaatiin qophaa'eedha barattoonni haalli isiniif mijate irraa fayyadamaa.

Link :https://elearn.moe.gov.et
934 views05:41
Open / Comment